header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaKoroonaaOdeeyfannoo

Yunivarsiitiin ‘Oxford’ yaaliin talaallii Covid-19 bu’a qabeessa tahuu beeksise

Yunivarsiitiin beekamaan Briteen Oxford jedhamu kanaan dura talaalli dhibee Covid-19 hojjatuun, nama irratti yaalii jalqabuu ibsuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan Yunivarsitichi bu’aa yaalii kanaa ifa kan godhe yoo tahu, yalii jalqabaa namoota 1,077 irratti godhameen talaalliin kun hojjatame nama irratti miidhaa akka hin qabnee fi humna dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa namaa kan dabalu tahuun beekamee jira jedhe.
Bu’aa qorannoo amma ibsameen namoonni wal’aansa yaalii fudhatan humna dhibee ofirraa ittisuu akka cimsataniifi, seeliin adii isaanii akka ijaaramu kan gargaare tahuun beekamee jira. Talaalliin kuni abdachiisaa ta’us, fuuladuratti yaalii itti fufuuf gahaa ta’uun isaa ammatti hin beekamne.
Talaallii kana Yunvarsiitiin Oxford dhaabbata AstraZeneca jedhamu waliin tahuun namoota hedduu hirmaachisuun gaggeessaa ture. Mootummaan UK qorannoo kana maallaqaan kan deeggaraa jiru yoo tahu, talaalliin kun yoo milkaahe lammiilee isaatiif doozii miiliyoona 100 fudhachuuf dursee ajajee jira.
Odeeyfannoo walqabateen qorattoonni Briteen dhibeen Covid-19 kun yoo xiqqaate sadarkaa jahatti akka ramadamu ibsaa jiran. Sayintistoonni dhaabbata King’s College London jedhamuu, mallattoolee namootni vaayirasichaan qabaman mul’isan irratti hundaayuun, dhibee Covid-19 kun sadarkaa gadi aanaa qufaa xinnoo ho’aa qaamaa hin qabaannee irraa jalqabee, hanga dhukkubbii garaa yaasaa fi hafuura baafachuu dadhabuutti nama geessu kan qabu tahuu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button