header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Arkaana Soomaa

Akkuma maalummaa isaa irraa hubannutti soomni ruknii lama qaba.
1- Waan sooma nama fursiisu irraa baha fajriitii eegalee hanga lixa aduutti of eeguu dha.

2- Niyyaa: innis fajriin dura sooma niyyachuu dha. Ragaan kanaa hadiisa
” إنما الاعمال بالنيات، وإنما لكل امرئ ما نوى “.
“Dalagaan kamuu kan fayyaa ta’ee argamu niyyaadhaani”. Niyyaan halkanuma cufa irraa jiraachuu qaba.
حديث حفصة قالت: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: ” من لم يجمع الصيام قبل الفجر، فلاصيام له.” رواه أحمد وأصحاب السنن، وصححه ابن خزيمة، وابن حبان
Hadiisa Hafsaa irraa odeeffame keessatti Ergamaan Rabbii ((SAW)) akkana jedhan: “Namni fajrii dura sooma hin murteeffatin soomni isaa hin jiru”. Ahmadii fi warra sunanaa arfaniittu gabaase.
Qalbii qofaan niyyachuun gahaadha. Afaaniin baasanii dubbachuun barbaachisaa miti, inumaayyuu bid’aadha. Garuu sooma sunnaa keessatti hedduun beektotaa akka jedhanitti: yoo ganama waa hin nyaatin guyyuma irraa sooma niyyachuun ni dandaama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button