header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Nama guyyatti bishaan litira 20 dhugu.

Avreejiidhaan dargageessi tokko guyyatti bishan litira 2 dhuguu qaba. Haa tahu malee hedduun namaa hagas hin dhugu. Namni hedduun bishaan litira lamaa dhuguu dadhabee dhiisa. Isin hoo hagam dhuydu laata? Namni guyyatti bishaan litira 20 dhugu jiraachuu hoo quba qabduu?

Namni Lammii Jarman tahe kan Mark Vubenhost jedhamu tokko rakkoo addaa takka mudate. Namni kun dhibee sukkaaraa hamaa qaba. Sababa kanaaf guyyatti yoo xiqqaate bishaan liitira 20 dhuguu qaba. Saniin ala qaamni isaa rakkina bishaaniitiif saaxilamee miidhamuu danda’a. qaamni isaa hoormoonii bishaan karaa kaleetiin isaa qulqulleessee baasu hin qabu. Kanaafuu akkuma bishaan dhugeen osoo heddus hin turin fincaayuun isarratti dirqama. Sababaa kanaaf namni kun yoo xiqqaate guyyatti yeroo 50 mana fincaanii seena.

Mark Halkanis taatu walitti aansee saa’aa 2f rafuu hin dandayu. Yeroo hunda alarm guuttatee hirribaa ka’ee bishaan dhuga. Fincaaniifis yeroo heddu hirriibaa dammaqa. Nami kun karaa dheeraas deemuu hin dandayu. Hoggayyuu bishaanirraaa fagaachuu hin qabu jechuudha. Garuu akkuma nama fayyaa qabuutti dalagaa qaba. Sa’aa hojii isaatti bakka dalagaatti argamee waan isarraa eeggamu raawwata. Bakka dalagaattis bishaan isa barbaachisu qopheeffata.

Namoonni heddu bowwoo mataatiif dalagaa dhiisanii ciisaa oolan. Namoonni akka Maark garuu dhukkuba hangana gahu dandamatanii guyyatti bishaan litira 20 dhugaa jireenya wajji wal’aansoo godhu.

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button