header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Ruwaandaan talaallii vaayrasii koroonaa kennuu eegalte

Ruwaandaan lammiilee isii haala addaatiin weerara vaayrasii koroonaatiif saaxilamoo ta’aniif, talaallii kennuu akka eegalte beeksiste.

Haaluma kanaan hojjattoota seektara fayyaa dabalatee kutaalee hawaasa vaayrasichaaf saaxilamoo ta’an, Wixata har’aa irraa jalqabee talaalliin kennamaafii jira.

Ministeerri Fayyaa biyyattii akka beeksisetti, Ruwaandaan talaallii kana qaamolee qindeessitoota talaallii vaayrasii koroonaa idil addunyaa irraa argachuu ibse. Talaallii doozii dabalataa argachuufis mootummaan biyyattii dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjataa jiraachuu beeksise.

Ruwaandaan baatii laman dhufan keessa Talaallii dhaabbata Astrazenikaa Doozii kuma dhibba 9 fi kuma 96, dabalataanis talaallii Kaampaanii Pfizer Doozii 102,960 ni argattee jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button