header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Itoophiyaatti Lakkoofsi Namoota COVID-19 qabamanii 56,500 dabre

Biyyattiitti sa’aa 24 dabre qorannoo laabraatoorii namoota 23,712’f godhameen vaayrasichi namoota 1,303 irratti argamuu fi walumaagalatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 56,516 gahu gabaafame.

Lakkoofsi namoota guyyaa har’aa dhibee kanaan lubbuun isaanii dabre immoo 24 yoo tahu, walumaagalatti 880 gahe jira. Akkasumas namoota 329 kan hardha dhibee kanarraa fayyaan dabalatee hanga ammaatti namoonni 20,612 bayyanachuu ministeerri fayyaa biyyattii beeksise.

Odeeyfannoo biraatiin immoo Afrikaatti Sagantaan Dhaabbata fayyaa Addunyaa, Afrikaan dawaa talaallii COVID-19 marsaa jalqabaaf doozii miiliyoona 220 caalu argachuuf jirti jedhe.

Dhaabbatichi dawaa marsaa duraan argamu kanaan hojjettoonni fayyaa fi namoonni vaayirasichaaf daran saaxilamoo ta’an dursa kan argatan tahuu beeksise.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hogganaan sagantaa Afrikaa Richaard Mihiigoo dawaan kun kan hiramu baay’ina uummataa biyyoota Ardichaatiin tahuu ibse.
Ardichaatti hanga ammaatti namoonni 1,282,993 dhibee kanaan qabamanii jiru, sun keessaa namoonni 1,019,294 kan fayyaan yoo tahu 30,694 immoo du’u odeeyfannoo ni addeessa.
Afrikaa kibbaatti aanuun Masri, Morokoo fi Itoophiyaan walduraa duubaan ardichaatti biyyoota lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii olaanaa qaban tahuu ragaaleen ni mul’isu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button