Gopher sanyii tuqaa keessatti ramadama. Sanyiilee tuqaa keessaallee uumamni kun korojoo boqoo ykn mallaa irraa qabaachuudhaan beekkama. Korojoo kana Rabbi haala addaatiin dizaayn isaaf godhe. Uumamni ajaa’ibaa kun wantoota nama dinqiisiisan kanneen birootis hedduu qaba.
Gopher sanyiiwwan garagaraa hedduu qaba. Sanyiiwwan kunniin guddina qaamaatii fi bifa rifeensa isaaniitiin garaagarummaa qabu. Heddumminaan gogaan Gopher rifeensa magaalaa fi gurraachaan uwwifamaadha. Ija xiqqaa akkaan gurraacha ta’ee fi gurra xiqqoo qaba. Uumamni kun uumama qal’aadha. Hulluuqqoo garagaraa lafa jalatti qotee keessa kan galu yoo ta’u, qaamni isaa qal’aan rakkoon maletti hulluuqqoo keessa akka loowu isa gargaara. Avreejiidhaan Gopher seentimeetira 12 hanga 35 dheerata. Ulfaatinni uumama kanaa kilograama walakkaa hin caalu. Seenaa keessatti Gopher guddaa jedhamee kan haga ammaatti galmaayee argamu giraama 997 ulfaata.
Gopher boqoo ykn mallaa isaa irraa korojoo qabu keessatti soorata garagaraa kuusee bakka barbaade geeffata. Osoo sooranni inni keessa kaaye jalaa hin bu’in hulluuqqoo qal’aa keessas hulluuqee bakka barbaade gahuu danda’a. Bakka barbaadu yoo gahe soorata san lafa buusee deebisee soorata. Ajaa’iba korojoo kanaa keessaa inni tokko korojoon kun garagalfamuu danda’uu isaati. Akkuma nuti kiphii ykn kiisha kofoo keenyaa garagalchinee keessaa hargufuu dandeenyutti, Gooferis korojoo isaa kana garagalchee balfaa fi haftee soorataa keessaa qulqulleessa.
Afaanii fi Ilkaan Gopher jireenya isaatiif akka mijaawutti isaaf uumame. A’oon isaa diriiraa yoo ta’u soorata barbaade irratti daakuudhaaf isa gargaara. Ilkaan isaa kan fuulduraa ammo haalaan afotti kan baheedha. Ilkaan isaa kunis hulluuqqoo dheeraa lafa jalatti qotuuf isa tajaajila. Wanti ajaa’ibaa uumamni kun qabu, osoo ilkaan isaa kan fuulduraa keessatti hin deebisin hidhii isaa walitti cufuu danada’uu isaati. Hidhii isaa walitti cufee ilkaan isaa ammo hidhii lamaan jidduun gad baasee boolla ittiin qotata. Kun ammoo akka biyyeen afaan keessa hin seenne taasisa. Dabalataan kottee isaa kan fuulduraa irraa qeensa jabaa qaba. Qeensi kun yeroo diina argetti biyyee qotamee tuulamee jiru saffisaan haadhee boolla godhee akka jalatti dhokatu isa gargaara. Walumaa galatti Rabbi uumama kana xiqqaa godhee uumus dizaayinii ajaa’ibaan qaama ajaa’ibaa wantoota garagaraa ittiin raawwatuu danda’u isa badhaaseera.
Gopher bineensa qaanfataa fi sodaataadha. Kanaaf jecha jireenya isaa hedduu kophaa jiraataa dabarsa. Boolla tokko keessa Gopher biraa wajji galuu baatus, bineensota biroo waliin garuu boolla qoodatee jiraatuu danda’a. Fakkeenyaaf uumamaaleen akka hillensaa, lootuu, fi Tood warra hulluqqoo fi boolla Gopher waliin qooddatan keessatti ramadamu. Akka hiriyyaatti walitti dhihaatanii wal gargaaranii jiraachus baatan, goda tokko keessa gamaa gamana taa’anii wal ilaalaa ollaa tahanii waliin jiraatuu danda’u.
Gopher uumama Ardii Ameerikaa Kaabaa fi Jiddu galeessaa keessatti argamuudha. Hedduminaan Biyya Ameerikaa keessatti kan argamu yoo ta’u, ardii jiddu galeessaa keessaa ammo baay’inaan Meeksiikoo keessatti argama. Sanyiileen Gopher gariin gammoojjii haalaan hoo’aa keessa kan jiraatan yoo ta’u, kanneen lafa akkaan qabbanaawaa keessa qubatanis ni jiru. Haa ta’u malee bakka uumamni kun jiru hundatti lafti cirrachaa argamuu qaba. Cirracha kana qotuudhaan qabbanaa fi hoo’a jalaallee dhokata. Gopher hulluuqqoo bifa lamaa qotee tolcha. Inni tokko isa gara lafaatti ol dhihaatu yoo ta’u, hidda biqiltoota lafa gubbaatti marganii akka argatuu danda’utti gubbaatti ol dhihaatee qota. Inni kuun soorata gargaraa argachuudhaaf isa gargaara. Hulluuqqoon lammataa ammo isa gad fagaatee qotamuudha. Hulluuqqoo kana bultiif, wal hormaataaf, soorata kuusatuudhaafi diina jalaa dhokatuudhaaf itti fayyadama.
Gopher sanyiiwwan tuqaa keessaa isa eddoorraa eddotti hin godaanne, akkasumas uumama waqtii hamaa hirribaan yookaan of dhoksuun hin dabarsine kan Hibernate hin gooneedha. Umrii isaa osoma boollaa fi hulluuqqoo qotuu fi soorata barbaadu fixa. Walumaa galatti Gopher uumama biqiltoota sooratuudha. Hedduminaanis hiddaa fi hundewwan mukaa funaanuudhaan soorata. Bishaan barbaacha wanti boolla keessaa bahuuf hin jiru. Sooratni sooratu hedduminaan bishaan kan qabu waan ta’eef, waan dheebuu isaatiif barbaachisu sooratuma san keessaa argata.
Yeroo wal hormaataatti kormaan hulluuqqoo ofii gad dhiisee bahuudhaan hulluuqqoo dhaltuuwwanii barbaada. Yeroo kanatti akka caraa ta’ee kormaan tokko dhaltuuwwan hedduu waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu danda’a. dhaltuun kormaa jalqaba dhufe simattee keessummeessiti. Warra san booda dhufe garuu ofirraa ariiti.
Rimayni Gopher guyyaa 18 hanga 30 tura. Yeroo tokkoonis ilmooleen haga 6 ni dhalatu. Yeroo dhalatan ijaa fi gurraan duudani waan dhalataniif hulluuqqoo haati qopheessiteef keessaa osoo hin bahin torbaan shan dabarsan. Gaafa guyyaa 40 guutan mucha guufaman. Ilmooleen haga gaafa ji’a 2 guutanitti haadhuma waliin turu. San booda bahanii hulluuqqoo ofii qopheeffatuudhaan kophaa jiraatuu jalqabu. Sanyiirratti hundaa’ee Gopher hayyama Rabbiitiin wagga 1 hanga 3 qofa jiraata.
As wr wb Kabajamtottaa radio nuuralhudaa yaada keessaan bayyeen isiin caqassaa jiraa bineensii kunii idoo garaa garaatii maqaa biraatiin wamamaa gaarruu akka idoo harargeetii thokkokkoroo jedhamaa gaarruu hiikkiinii kunii mal jechuudhaa