header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Diina Qonnaan Bultoota Awustraaliyaa

Tafakkur: Wombat

Uumamni kun Wombat jedhama. naannawa qarqara kibba-baha Awustraaliyaa fi eddoola naannoo sanitti argaman keessa baay’inaan jiraata. Wombat naannawa bosona heddu qabu, akkasumas lafa marga heddu qabu keessa jiraachuu filata. Sanyiileen Wombat heddu yoo ta’an, garee gurguddaa lamatti qoodamu. Kunis warra funyaanirraa rifeensa qabanii fi warra rifeensa hin qabneedha. Awustraaliyaa keessatti Wombat akka diinaatti laallama. Keessattuu qonnaan bultootaaf Wombat diina midhaan isaanii balleessu waan ta’eef rakkoo guddaadha. Kanaafuu yeroo argan hunda uumama kana ni ajjeesu. Akkasuma summii adda addaa fayyadamuunis lafa callaa isaanii tikfatu. Sababa kanaafis lakkoofsi Wombat haalaan xiqqaachutti jira. Dabalataan ammoo manca’iinsi bosonaatis lakkoofsi uumama kanaa akka xiqqaatu taasisutti jira. keessumattuu warri rifeensa funyaanirraa qaban dachii tanarraa dhabamanii seenaa ta’uuf dhihaataniiru.

 

Sanyiilee Marsupial kan Awustraaliyaa keessa jiran keessaa Wombat guddina qaamaatiin sadarkaa lammaffaarratti argama. Dheerinni Wombat haga Meetira tokkoo ta’a. Ulfaatinni isaatis kilograama 36tti dhihaata. Dhaltuun ulfaatinaafi dheerinaanis kormaa ni caalti.  Qaamni Wombat rifeensaan uwwifamaadha. Inumaa sanyiin gariin funyaan irraallee rifeensa qaba. Halluun rifeensa Wombat daalacha, magaalaa fi gurraacha. Wombat bocni qaama isaa Uumama Bear jedhamuun wal fakkaata. Yoo fageenyarraa laalan garuu, hantuuta guddaa fakkaata. Mataan Wombat geengoodha, gurra xiqqaa, miila gaggabaabaa, rifeensa tuuchaafi qaama barmeela fakkaatu qaba.

 

Wombat naannawa bosonaa fi lafa margaa jiraatus, jireenya isaatiif garuu boolla haalaan qilee ta’e qota. Boolli isaa haga Meetira 30 fagaatuu danda’a. Boolli kunis kutaalee garagaraa qaba. Akkuma nuti mana wayta ijaarranu kutaa adda addaatti qoqqoonnee ijaarannu, Wombatis kutaalee garagaraa qopheeffata.  Akkasuma Boolli isaa hulaa tokko qofa osoo hin taane, hulaa lamaa ol qabaachuu danda’a. diinni gara tokkoon yoo dhufe gara biraatiin bahuudhaaf itti gargaarama. Wombat uumama kopha kophaa jiraatu yoo ta’u, qubsuma isaatis faltii fi hafuura qaama isaa keessaa bahuun daangeeffata. Wombat biraa gara qubsuma isa akka hin seenneefis mallattoo kanatti fayyadama.

 

Wombat Bineensota Nocturnal ykn ammoo warra halkan halkan qofa socho’an keessatti ramadama. Naannoon inni jiraatu haalaan oowwaadha. rifeensi isaa ammoo tuuchaadha. Kanaafuu yeroo guyyaatti olii gad deemuun waan danda’amuu miti. Sababa kanaaf yeroo halkanii wayta qilleensi qabbanaawaan dhufu, boolla keessaa bahee soorata barbaaddachuu olii gad socho’a.

 

Wombat warra baala sooratan keessatti ramadama. Hedduminaanis; Marga, jirma fi quuncee mukaa akkasumas arrii dhagaa soorata. Wanti inni sooratu hedduminaan wantoota jajjabaa waan ta’eef ilkaan isaa ni caccaba. Haa ta’u malee Rabbiin rahmata qabeessi ilkaan isaa achumaan cabee akka hafu hin goone. Adada inni tokko keessaa bahuun ka biraatiin bakka isaaf buusa. Kanaafuu ilkaan isaa umrii isaa guutuu guddina hin dhaabu jechuudha.

 

Wombat bineensota saffisa jabaa qaban keessaa isa tokko. Saa’aa tokko keessattis kilomeetira 64 fiiguu danda’a. Haa ta’u malee saffisni isaa kun yeroo dheeraaf hin turu. Hedduminaanis qe’ee isaarraa waan hin fagaanneef, yoo diinni itti dhufe saffisa isaa sanitti fayyadamuun gara boolla isaa deebi’uu danda’a.

 

Yeroon wal qunnamtii walhormaataa, naannoo fi tibba keessa jiran irratti hundaa’a. Haalli qilleensaa naannoo sanitti wayta qabbanaawaa ta’utti wal qunnamtii raawwatu. Rimayni Dhaltuutis akkuma sanyiilee Marsupial biroo yeroo dheeraaf hin turu. Guyyaa 20 hanga 30 keessatti, ilmoon quba namaa hin geenye takka garaa haadhaa kessaa bahuun gara korojoo haadhaa imalti. Korojoo keessa eega seenteen booda afaan isii mucha korojoo keessa jiru sanitti maxxansiti. Haga guddattee gad baatuttis mucha san gad hin dhiiftu. Ji’a shaniif achuma korojoo haadhaa keessa turti. Kana booda korojoo keessaa baatee haadha waliin jiraachuu jalqabdi. Haadha waliin yeroo dheeraaf hin turtu. Ji’a lamaaf eega haadha waliin turtee, baruumsa haadharraa barachuu qabdu eega barattee booda, jireenya kophaa jalqabuudhaaf qe’ee haadhaa gad dhiistee baati.

 

Umriin Wombat kan bosona keessaa waggaa shan hin caalu. Akkuma sila jenne oyruu namaa waan balleessuuf, qonnan bultoonni uumama kana yeroo arganitti ni ajjeesu. Kanneen summii fayyadamuun ajjeesanis hedduudha. Akkasuma manca’iinsi bosonaatis jireenyi isaaniitiif gufuu hamaa ta’ee jira. Sabababuma kanaaf sanyiin rifeensa funyaan irraa qabu dachii irraa dhabamutti dhihaateera. Kuuwwanis rakkoo hamaa keessa jiran. Haa ta’u malee warri madaqfamee guddifamaa jiru hayyama Rabbiitiin waggaa 30 ol jiraachuu ni danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Comment

Back to top button