Awwaannisa

 Ilbiisota keessaa kan namni heddu beeku  Awwaannisa. Guddinni awwaannisaa ilbiisota jiddu galeessa ta’an keessatti ramadama. Ilbiisni kun naannoo margaafii biqiltoonni akkasumas bishaan gahaan jiru malee hin jiraatu.

Dheerinni awwaannisaa hanga iinchii 2 ni gaha. Sababa kanaaf jecha jiraachuudhaaf yoo xiqqaate marga hanga inchii 5 dheeratu barbaada.

 Awwaannisni lafa oowwina qabu kan biqiltootaafii marga jiidhaa hedduminaan qabu jaalata. Yoo iddoo inni jirutti haalli qilleensaa qabbaanaaweefii yoo biqiltoonni gogan, hoomaadhaan iddoo sanii buqqa’ee gama naannoo biro godaana.

Godaansa isaa kana keessatti, waan karaa inni keessa deemu irratti argamu tokkollee hin dhiisu. Biqiltootaa fi marga argate hunda dachiirraa xuruuraa deema.  midhaan akka garbuu fi qamadii dhaabatumatti caccabsee akka haamtuutti haamaa yeroo gabaabaa keessatti barbadeessee bira dabra.

Godaansa Awwaannisa

Biyya keenya keeysatti yeroo tokko tokko awwaannisni midhaanitti ni qabata. Hawaasni biyya keenyaatis, itillee goggogaafii waan yoo tuman iyyu itti iyyisiisanii rifachiisanii malaan ofirraa kaasu. Akkas malee yoo itti dhiisan oorruun midhaanii takkallee naannoo sanitti hin haftu. Margi loon dheedus dachii naannoo sanii irraa takkumatti haamamee dhuma.

Sanyii Awwaannisa

Dachii tana irra sanyiin awwaannisaa kuma 11 oltu argama. Sanyiin kun hundi isaaniituu naannoo mukkeenii fi margi baay’inaan argamu keessa jiraatu.

Haala Uumama Awwaannisa

Haala uumama awwaannisaa yoo laalle immoo, akkuma ilbiisota hedduu awwaannisnis qaama gosa sadihii qaba. Mataa, mudhii fi garaa isaati. Dabalataanis miila qaba. Koola akkasumas ammoo anteenaa lamaa mataa irraa qaba. Anteenaan awwaannisaa wantoota naannoo sanitti argaman toohatee dhaamsa gara sammuutti dabarsa. Dheerinni anteenaa kanaa dheerina qaama isaa ni caala. Kana jechuun anteenaan awwaannisaa inch tokko yoo ta’e, mataan, mudhiini fi garaan awwaannisaa walitti inchi tokko gad ta’a jechuu dha.

Awwaannisni miila jaha qaba jennee jirra. Gama tokkoon sadihi gama kaaniinis sadihi. miilli awwaannisaa kun akka malee jajjaba. Miilli awwaannisa lamaan kan gama duubaatti argaman immoo dheeraa fi humna jabaa kan qabu yoo tahu, Yeroo heddu miila lameen duubaa ol cabsatee deema. miila isaa duubaa kanatti fayyadamuudhaan fageenyaa dheeraa utaaluu danda’a. Yeroo tokkoon fageenya dheerinna isaa dachaa kudhaniin caalu samii keessa ol utaaluu danda’a. Akkasumas dagalee ammoo dheerinna isaa dacha 20 caala utaalu danda’a. Miilli isaa hafan afran garuu deemsaaf akkasumas muka, margaa fi biqiqltoota garagaraa irra bahuudhaaf isa gargaara.

Awwaannisni ilbiisota heerbiivaras keessatti ramadama. Kanaaf nyaatni isaaf heddu barbaachisu biqiltoota, mukkeen, firiiwwanii fi marga soorata. Gama biraatiin awwaannisni wantoota hedduun nyaatama. Reepitaayiloonni, ilbiisonni isa irra gurguddaa ta’an, hoosiftonni fi simbirroonni heddu awwaannisa sooratu. Biyyoota Afriikaa garii fi Eeshiyaa keessatti ilmi namaatis awwaannisa ni soorata.

Awwaannisni dhalaan wayta wal hormaataatti hanqaaquu bifa calleeetiin jiru hanqaaqxee cirracha keessatti awwaalti. Hanqaaquun kunis haga 20 ni ta’a. calleen hanqaaquu kun hanga iinchii 2 gad fageeeffameeti awwaalama. Ji’a 9f erga cirracha keessa tureen booda wayta haalli qilleensaa akkaan hoo’aa ta’etti ilmooleen takka takkaan keessaa yaati.

Hanqaaquu callee fakkaatu sanirraa jalqaba ilmoon tokko ykn kan nymph jedhamu, hanqaaquu cabsee, cirracha san keessa loohe dirree gubbatti ol baha. Kana booda kanneen hafanis walduraa duubaan hanqaaquu ofii cabsaa gara addunyaa tanaa makamu.

Hanqaaquu Awwaanisa

Akkuma hanqaaquu keessaa bahaniinis saffisa jabaan guddataa deemu. Garuu wanti ajaa’ibaa tokko ni jira.

Awwaannisni tokko jireenyi  waggaa tokko hin guutu. Hedduun isaanii akkuma ol guddataniin du’an. Kana jechuun awwaannisni hedduun isaa dachii tanarra osoo hin taane hanqaaquu keessaa yeroo dheeraa jiraata.

Awwaannisni qaamaan yoo ilaalan ija keenyatti xiqqaa fakkaatu kun garuu gaafa baditti ka’e wanti isa gahaa hin jiru. Waggaa waggaan Awwaannisni midhaan doolaara biiliyoona 1.5 ta’u barbadeessa. Kunis qabeenya guddaa dha.

Share

Recent Posts

Yaalii xiyyeeffannoo barattootaa dabaluudhaaf Chaayinaan godhaa jirtu

Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee…

23 hours ago

Dhahannaa Onnee

Qaamni ilma namaa hundi dalagaa uumameef qaba. Akkasuma qaamni hundi eega sa’aa dheeraaf dalagee booda…

2 days ago

Biyyoota maqaa jijjiiratan

Ilmi namaa seera uumamaa dhiisee seera ofii baaseen eega of bulchuu jalqabee booda nageenyi addunyaa…

3 days ago

Proboscis Monkey (Qamalee funyaan Kumbii)

Uumama Rabbiin keenya uume lakkoofne fixuu hin dandeenyu. Wanti hundi bifa fi sanyii garagaraa qaba.…

4 days ago

Ulaagaa Bareedinaa

Ulaagaan bareedinni ittiin madaalamu seenaa addunyaa tanaa keessatti garaagarummaa qaba. Wanti waggoota 500 dura akka…

5 days ago

Piraanhaa

Piraanhaan sanyii qurxummiiti. Maqaan piraanhaa jedhu afaan biraaziliitiin “Qurxummii ilkaan qabu” jechuudha. Qurxummiin kun ilkaan…

6 days ago