header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Qaama namaa keessaa kan yoo murame deebi’ee biqilu beeytuu?

Tana Quba Qabduu?

Qaama ilma namaa keessaa isa kamtu haalaan barbaachisa jennee osoo gaafannee namuu Onnee jedhee deebisuu mala. Dhugaadha onneen wiirtuu qaama keenyaati. Haatahu malee qaamoleen dirqama barbaachisan kan isaan malee jiraachuu hin dandeenye hedduudha. Tarii qaamonni akka harkaa fi miilaa, akkasumas gurraa fi ijaa waa nurraa hir’isan malee du’aaf nu hin saaxilan taha. Haatahu malee qaamoleen gariin fakkeenyaaf, onnee, tiruu, somba, sammuu fii kalee malee jiraachuun hin dandayamu. Barruu tanaan qaamolee ijoo tahan kanneen keessaa waahee tiruu qabxiilee muraasa isinii dhiheessina.

 

Tiruun dalagaan dhibbaan laakkawamu dalaydi

Ogeeyyonni hedduun akka himanitti dalagaa tiruu lakkaawanii fixuun ulfaataadha jedhu. Sooratni nuti soorannu gara anniisaatti kan jijjiiramu tiruu keessatti. Anniisaan kun bifa Gilaaykoojiniitiin kan kuufamu yoo tahu, yeroo barbaachisutti tiruun Gilaaykoojiina kana gara Gulukoosii jijjiiruun qaama keenya keessa facaasti. Dabalataan tiruun qulqulleessituu balfaati. Wasaka farshoo keessa jiru dhimbiibdee gara alaa kan baastu tiruudha. Seeliin dhiiga adii walakkaan tiruu keessatti argama. Kanaafuu baakteeriyaa fi wantoota qaama keenya miidhuu dandayan ajjeestee qaama keenya keessaa kan baastus tiruudha. Walumaa galatti bifa Kanaan ogeeyyonni gariin dalagaa Tiruu laakkayanii 500 caalchisu.

Qaamota ilma namaa keessaa guddinaan sadarkaa lammaffaarratti kan argamtu tiruudha

Tiruun dardara tokkoo Avreejiidhaan kilograama 1.5 ulfaatti. Kunis qaama keessoo ilma namaa Organs keessaa gogatti aanee sadarkaa lammaffati. Gama biraatiin dhiiga qaama keenya keessa jiru keessaa parsantii 10 kan tahu tiruu teenya keessatti argama. Dabalataan hadhooftuu balfa qaama keenya keessaa qulqulleessee baasu tiruutu oomisha.

Tiruun qaama eenyummaa lama qabduudha

Tiruun akkuma kalee, onnee, garaachaa fi sombaatti qaama tokko. Qaama dalagaa dhuunfaa mataa isii qabduudha. Kan waan Rabbiin ajaje dalaydu jechuudha. Kun eenyummaa duraa tiruuti. Dalagaa dhuunfaa itti kennamee fi maqaan dhuunfaa isii kan tiruu jedhamu kana. Haa tahu malee gama biraatiin ammo tiruun akka xannachaattis ni tajaajilti. Xannacha jechuun seeliiwwan garagaraa kan qaama keenya kutaa garagaraa keessatti argamuu fi keemikaalota adda tahan maddisiisaa qaama keenya tajaajiluudha. Haala kanaanis tiruun keemikaala addaa maddisiisaa qaama keessa facaasuudhaan akka seelii xannachaattis ni tajaajilti.

 

Qaama ilma namaa keessaa inni yoo muramee deebi’ee guutumaan guututti margu Tiruu qofa

Yeroo heddu nama tiruu arjoome yoo jedhamu dhagahuu hin ooltan. Dhugaadha namni lubbuun jiru tiruu isaa walakkaa muree namaaf arjoomuu dandaya. hin yaaddawinaa qaamni ajaa’ibaa dalagaa dhibbaan lakkaawamu dalaydu tun torbaan lama keessatti deebitee mayruun akka haarayaatti guutuu taati. Namni tiruun isaa miidhamtee tiruun nama biraa irraa muramtee isa keessa kayamtes, torbaan lama keessatti tiruu fayya qabeettii guutuu qabaachuu dandaya. Gabaabinaan tiruun teenya akkuma lootuun yoo eegeen irraa muramte deebistee biqilchitutti, yoo qaamni isii irraa murame deebistee biqilchiti. Kun ajaa’ibuma hin jettanii ree?

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button