Og-BarruuTafakkur

Muskox-Uumama haala qilleensa qabbanaawaa keessa jiraatu

Maqaan isaa jechoota lama irraa kan mogga’eedha. Musk fi OX irraa argame. Musk jechuun hafuura jechuudha. OX ammoo Sangaadha. Kanaafuu Sangaa hafuura qabu jechuu fakkaata. Haa ta’u malee uumamni kun horii osoo hin taane re’ee fi hoolaadhaan walitti dhiheenya qaba. Ummanni naannawa isaatti argamu ammoo Oomingmak ykn ammoo kan areeda qabu jedhanii waaman. Gabaabumatti uumamni kun sanyiilee Bovidae jedhaman kanneen akka horii fi hoolaa keessatti ramadama.

Muskox gogaa irraa rifeensa baqqaana (layer) lamaa qaba. Inni alaan jiru jabaa fi tuucha’aa yoo ta’u, kan gara keessaatti argamu laafaa fi gabaabaadha. Gogaan uumama kanaa rifeensa magaala gara gurraachaa dabuu fi dheeraa ta’een uwwifamaadha. Kan sanyiilee garii rifeensi guutumaan guututti gurraacha. Rifeensi gubbaan jiru qabbana, qilleensaa fi jiidha kan dhoorku yoo ta’u, inni gogatti aanee jiru ammoo qaama isaa hoo’isuudhaaf tajaajila. Muskox rifeensa jalaan jiru yeroo qabbanti hin jirretti ofirraa harcaasa. San booda tibbi qabbanaa yoo dhufu deebi’ee biqilaaf. Kormaa fi dhaltuun uumama kanaa gaafa ni qaban. Gaafni kormaa kan dhaltuudhaa ni caala. Kormaan kallacha gubbaa qaama dabalataa kan gaafatti maxxanee argamu qaba. Dhaltuu fi kormaallee waan kana laaluudhaan adda baasuun ni danda’ama.

Kormaan Muskox meetira 1.5 kan dheeratu yoo ta’u, dhaltuun ammoo meetira 1.2 dheeratti. Ulfaatinni kormaa haga kilograama 400 ta’a. Dhaltuun ammoo haga kilograama 225 ulfaatti. Ulfaatinni Muskox guddaan ulfaatina fardaatiin walqixa ta’a jechuudha. Gaafni Muskox dheeraan seentimeetira 76.2 dheerata. Qaamni Muskox kan haala ajaa’ibaatiin uumame kun qilleensa ulfaataa Arctic keessaa dandamatee akka jiraatu isa gargaare. Muskox akkuma firoottan isaa kottee baqaqaa kan qabu yoo tahu, isatti fayyadamuudhaan cabbii qotuu danda’a. Kottee kanaan cabbii haadhee marga jalaan jiru dheeda. Ijji isaa agartuun (pupil) dagalee (horizontal) kan ciifteedha. Kun ammoo aduu cabbiirraa balaqqeessa’urraa akka dandamatu isa garagaara.

Muskox hoomaadhaan jiraata. Qubsumni tokko miseensota haga 18 of keessaa qaba. Gamtaan jiraachuun kun diinarraa akka of ittisan isaan gargaara. Kormaan gurguddaan kottee isaaniitiin diina ofirraa dhiitaa, gaafaanis ofirraa waraanaa deebisuudhaaf yaalu.

Muskox

Muskox naannawa Alaaskaa, kaanaadaa, Greenland, Raashiyaa fi Norway keessatti argama. Naannawa qabbanaayaa Arctic thundra jedhamu keessa jiraata. Naannoon kun wagga guutuu naannawa cabbii ofirraa hin dhabneedha. Tibba hoo’aa keessatti qilleensi xiqqoo hoo’uu fi margis biqiluu danda’a. Saniin ala hedduminaan naannoon kun cabbiin uwwifamee tura. Yeroo cabbiin bu’utti haga danda’een uumamani kun gara lafa ol ka’aa deema. Lafa ol ka’aa irratti cabbiin haphii waan ta’eef kottee isaatiin qotee soorata isaaf ta’u argatuu danda’a. Yeroo aduun baatutti gara lagaattis dhihaatee qarqara lagaarra deemuudhaan marga dheeda.

Arctic Wolves ykn Yeeyyiin Arctic fi Grizzly Bear warra Muskox adamsanii sooratan keessaa adda dureedha. Yeeyyiin gamtaan kan adamsu yoo ta’u, ilmoolee xixiqqoo ykn ammoo isa umriin dulloome, hoomarraa fooyanii ajjeesanii sooratu. Dargaggoonni Muskox diina itti dhufe kotteedhaan ofirraa dhiitanii deebisuu danda’u. Yeeyyiin Muskoxiin dhiitame carraan lubbuun jiraachuuf qabu xiqqaadha. Qaamaan miidhamuun isaa garuu waan hafuu miti. Sababa kanaaf yeeyyiin dargaggoota dhiisuun warra dulloome ykn ilmoolee humna hin qabne irratti xiyyeeffata. Grizzly Bear ammoo uumama kophaa jiraatu waan ta’eef Muskox adamsuun itti ulfaata. Kanaafuu Muskox dhibeen ykn humnaan dadhabee homaarraa cite yoo argate soorata. Kanniin lamaaniin cinatti ilmi namaa fi haalli qilleensaa diina hamaa uumama kanaati. Ilmi namaa fooniif akkasumas gogaa isaa furdaa saniif jecha adamsee ajjeesa. Haalli qilleensaa yoo haalaan jabaatee cabbiin bu’e, margi dhabamuu danda’a. kun ammoo soorata gahaa akka hin arganne isa godha. Muskox rakkoon kanniin cufaan marfamus uumama lakkoofsi isaa heddummaataa jiru keessatti galmaayeera.

Muskox tibba hoo’aa keessatti wal hormaata geggeessa. Yeroo kanatti kormaan hafuura humna jabaa qabu qaama isaa keessaa baasa. Maqaa isaatis kanumarraa argate. Eega hafuura san baaseen booda kormaaleen jiran dhaltuurratti wal morkatu. Wal morkiin gaafaan wal haleelus of keessaa qaba. Humna guddaa fayyadamanii walitti bu’anis Muskox sababa kanaaf miidhamu hedduus hin jiru. Kormaan injifate mirga walqunnamtii walhormaataa raawwatuu argata. Rimayni Muskox ji’oota saddeetiif tura. Yeroo tokkoonis ilmoo takkatu dhalata. Ilmoon Muskox akkuma dhalateen hedduus osoo hin turin humna jabaa godhata. Battaluma sanitti hoomaa waliin fiiguufii deemuu ni danda’a. Dhaltuun Muskox ji’oota saddeetiif mucha hoosifti. Ta’us ilmooleen haga gaafa wagga 2 guutanitti haadharraa hin fagaatan. Hayyama Rabbiitiin uumamni kun haga wagga 20 jiraatuu danda’a.

Show More

One Comment

...

Back to top button