header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Oktopas/Octopus

Qophii: Abu Ibtisam

Oktopas uumama dachii tanarra jiran keessaa kan ajaa’ibaati. Maqaan oktopas jedhu jecha Griik irraa kan dagaage yoo ta’u, hiikni isaatis kan miila 8 qabu jechuudha. Addunyaa tanarra sanyiin Oktopas  300 ol  akka jirutu himama. Hundi isaaniituu garba keessa jiraatu. Oktopas bineensota invertebrates jedhaman keessatti ramadama. Kunis warra lafee tokkollee hin qabne jechuudha. Kanaaf jecha oktopas yeroo bishaan keessaa bahu bocni qaama isaa ni jijjiirama.

Umriin oktopas akkaan gabaabaadha. Gariin isaanii ji’a jaha qofa jiraatu. Gariin isaanii ammoo waggaa 3 caala jiraachuu hin danda’an. Walumaa galatti Oktopas uumama guddaa jireenya gabaabaa jiraatu keessaa isa tokko.

Oktopas onnee sadi qaba. Kun ajaa’iba hin jettaniiree. Onnee sadi guutuu kenneefi jireenya gabaabaa jiraachuun isaa maali? Onneen isaa lama dhiiga gama giiliitiin qaama keessa sosochoosuuf tajaajilu. Inni tokko ammoo dhiiga bifa cuquliisaa qabu qaama isaa keessa nanaanneessuuf tajaajila.

Oktopas lafee takkallee qaama isaa keessaayis ta’e kan alaa irraa waan hin qabneef eddoowwan dhiphoo ta’an keessaan hulluuqee bahuu danda’a. Akkaataan uumamni kun sanyii isaa haarawa bakka itti buusu ammas kan ajaa’ibaati. Ilmoolee haarawa gara dachii kanaatti makuudhaaf Oktopasni lamaa lubbuu ofii dhabuun dirqama. Warri dhiiraa akkuma walqunnamtii walhormaataa raawwataniin turtii ji’aatiin booda dachii tanarraa godaanu. Dhalaan ammoo hanqaaquu hanga kuma 15 hanqaaqxi. Erga hanqaaqxee geessiteen booda ji’a sadihiif hammatti. Yeroo kanatti killee biraa fagaatuu hin dandeettu. Hanga gaafa ilmooleen xixiqqoon keessaa bahanitti soorata takkallee osoo hin argatin hammattee turti. Erga ilmooleen bahaniin booda garuu beela irraa kan ka’e isiinillee ni duuti. Wanti haadhaa kun uumama hunda birattuu waanuma ajaa’ibaati. Ilmoolee ofii eeguuf jecha beelaan duuti. Ilmooleen haarawa killee keessaa bahan ammoo wantoota garagaraa bishaan keessaa argatan soorataa gugurdatu.

Qabxiilee ajaa’ibaa octoopas

  • Oktoopasiin hundi isaaniituu buqqee mataa ni qabu. Inni kunis miila saddeetiin marfamee jira.
  • Bifaa fi guddinni isaanii naannoo isaaniirratti hundaa’a. Kanneen naannoo bishaan qabbanaawaa keessa jiraatan qaamaan guddaa yoo ta’an, kanneen bishaan hoo’aa keessa galan ammoo qaamni isaanii xixiqqaa dha.
  • Qaamni isaanii jabaataan qoffee isaaniiti, qoffeen isaanii akka allaatti parrot jira. Waan sooratuu barbaadanis qoffee kanatti fayyadamanii ajjeesu.
  • Waan adamsuu barbaadan ammoo miila isaanii 8 saniin qabatu.
  • Qaama keessaa onnee sadi qaban, dhiigni isaanii ammoo bifaan cuquliisa.
  • Oktopas uumama akkaan qaroo akka ta’e dubbatama. Yoo leenjifame dhimmoota heddu barachuu danda’a.
  • Qaama keessaa sirna narvii ol aanaa waan qabuuf yeroo qalamu dhukkubbii guddaatu itti dhagahama.
  • Diina isaanitti dhufe mala garagaraa fayyadamuudhaan jalaa miliqu, lafee waan hin qabneef qaama isaanii akka barbaadanitti jijjiiruu danda’u. Fakkeenyaaf miila isaanii tokkicha diinni osoo jalaa qabatee miila san ofirraa buqqisanii gatan, bakka san aammoo kan biraa ni biqilaaf. Gama biraatiinis halluu isaanii jijjiiraa naannoo saniin wal fafakkaatu. Yeroo barbaadanis halluu gurraachaa bishaan keessatti facaasuun diinni akka isaan hin argine godhu.
  • Gariin isaanii ammoo summii waan qabaniif diina isaanitti dhufe iddanii ofirraa ittisu

Uumamani kun naannoo tokko tokkotti soorataaf oola. Warri oktopas jiraa isaa nyaatus ni jira. Dabalataanis uumama kana ammaan tana qumaara garagaraatiif fayyadamaa jiran. Akkuma armaan olitti ibsame leenjiin yoo kennameef wantoota heddu baratuu danda’a. Haaluma kanaan taphoota garagaraa akka taphatu leenjifamaa jira. Keessattu wantoota carraan wal qabatan irratti dalagaa heddutu hojjatamaa jira.

 

Back to top button