header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Wantoota Ajaa’ibaa


Biyya hindii keessa aadaa ajaa’ibaa tokkotu jira. Gandoota baadiyaa heddu keessatti, intalti dubraa 1 yoo dhalattu, kabajaa isiitiif jecha muka 111 dhaaban.



Hoosiftoota keessaa uumamni barrisuu dandayu shimbira halkanii qofa. Shimbira halkanii malee hoosiftoonni hundi barrisuu hin dandayan.



Mixii ykn goondaa dachii tanarra jiran osoo ilma namaatiif qoodanii, namni 1 kophaa isaa mixii miliyoona 1 ol argata. Baay’ini mixii ykn goondaa dacha miiliyoonaa oliin baay’ina ilma namaa caala jechuudha.



Gaarren dachii tanarra jiran keessaa guddichi gaara Everest yoo tahu, Kilomeetira 8 lafarraa ol dheerata. Garuu gaarri guddichi plaaneetii Maars irra jiru tokko, gaara Everest dacha 3n caala. Kana jechuun gaarri plaanetii Marsii irratti argamu kun Kilomeetira 25 dheerata jechuu.

Ilmi namaa irra hedduun isaa umrii isaa irraa 1/3ffaa hirribarratti fixa. Kana jechuun namni waggaa 60 jiraate tokko, amata 20 hirribarratti fixe jechuudha.

Guddinni ija ilma namaa hin jijjiiramu. Garuu gurraafi funyaan keenya haga nuti lubbuun jirru guddina hin dhaaban.



Leenci bineensa bosonaa keessaa akka mootii bosonaatti laallama. Yeroo hundaa qubsuma isaa keessatti ol aantummaadhaan jiraata. Adamoo leencaa keessaa dhibbentaa 90 ol kan adamsu leenca dhaltuudha. Leenci kormaan yeroo hedduu waan dhaltuun adamsite humnaan soorata malee, ofii deemee hin adamsu.



Baay’ina urjiilee samii gubbaa jiranii tilmaamtanii beeytu? Mee tilmaama keessaniin urjiilee meeqatu samii gubbaa jira. 100,000, Miiliyoona, Biiliyoona moo triiliyoona jettanii tilmaamtu? Akka qorannoon saayinsii mul’isutti, baay’ini urjiilee samii gubbaa jiranii, baay’ina cirracha dachii irra jiruu ni caala. Kanaafuu baay’ina urjiilee lakkofsaan himuuf, cirracha dachiirra jiru lakkaayanii fixuun dirqama taha jechu.



Duumessi samii gubbatti arginu kun hagam ulfaata? Duumessa samii keessa faffaca’ee mul’atu keessaa isa jiddu galeessa osoo madaalarra kaayanii,  kilograama 450,000 ol ulfaata. Kana jechuun ulfaatina Arba 100 ni caala jechuudha.



Ummata dachii tanarra jiraatu kan biliyoona 8titti dhihaatu keessaa, walakkaa ol ykn biliyoonni 4 ol telefoona hin fayyadamu. Irra hedduun ilma namaa teknoolojii quba hin qabu jechuudha.



Ifaan Aduu dachii miliyoona 1 ibsuu ni dandaya. Guddina dachiifi Aduu osoo wal bira qabnee madaallee, dachiin shanyii xaafii habbaa takka tan ganaa harka namaa irra kaayamte hin caaltu, Aduun dachaa miiliyona hedduun dachii caalti jechuudha.



Pluutoon plaaneetii haalaan dachii irraa fagaattu akka taate beekamaadha. Xayyaara saffisa guddaa qabuun gama pluutoo osoo imala jalqabanii, waggaa 800 booda achi gahan. Walumaa galatti dachii nuti irra jiraannurraa hanga pluutoo, waggaa 800 xayyaaraan deemsisa jechuudha.



Yoo xiqqaate waggaa keessatti yeroo tokko, astrooyidiin guddinni isaa makiinaa manaatiin wal qixxaatu plaanetii biroo irraa darbamee gama dachii dhufa. Garuutuu osoo dachii bira hin gahin qilleensa gubbatti gubatee barbadaawa.




Qophii Abu Ibtisam

Back to top button