header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaaffii Zooniin Sidaamaa naannoo ta’uuf dhiheeffate ilaalchisuun ibsa kenne

Manni Maree Zooniin Sidaamaa karaa Mana Maree Naannoo Kibbaatiin, rifarandamiin akka gaggeeffamuuf Boordii Filannoo Biyyoolessatiif Sadaasa 12,2011 gaaffiin kan dhihaatee ture tahuu ibsame. Akka Heera mootummaa keewwata 43/3/B/  “guyyaa gaaffiin sun dhiyaate irraa jalqabee waggaa tokko”yeroo qophii barbaachisu Boordichaafis hojiirra kan oolu tahuu ibsa.

 

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa heera mootummaa kana bu’uura godhachuun, yeroon kenname dhumachuudhaaf baatiiwwan shanan hafan keessatti rifarandamii gaggeessuudhaaf qophii barbaachisu kan godhaa jiru tahuu ibse.

 

Ummanni Sidaamaa naannoo kibbaa irraa adda bahuudhaaf yeroo dheeraaf kan gaafataa ture tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button