header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ulamaa’onni gurguddoon Godina Harargee Lixaa gocha seeraan alaa amantaa dawoo godhatuun raawwatamu kan balaleeffatan tahuu ibsan

Godina  Harargee lixaa magaalaa Ciroo keessaatti ulamaa’otaa fi hawaasni muslimaa aanaalee gara garaa irraa walitti dhufuun marii guyyaa sadihii kan geggeessan yoo tahu, ulamaa’onni  xumura marii kanaa irratti ibsa ijjannoo qabxii 7 qabu baasaniiru.

Ulamaa’onni gurguddoon Godinichaa ibsa ijjannoo baasan kana irratti, jijjiirama biyyattii keessatti wareegama ummataatiin argame kana kan deeggaran tahuu fi gochoota  jibbiinsaa Islaamummaa iddoo gara garaatti raawwatamaa jiran ammoo kan balaaleffatan tahuu beeksisan.

Dabalataanis mootummaan qaamolee gocha kana raawwataa jiran saffisaan tarkaanfii akka irratti fudhatu gaafatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button