Hoggantoota biyya isaanii saamuudhaan beekaman
Biyyoota addunyaa hedduu keessatti namoonni aangoorra jiran ummata isaanii saamuun beekamu. Kun immoo zulmii irraa boodaati. Kaliifaan lammaffaa Umar ibn Al Khaxxaab (Rabbi dalagaa isaa hunda irraa haa jaalatuutii), “namni beelawee rakkate yoo jiraate”jedhee mana namaarra deemaa dhaggeeyfataa ture. Nama beelawe rakkate yoo arge ammoo, ofuma isaatii midhaan duydatti baadhatee geessa. Haala kanaan impaayera guddicha ijaaree Adliin bulchee godaane. Rabbiin dalagaa isaa irraa haa jaalatuutii. Hoggantoonni arraan tana ummata bulchan hedduun ammoo faallaa kanaati. Barruu armaan gadii kessaati, namoota biyya isaanii saamuudhaan beekaman isiniif dhiheessina.
Arnooldoo Aleemaan, Pireezidaantii Nikaaraagwaa bara 1997 -2002 (waggaa Shaniif bulche)
Namichi kun waggaa shaniif aangoorra turee doolaara Ameerikaa miiliyoona 100 ol saame. Yakka Kanaanis eega aangoorraa bu’ee booda kan hidhame yoo tahu, Kana booda qorannoo irratti geggeeffameen badiin raawwate waan irratti mirkanaa’eef adabbiin hidhaa waggaa 20 irratti murameera. Namichi kun eega hidhamee booda namoota isa wajji saamaa turan 14 saaxilee isaanillee hiisiseera. Walumaa galatti namichi kun mallaqa ummataa dhimma dhuunfaatiif akka fedhii isaatti fayyadamaa ture. Fakkeenyaaf haadha warraa isaa wajji xaaliyaanitti bashannanuuf, halkan tokkoof doolaara 25,955 baasii godhee jira. Kunis birrii biyya teenyaatiin kuma miiliyoona tokkoo ol taha.
manni Murtii Nikaaraaguwaa mallaqa fi qabeenya saamame deebisuudhaaf tattaaffii godhaa osoo jiru, haala hin beekamneen manni murtichaa bara 2009tti bilisaan gad lakkise. Mootummaan Ameerikaatis qabeenya maqaa isaatiin galmaayee Ameerikaa keessatti argamu kan doolaara Miiliyana 2.7 tahu Nikaaraaguwaaf deebisee jira.
Paavloo laazaarenkoo, Muummicha Ministeera Yukreen (bara 1996-97) (waggaa 1 qofa bulche)
Namichi kun waggaa tokko qofaaf aangoorra ture. Garuu waggaa takkittii san keessatti doolaara Miiliyana 200 ol same. Kana jechuun namni kun guyya guyyaan doolaara ameerikaa kuma 500 ol saamaa ture jechuudha. Namichi kun biyyoota garagaraa keessatti qabeenya adda addaa bitachuu isaattu himama. Waggaa tokko keessatti eega qabeenya hagana gahu saamee booda aangoo gad dhiisee baqate. Swiizarlaand fi Ameerikaa keessattis hidhamee ture. Mootummaan Swiizarlaand qabeenya hamma murtaawaa Mootummaa Yukreeniif deebisus, namichi kun garuu biyyoota gargaraa keessatti mana bitatee jiraataa akka jiru himama.
Albeertoo Fujimoorii, Preezidaantii Peeruu, bara 1990 hanga 2000, waggaa 10 bulche
Namichi kunis maallaqa doolaara miiliyana 600 tahu saamuudhan himatame. Bara inni aangoorra ture sanitti mallaqni doolaara biiliyana 4 tahu namoota garagaraatiin kan saamame yoo tahu, kana keessaa inni parsantii 25 kan tahuuf itti gaafatamaadha. Kana booda biyyattii waggaa kudhaniif marsaa lamaan eega bulchee booda, marsaa sadaffaas moohate. Haa tahu malee himannaa malaammaltummaa kana dheefa biyya gad dhiisee gara jaappaan baqate. Eega gara jaappaan baqatee booda aangoo gad dhiisuu isaa xalayaan kan ibse tahus, xalaayaan isaa fudhatama hin arganne. Boodarratti gara Chiilii eega deemee booda qabamee gara Peeruu deebifame. Eegasii bara 2009tti hidhaan waggaa 13fi baatii jahaa itti murame. Bara 2017tti ammoo preezidaantiin biyyatti Fujimooriin rakkoo fayyaa qaba jedhee dhiifama godheefii ture. Haa tahu malee ummanni mormii dhiheesse. Boodarratti bara kana manni murtii Fujimooriin lammata deebi’ee akka hidhamu murteessee hidhatti deebi’e.
Jeen-Klaawud Duvaaliyar, Preezindaatii Heeytii, bara 1971 hanga 1986, waggaa 15 bulche
Namichi kun umrii 19tti wayta abbaan isaa du’u aangoo qabate. Waggaa 15’f bulchee qabeenya doolaara miiliyana 800 tahu saame. Bara 1986tti fincala gaggeeffameen aangoo gad dhiisee gara Faransaay baqate. Waggaa 25f eega achi jiraatee booda bara 2011 gara Heeytii deebi’e. Eega deebi’een booda hidhamee qorannoon irratti gaggeeffamee ture. Tahullee manni murtichaa badii irratti hin argine jechuun bilisaan gad lakkise. Waggaa 3 boodas rakkina onneetiin dachii tanarraa godaane.
Slobodaan Miloseevich, Preezidaantii Yugozlaaviyaa Ykn Sarbiyaa, 1989-2000, waggaa 11 bulche
Namichi kun yeroo aangoo irra turetti doolaara biiliyana tokkoo ol saamee jira jedhama. Saamicha isaa Kanaan olitti garuu, yakka duguuggaa sanyii ummata Muslimaa kan SrebreeniKaa irratti raawwateen beekkama. Eega aangoo irraa bu’ee booda mootummaan Sarbiyaa saamicha qabeenya ummataa sababee himannaa irratti bane. Garuu ragaa quubsaa waan hin arganneef, yakka duguuggaa sanyii muslimoota irratti raawwateef akka himatamuuf dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiif dabarsee kenne. Achi booda Osoma himannaan isaa mana murtii Addunyaatti dhagahamaa jiruu, goolabbii osoo hin argatin bara 2006tti rakkina onneetiin du’e.
Zeeynal Aabidiiin Bin Alii, Preezidaantii Tuniiziyaa, bara 1987 hanga 2011, waggaa 23 bulche
Namichi kun doolaara biiliyana 2.6tti dhihaatu akka same himama. Zeeynal Aabidin Tuniiziyaa saamullee dalagaa gaggaarii heddu dalaguun isaatiinis ni beekkama. Fakkeenyaaf bara 1986tti galiin nama tokkoo kan wagga Avreejiidhaan doolaaraa 1,201 ture. Bara 2008titti galii nama tokkoo gara doolaara 3,7tti ol guddisuu dandayeera. Hiyyummaa biyyattii parsantii 7.4 tures gara parsnatii 3.8 gad buuseera. Sababa nama kanaatiif Tuniiziyaan Leenca Afriikaa jedhamtee wamamaa turte. Haa tahu malee sababa dhiibbaa mirga namoomaatiin ummanni irratti fincilee aangoorraa buuse. Warraaqsi biyyoota Arabaatis biyyuma tanatti jalqabe. Mormiin tuniiziyatti ka’ee osoo ji’a hin guutin Zeeynal aabidiin aangoo gad dhiisee gara saud Arabiyaa baqate. Namni kun dalagaa gaggaarii qabaatus mallaqa biyyattii doolaara biiliyana 2.6 ol kan saame tahutu himama. Kana keessaa haga ammaatti kan biyyattiif deebi’e doolaara Miiliyana 68 qofa.
Saanii Abaachaa, Preezidaantii Naayjeeriyaa, bara 1993-1998 waggaa 5 bulche
Akka gabaasa miidiyaaleetti Preezidaantiin Naayjeeriyaa kun waggaa 5 keessatti doolaara biiliyana 5’ii ol saame. Saanii Abaachaa Akkuma Preezidaantii Tuniiziyaa biyya isaatiif toltuu heddu dalageera. Fakkeenyaaf idaa biyyattii doolaaraa biiliyana 36 ture kafaluun gara doolaara biiliyana 27 gad buuseera. Kanas tahu doolaaraa Biiliyana 5 ol saamera. Haa tahu malee osoo heddus hin turin innis rakkina onneetiin du’e. Kana booda mootummaan Naayjeeriyaa maatii saanii Abaachaa himatee haga ammaatti doolaara biiliyana 2.5 deebisiisuu dandayeera. Ammas mootummaan mallaqa Abaachaa, kan Biyyoota akka Bahaamaas, UK, USA, fi Aayirlaand keessatti hafe deebisiisuuf hojjataa jira.
Mobuutoo Seessee Seekkoo, Preezidaantii Zaayer ykn Koongoo Rippaabliik, bara 1965-1997, waggaa 32 bulche.
Namicha Guddicha Afriikaa jedhamuun kan beekkamu Mobuutoo Seessee seekkoo, mallaqa biiliyana 5 tahu qabeenya biyyattii irraa saamuu isaa miidiyaaletu hima. Mallaqni inni saame kun, osoo tajaajila biyyaatiif oolee silaa idaa biyyattiin yeroo sanitti ofirraa qabdu hunda kafalee fixuu ni dandaya. Haa tahu malee inni garaa ofii guutachuu murteesse. Yeroo hedduu fincilli garagaraa isarratti godhamus, dandamatee waggaa 32f turuu dandayeera. Xumura irratti fincilli itti hammaannaan biyyaa baqatee gara Toogoo deeme. Achi booda gara Morokoo cehee dhukkuba kaansariitiin waggaa tokko booda du’e. Haga ammaa mallaqa saamee baankii kaayate keessaa doolaarri miiliyana 6.68 qofatu akka deebi’u murteeffame. Kunis isa baankii Swiizarlaand keessa jiruudha.
Ferdinaand Maarkoos, Preezidaantii Filippiin, bara 1965-1986. Waggaa 21 bulche
Namichi kun yeroo tokkoti goota biyyaa jedhamuun meedaalyaa heddu badhaafamee ture. Haa tahu malee saamicha biyyattii irratti raawwateen badhaasni hunduu irraa mulqameera. Yeroo biyyattii waggaa 21f bulche keessatti, idaan biyyattii doolaara miiliyana 369 ture, gara biiliyana 28titti ol guddate. Mindaan hojjattoota mootummaa ammoo harka sadihiin gad bu’e. Akkasumas lammiileen biyyatti hiyyummaa keessa jiraataa turan kan miliyana 18 turan ammoo dachaan dabaluun miiliyana 35 tahan. Walumaa galatti namichi biyyattii ajjeesee ofii isaatii ammoo doolaaraa biiliyana 10 ol saamee biyyaa baqate. Eega Baqatee waggaa 3 booda du’aan addunyaa tanarraa gale. Mootummaan amma biyya bulchaa jirus carraa hunda fayyadamee mallaqa Maarkoosiin saamame deebisuuf carraaqaa jira. Haga ammaatti baankiilee biyyoota alaa irraa doolaara biiliyana 3.6 deebisiisuu dandayeera.
Muhammad Suhaartoo, Preezidaantii Indoneeshiyaa, bara 1967-1998, Waggaa 31 bulche
Muhammad Suhaartoo nama gaarii ture. Aangoo eega qabatee booda biyyattii haalaan jijjiireera. Fakkeenyaaf galiin nama tokko osoo inni gara aangoo hin dhufin waggaan doolaara 804 ture. Eega aangoo irra bahee waggaa muraasa booda gara doolaara 4,114 ol guddisuu dandayeera. Hiyyummaa biyyattii parsantii 45 ture gara 11 gad buuseera. Daa’imman dhukkuba gara garaatiin akkuma dhalataniin du’aa turanis parsantii 60n hir’isuu dandayeera. Walumaa galatti imaammata inni boceen biyyattiin badhaatee sadarkaa of dandayuu irra geesse. Kana booda dhaabbanni nyaata addunyaa milkii inni argamsiiseef warqii isa badhaase. Haa tahu malee bara 1990 booda bulchiinsi isaa haalaan jijjiirame. Malaammaltummaan ni hammaate. Innis qabeenya biyyaa saamuu jalqabe. Doolaaraa biiliyana 15 hanga 35 saamee jira jedhamee tilmaamama. Malaammaltummaan hammaachuurraa kan ka’e milkiin inni argate hundi bilaash tahe. Biyyattiin diigamatti dhihaaannaan, bara 1998titti aangoorraa fonqolchame. Achi booda saamichaan himatamee osoo mana murtiitti deddeebi’u du’e. Motummaan haga ammaa qabeenya saamame deeffachuu hin dandeenye. Haga ammaatti maatii Suhaartoorraa maallaqa doolaara Miiliyana 300 tahu qofaatu kaaznaa mootummaatti deebi’e.
Qophii Abu Ibtisam