Oselot
Qophii Abu Ibtisam
Bineensi barruu tana keessatti ilaallu sanyii adurree yoo tahu, maqaan isaatis [cm_tooltip_parse][/cm_tooltip_parse]Oselot jedhama. Oselot baay’inaan bosona biyyoota Ameerikaa kibbaa keessatti argama. Uumamni kun qaama giddu galeessa qaba. Akka Qeerransaa fi leencaa guddaa miti. Akka Adurreetis xiqqaa miti. Qaama Jiddu galeessa qaba. Bineensi kun ammaan tana bineensota baduuf dhihaatan (endangered) keessatti galmaahee jira. Eegumsi jabaan yoo isaaf hin godhaminii dachii kanarraa dhabamuu akka danda’u himama. Kanarraa hambisuudhaafis biyyoonni Ameerikaa kibbaa keessatti argaman, uumama kana badii irraa oolchuudhaaf tattaaffataa jiru.
Halluun qaama isaa irra jiru sanyii qeerransaa kan Leopard jedhamuun wal fakkaata. Kanaaf afaan Ingiliffaatiin yeroo tokko tokko painted Leopard jedhanii waaman. Barrinni qaama isaa irra jiru geengoo akka ililliiti. Barrinni kun cinaa garaa isaa irratti kan argamu yoo ta’u, duydaa fi fuula irraa ammoo sararatu jira. Eegeen isaa dheeraadha. Guddina qaamaatiin kormaan dhaltuu ni caala. Dhiirri gama dheerinnaatiin dhaltuu meetira takkaa oliin caaluu danda’a.
Bineensi kun bayi’inaan sulula laga Amaazoon keessatti argama. Oselot haala qilleensa garagaraa keessa rakkoo takkaan malee jiraachuu danda’a. Dachii diriiraa hoo’aa irraa kaasee, hanga gaarreen ol ka’aa diilallaawaa keessa jiraachuun isaaf salphaadha. Wanti guddaan sooranni isaaf ta’u argamuu qofa. Oselot bakka jiraatutti qubsuma mataa ofii tolfatee kophaa jiraata. Dhiirri akkuma guddina qaama isaatti, qubsuma lafaatis kan warra dhalaa caala dachaa lama ta’u dhuunfatee fudhata. Uumamni kun soorata barbaaduudhaafis halkan sosocho’a. kanaaf guyyaa guutuu, mukkeeniifi marga jalatti dhokatee rafaa oola. Bineensi kun dandeettii waa arguufi dhagahuu jabaa qaba. Haaluma Kanaan bineensa adamsamuu fi diina itti dhufes fageenya irraa ilaalee adda baafatuu danda’a. Akkuma adurree Oselot waan hunda ni dhokfata. Yeroo qulqullaawuu barbaade, iddoo wanti tokkollee isa arguu hin dandeenye barbaadee, bakka sanitti qulqullaawa. Sanyii Adurree hunda irraa wanti adda isa godhu bishaan daakuu danda’uu isaati. Sanyiin adurree kuuwwan bishaan akkaan sodaatu.
Wanti akka tasaa argamu waan hin jirreef, Oselotis sanyii ofii bakka buufatuudhaaf wal qunnamtii wal hormataa raawwatuun isaa dirqama. Gaafa walqunnamtii saalaa godhuu barbaade, walitti dhufuudhaaf sagalee garagaraa fayyadama. Eega walqunnamti raawwatanii booda hunduu gara qubsuma isaanii deemu. Dhaltuun haga gaafa dhaltuutitti bakka ilmoo ofii itti dhaltu qopheeffatti. Yeroo heddu lafa qiinxame ykn baqaqe, Muka qaawwa bahee fi bakka itti dhokattu barbaaddee tolfatti. Rimayni isii guyyaa 85 ykn ammoo ji’a lamaafi cinaaf tura. Yeroo takkaanis ilmoolee haga sadihii dhalti. Ilmooleen guyyaa dhalatan irraa kaasee, ji’a tokkoof waan takkallee arguu hin danda’an. Ilmooleen kunniin haga gaafa guddatanii of danda’anitti haadhuma wajji turu. Gaafa of danda’anii waa adamsuu jalqaban haadha irraa fagaatanii qubsuma mataa isaanii tolfatanii jiraatu.
Sanyiin Maatii Adurree daggala keessa galu hundi isaatuu foon soorata. Haaluma Kanaan Oselotis bineensota adamsuun soorata. Heddumminaan, Sanyii hantuutaa irratti kan xiyyeeffatu ta’us, bineensota xixiqqoo akka hilleensaa, simbirroota, bofa, lootuu fi qurxummiilees ni soorata. Dabalataanis, binensota akka Qamalee, Armadillo fi Awwaaldigeessaatis ni soorata. Yoo waan sooratu dhabee rakkate malee, gara qubsuma namaa dhufee beeyladoota manaa hin ajjeesu. Sanyii Qeerransaa keessaa Oselotiin wanti adda godhu, uumama hundaa sooratuu isaati. Fakkeenyaaf qeerransaa fi Leenci heddumminaan hoosiftoota irratti qofa xiyyeeffatu. Oselot garuu, Hoosiftoota, Simbirroota, Reepitaayiloot fi Amfibiyaanotas ni soorata.
Akkuma Oselot bineensota adamsee sooratutti, gama biraaatiin ammoo bineensonni isa adamsanii sooratanis ni jiru. Sanyimmaan adurree kan akka Jaguwaar fi Pumaan Oselot kan sooratan yoo ta’u, Simbirroonni gurguddoon akka culullee, Sanyiin bofaa guddichi kan Anaakondaa jedhamus, Oseloot soorata. Kanas ta’u sababa halluu rifeensa isaatirraan kan ka’e, bineensota heddu jalaa muka keessatti dhokachuu danda’us, sababuma gogaa Kanaan deebi’ee rakkoo hamaa keessa seenee jira. Ilmi namaa gogaa isaatiif jecha, barbaadee, boolla isaa keessa seenee ajjeesa. Sababa kanaaf lakkoofsi uumama kanaa xiqqaachaa akka jiru qorannoon godhame ni addeessa. Yoo kunuunsi gahaan godhamee malee, sanyiin bineensa kanaa dachii irraa ni dhabama jedhamee sodaatama.