header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Waldaan Tola oola Diida’aa Harka qalleeyyii 300 deeggarsa godhe

Waldichi baatii Kabajamaa Ramadaanaa sababeeffachuun Alhada kaleessaa Ramadaan 13,1442 harka qalleeyyii fi rakkattoota magaalaa Roobee Diida’aa fii naannawa saniitti argaman kanneen waan ittiin faxaran hin qabne 300 ol tahaniif deeggarsa godhe

Haaluma kanaan harka kanneeniif tokko tokkoon isaaniif daakuu qamadii kiiloo 10 fii Zayita nyaataa Litira 3 kan keenne yoo ta’u waldichi of duraafis deeggarsa kana kan cimsee itti fufu ta’uu ibse.

Harka qal’eeyyiin kunneen yaada isaanii yoo ibsan, waldichi yaroo Hawaasni keenya rakkina keessa jirutti kan dhaqqabeef tahuu ibsuun arjoomtotaa fii miseensota waldaa kanneeniitiif du’aa’ii kan godhan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

9 Comments

  1. As wr wb Rabiini wani kenitani calaa dabalee isinii hakenuu yaa rabii amiiiin amiiiin🤲🤲🤲🤲🤲🤲

  2. Akkam jirtan qopheessitoota qophii soora qalbii muslimaa rabbi galanni haa gahu qophiin teessan hedduu bareeddu irraa barachaa jirraa itti bohaaraa jirraa Adduniyaa Aakhiratti rabbi isin haa qanansiisun isiniin jedhaa galatooma.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button