header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Ajaa’iba Uumaa Rabbii keessaa Lobster, Bararoo fi kanneen biroo

Lobster

Uumamni kun bara 1880moota keeysa soorata gabrootaafii hiyyeeyyii akka taheefii, yeroo ammaa kana ammoo soorata dureeyyiifi nama maallaqa qabuuti. Bineensi kun uumama addaa uumama birootiin faallaa tahe qaba. Lobster sammuun isaa kokkee isaa keeysatti akka argamu quba qabduu?  Ilkeen takkaahuu ilkaan uumama kanaa garaacha isaa keeysatti argama. Sirni narvii ammoo garaa isaa keeysa jira. Kaleen isaa sammuu isaa keeysa kan kaayame yoo ta’u, soorata dhandhamuu barbaadu miila isaatiin dhandhama.

Lobster bishaan keeysa qofa jiraata. Foon isaa haalaan mi’aawaa waan taheef, ilma namaatiifi qurxummiilee birattis haalaan barbaadama. Inumaa namoonni qurxummii adamsan yeroo hedduu, foon lobster cicciranii bishaanitti facaasuun qurxummiilee biroo ofitti harkisu. Qurxummiileen biroo yoo foon lobster kana argan gugatanii dhufu. Achi booda saaphana itti darbanii ol hammaaran. Gama birootiin uumamni kun akka xaa’ootti tajaajila. Qonnaan bultoonni qarqara bishaanii jiraatan muraasni, bineensa kana bishaan keeysaa guranii cicciranii ooyruu isaanii keeysatti facaasu. Lafti qaamni lobster itti facaafame haalaan gabbatee waan itti facaasan tolcha. Sirni narvii uumama kanaatis haalaan xiqqaadha. Fakkeenyaaf ilmi namaa sirna narvii biiliyoona 100 ol qabna. Kan Lobster garuu kuma 100 hin caalu. Garaachi uumama kanaa ilkaan soorata daakuuf qophaayee eeguun guutamee jira. Waan argate akkuma jirutti liqimsee garaa keeysatti alansha jechuudha.  Miilli nuti deemsaaf itti fayyadamnu, isaaf arraba isaati. Miila isaa kanarra rifeensa xixiqqootu jira. Kanaafuu waan sooratuu barbaade san miila isaa kanaan tuttuqee dhandhama.

Sea Sponge

Ammaas bishaanuma keeysaa uumama ajaa’ibaa tokko laalla.  Bishaan keeysa uumama sea sponge jedhamutu jira. Sea Sponge jechuun akkuma maqaa isaa irraa hubannutti, ispoonjii bishaanii jechuudha.  Saayintistoonni uumama kana bineensota keeysatti ramadan.

Garuu uumamni kun waan silaa bineensa isa fakkeenysu takkallee hin qabu. Uumamni sea sponge jedhamu kun uumama haalaan laafaa akka ispoonjii yoo ta’u, boca barbaadee fi bifa hundatti if jijjiiruu danda’a. Seasponge mataa, afaan, ija, lafee, onnee fi somba hin qabu. Takkaahuu Rabbiin akka namaaf mullatu hin goone. Garuu biqiltoota osoo hin taane bineensota keeysatti ramadama.

Uumamni kun akkuma fangasiifi  saaphaphuu bakka takkatti maxxanee jiraata. qaamni isaa akkuma ispoonjii nuti beeynuu kana qaawa heddu ofirraa qaba. Qaawa qaama isaa irra jiru kanan baakteeriyaawwan qaama isaa keeysatti argaman bishaan keeysatti facaasa. Qaawuma qaamaa kanaan karantiiwwan bishaan keeysatti argaman, soorata bullaawaafi qilleensa oksijiinii gara qaama isaa galchaa jiraata. Kun kennaa inni qofti uumamaan badhaafameedha.

Bararoo

Bararoon yookaahuu balballaan wal qunnamtii wal hormaataa malee ilmoo dhaluu danda’uu isii hoo quba qabduu?  Namni gammoojjii keeysa jiraatu uumama kanaan heddu dararamuu hin oolu. Meeshaa elektrooniksii fi soorata keeysa seenaa uumama nama rakkisu keeysaa bararoon takkaahuu balballaan isa duraati.

Garuu mee ajaa’iba uumama kanaa isinii haa himnuu. Silaa ilmoo dhaluuf ykn ammoo hanqaaquu buusuufis wal qunnamtiin Wal hormaataa saala lamaan jiddutti godhamuu qaba. Bararoon garuu mala dabalataa kan biraatis ni qaba. Malli kun afaan saayinsiitiin parthenogenesis jedhama. Partenojenesis jechun osoo wal qunnamtiin Wal hormaataa saala lamaan jiddutti hin godhamin hanqaaquun gara ilmootti jijjiirama jechuudha.

Bararoon ammoo sirna kana badhaafamee jira. Bakka kormaan hin jirretti dhaltuun kophaa isii ilmoo dhaluu ni dandeeysi. Garuu ilmoo dhaltuu malee dhiira dhaluu hin dandeeysu. Ilmoo dhiiraa argachuuf dirqamatti dhiira wajji wal qunnamtii gochuun dirqama.

 Qurxummii

Qurxummiin kormaan yoo dhaltuun duute gara dhaltuutti jijjiiramu Akka jiru hoo quba qabduu? Sirni wal hormaata uumama bishaan keeysa jiraatuu haalaan nama ajaa’iba. Kan hedduu isaaniitis nama dhiba. Kan qurxummii clownfish jedhamuutis akkasuma adda.

Uumamni kun gareedhaan jiraata. Quxummiin kun wayta dura dhalatu sirna hermaphrodites jedhamu waliin dhalata. Sirni kun qaama saalaa lameenuu qabaatanii dhalatuu jechuudha. Wayta guddataa deeman hedduun isaanii gara dhiiraatti jijjiiramu. Garuu yoo dhaltuun hin jiraannee inni tokko gara dhaltuutti jijjiiramuun wal hormaanni akka itti fufu godhu. Yoo dhaltuun garee san keeysa jirtu duute ykn ammoo sababa garagaraatiif garee san keeysaa baatee, dhiirri mootii garee sanii ture gara dhaltuutti jijjiirama jechuudha.

Uumama dachii tanarra jiru irraa soorata daakuurratti wanti akka Sloth turu hin jiru. Jawweefi Bofni gurguddaan, akkasumas Naachi soorata daakuu irratti ni turan. Garuu kan isaanii sababaa addaa qaba. Fakkeenyaaf jawween bineensa guddina qaamaatiin isa caalu liqimsa. Naachis waan adamse guutuu liqimsa, lafeefi gaafas wajjuma liqimsa. Sababaa kanaaf sooranni gara garaa dabre kun daakamuudhaaf hedduu tura. Kan sloth garuu adda.

Uumamni kun uumama haalaan harkifataadha. Wanti inni hedduminaan sooratu baala biqiltootaati. Akka naachaa bineensa gaafa wajji hin liqimsu. Baala lallaaftuu alanshee liqimsa. Kanuma alanshee liqimse kana daakuudhaaf torban 2 ykn 15 irra tura. Garaachi sloth kutaawwan garagaraa heddu qaba.  sooranni kutaa tokkoo bahee kutaa biraa seenaa bahaa daakkama. Sababa kanaafis sirni daakinsa soorata bineensa kanaa haalaan harkifataadha. Sloth gosa lamatu jira. Warra quba lamaatii fi quba sadihiiti. Shanyiin quba sadihii yeroo tokko tokko sirna daakiinsaa kana jarjarsuudhaaf, garaan samitti gara galee aduu keeysa ciisa. Akkasis tahu numa harkifata.

 

Back to top button