header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sagantaan Muhaadaraa guddaan magaalaa Dirree Dhawaatti geggeeyfame

Sagantaa Muhaadaraa Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti Alhada har’a mata duree “tokkummaa fi jaalala” jedhuun gaggeeyfame kana irratti ulamaa’ota, du’aatotaa fi munashidoota dabalatee, keeysummoonni hedduun kan irratti arkaman tahuun beekamee jira. Keeysummoota kanneen jidduu dura taa’aan du’aatota Oromiyaa Sheikh Amiin Ibroo, Ustaaz Mas’uud Nuuraa, Ustaaz Jamaal Aliyyii, Ustaaz Ibsaa Hasan fi Ustaaz Anas Muhammad keessatti argamu.

Akkasuma qaama mootummaa irraahiis I/A/Bulchiinsa magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadiir Juwaar sagantaa tana gubbatti arkamuun dhaamsa dabarfatee jira.

Obbo Kadiir dhaamsa isaa kanaan “Biyya ulamaa’iin itti hin kabajamne jiraachuun jiruu hin taatu; biyya imaamni itti hin kabajamne jiraachuun gatii hin qabdu!
Ulamaa’onni aangoo guddoodha qaban. Aangoo isaanii nama osoo hin taane rabbiitu kenneef, rabbii guddaa yoo taate malee namni irraa buusuu dandayu hin jiru!” jechuu isaa gaabaasni arganne ni addeessa.

Sagantaan Muhaadaraa ummanni hedduun irratti hirmaate kun; magaalaa Dirree Dhawaa keessatti sochii diinii magaalattiin ittiin beekamtu akka duriitti deebisuudhaaf faayidaa guddaa kan qabu tahuus ibsame.

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button