header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sheikh Amiin Ibroo fedhii isaaniitin itti gaafatama Majlisa Federaalaa keessatti qaban gad-lakkisuu ibsan

Waggaa dabare Amajjii 23/2011 dhimma Majlisaa irratti walgahii Hoteela Sharatanitti gaggeeffame, mummichi ministeraa Abiy Ahmad dabalatee, qondaaltoonni mootummaa ol’aanoon, Ulamaa fi bakka bu’oonni hawaasa Muslimaa kutaa biyyattii gara garaa irraa bakka buufaman irratti hirmaatanii turan.

Walgahii kan irratti Majlisni duraanii akka aangoo gad-lakkisuufi hoggantoonni mana marii cehumsaa namoonni 26 filamanii mana marii Ulamaa akka hogganan bakka bu’uun ni yaadatama.

Namoota 26n miseensa Mana Marii Ulamaa Itoophiyaa tahuun filaman keessaa tokko kan tahan, Sheikh Amiin Ibroo xalayaa Amajjii 18/2012 Mana Marii Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaaf barreessaniin itti gaafatamummaa isaanii gad-lakkisuu toora Facebook isaaniitin ifoomsan.

Manni Marichaa shira beekaa hojjateen Ulamaa 26n filaman jidduu namoota 9 qofa magaalaa Finfinneetti hanbisuus himan, Ulamaa hafan ammoo gara naannoo isaaniitti gad deebisuun hojii isaanii irraa mulquu fi haala saniin hawaasa Muslimaa bakka isaan buufateef hojjechuu hin danda’iin tahuu, akkasumas dhiibbaa isaan irratti godhameenis walgahii Majlisni Federaalaa hanga ammaatti gaggeesseefi murtii dabarsaa ture irratti kan argamanii hin bekne tahuu ibsan.

Murtiileen Majlisa irraa kennamaa jiran beekkamtii isaaniitin ala taatus, maqaan isaanii irratti dhahamaa turrus komatan.

Majlisni Federaalaa waan ummata abdachiise tokkollee osoo hin dhugoomsin, humaa osoo hin hojjetin yeroo isaaf kennamte fixee heera-malee aangoo irra jiraachuus ibse. Kun ammoo beekkamtii isaaniitin alatti namoota muraasaan taasifamaa jira jedhan.

“Namoota tokkummaa hin barbaanneefi aangoo irra turuu hawwii qaban mataa irra kaayyachaa tokkummaan Majlisni Federaalaa labsaa jiru kun, ilkee Hancoon dhaabbatte fakkaata. Tokkummaan labsamaa jirtu ta dhugaa akka hin tahin, namoonni achitti hafan garaan isaanii nagaya akka hin tahin, keessattuu gama mataa kanarra rakkoon akka jirtu torbaanin achirraa deemeen bareechee hubadhe” jedhan Sheekh Amiin Ibroo.

Itti ida’uunis ‘arra irra boru wayyaawa! Boru irra iftaan tola jennee eega turre. Garuu humaa waan sirratu hin garre. Guyyoota hanga kana mara cal’isee haala hamaa deemaa jiru isiniif ibsuu dhabuu kiyyaaf dhiifamaan isin gaafadha’ jechuun ummata dhiifama gaafatanii jiru.

Itti gaafatama kana gad-dhiisuun Muslimaaf hojjechuu dhaabuu jechaa miti. Murannoon Majlisni akka sirraawuufi tajaajila ummataatiif kan qabsaawan tahuus dubbatan.

‘Tokkummaa afaan qofaan lallaban osoo hin taane, tokkumma lafa qabatte fiduu irratti hojjedhaa. Wal shakkii fi kaayyoo ummataa lafatti dhiistanii tan garee takkaa qofa leellisuu irraa if qusadhaa’ ergaa jettuus warra Majlisaatif dhaaman.

Manni Marii Dhimmoota Islaamaa cehumsaa hundeeffame kun ji’a 5 keessatti caasaa Majlisaa bifa haarayaan jaaree, filaannoo gaggeessuun qaama ummanni filateef aangoo akka gad-lakkisuuf walii galamee ture. Tahus yeroon jedhame dabare waggaa gahe jira.

Xalayaa Sheikh Amiin Ibroo

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button