header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gareen Huusii Helikoptara Waraana Sa’uudii rukutee kuffisuu beeksise

Gareen Huusii Kaabaa Yaman too’ataa jiru ibsa baaseen, Sabtii hardhaa Helikoptara Waraanaa Sa’uudii daangaa biyyoota lamaanii keessatti basaasa irra turte, misaa’elaan rukutee kuffisuu beeksise. Dubbi himaan garee Huusii Yahyaa Sare’a akka ibsetti, Helikoptarri rukutamtee kufte guututtu kan gubatte yoo tahu, Paayleetonni helikoptarattii oofaa turan lama duu’uu ibsame.

Haata’u malee mootummaan Sa’uudii ibsa garee Huusii kana ilaalchisee hanga ammaatti wanti dubbate hin jiru.

Gama biraatiin ammoo mootummaan Sa’uudii yeroo dhihoo asitti lola bara 2015 irraa eegalee Yaman keessatti adeemaa jiru kanaaf, furmaata siyaasaa barbaaduuf fedhii kan agarsiise yoo tahu, haaluma kanaan Khamiisa dabre loltoota Huusii waraana gamtaa Arabaatiin booji’amanii Sa’uudii keessatti hidhamanii turan jidduu nama 128 gadi lakkisuun, xiyyaaraan gara Sana’aatti kan deebifaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button