header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Haaji Shunii Anshoo gara ganda aakhiraa godaanan

Innaa Lillaahi Wa Innaa Ileeyhi Raaji’uun

Haaji Shunii Anshoo Godina Arsii Aanaa Munessaa Ganda Adaree Golbaatti kan dhalatan yoo tahan, naannawa dhaloota isaanii keessatti diin Islaam akka babaldhatu, keessattuu Towhiidni akka dagaaguuf carraaquun beekaman. Akkasumas Qabsoo ummata Islaamaa keessattillee adda durummaan hirmaataa turan.

Haaluma kanaan ummata Aanaa Muneessaa fi naannawa sanii biratti jaalalaa fi dhageettii guddaa nama qaban akka turan odeeyfannoon ni addeessa.

Hayyuun kun yeroo dheeraaf dhukkuba kalee dhukkubsataa kan turan yoo tahan, Sabtii kaleessa gara ganda aakhiraatti godaanan. Alhada har’aa ammoo bakka Aalimoonni halqaa ilmii barsiisan fi ummatni hedduun argametti sirni awwaalcha isaanii kan raawwatame tahuun beekameera.

7 Comments

  1. انلله وأن عليه رحنا
    innaa lillaah wo innaa ileeyhi Raaji’un
    Rabbiin worra jannaata isaan haa taasisuu alaa ali isaanitif Sabrii haa keennu

  2. innalillaah wainnah ileehi raji.uun
    innalillaah wainnah ileehi raji.uun
    innalillaah wainnah ileehi raji.uun
    aali ollaa isaatif jajjabina hawwina

  3. nama aduniyarati ilmi babalisu rabiin janata kesati olaa Nabiyii kenyaa sallah alleey waasalaam isaan ha qubsisuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button