Jeedala
Uumamni kun biyyoota heddu keessatti, akkasumas naannoowwan garagaraa keessa jiraachuu danda’a. Haalli uumama qaama isaatis, naannoowwan garagaraa waliin wal simee akka jiraatu isa dandeessisa. Jeedalli biyya keenyattis hedduu beekama. Uumamni kun uumama akkaan abshaala akka ta’e dubbatama. Waan amma dura dalage irra deebi’ee yaadatuu danda’a. Sanyiin isaa kan dachii kana irra jiru 37 akka ta’e qorattoonni ni dubbatu. Haa ta’u malee, ‘jeedala dhugaa’ jedhamuudhaan kan beekkaman 12 qofa akka ta’an qorattoonni ibsanii jiru. Uumamni kun garee bineensota ‘Ilkaan Qaarriffaa’ qabanii keessatti ramadama. Bineensota ilkaan Qaarriffaa bosona keessa jiraatan keesaallee haalaan xiqqaadha. Haa ta’u malee warra ilkaan Qaarriffaa jedhamuun beekaman irraa garaagarummaa heddu qaba.
Jeedalli yeroo heddu gareen hin jiraatu. Akkasumas waa adamsuu fi yoo waa sooratuus kophaa isaa adamsee soorata. Waa adamsuuf ammoo halkan halkan socho’a. Haa ta’u malee Jeedala guyyaa deemu yoo argitan rakkoon guddaan tokko uumamuu isaa beekuu qabdan. Akkasumas Jeedalli guyyaan deemu kun isa halkanii caala balaa guddaa geessuu danda’a. Aka qorattoonni jedhanitti, sababaa jeedalli guyyaan deemuuf keessaa inni ijoon, rakkoon hamaan isa mudatuudha. Takkii soorata dhabee beelayee rakkatee jira, yookaanii ammoo bineensa biraa isa duubaan dhufaa jiru jalaa dheessaa jira ta’a.
Rabbiin guddaan Qaama Jeedalaa humnaa fi saffisa akka qabaatu godhee uumeef. Uumamni Qaama qal’aa qabu kun qoffee dheeraa fi Gurra fiixeen isaa qal’aa badhaafamee jira. Miilli isaa qal’aa yoo ta’u, saffisnii fi Jabinni isaa garuu qal’ina isaatiin wal hin fakkaatu. Sa’aa takkaan haga Kilomeetira 40 figuu danda’a. Bifti qaama isaa gara booraatti kan dhihaatu yoo ta’u, qoffee fi garaa isaa jalaa ammoo bifa adii qaba. Sanyiin gariin bifa gurraacha ofirraa qabus ni jira. Eegee furdaa rifeensaan uwwifme kan qabu yoo ta’u, akka uumama hedduu madaala ofii ittiin eeguuf osoo hin taane, qubsuma ofii bineensota birootitti akeekuuf jecha, hafuura urgaawaa irraa maddisiisa. Walumaa galatti hafuura kana jeedala biroo wajjiin ittiin walii galuuf fayyadama.
Ilkaan ammoo akkuma ilma namaa qaarriffaa fi a’oos ni qaba. Kunis wantoota hunda akkuma ilma namaa akka nyaatu isa dandeessisa. Ilkaan isaa kan qaarriffaatiin, bineensota ajjeesuu fi ittiin cicciratuuf fayyadama. A’oo ammoo foon, firiiwwan muka garagaraa fi wantoota biroo ittiin alanfatee, bulleessa. Sanyiin jeedalaa hedduun isaa haala qilleensaa irratti hundaa’uun, rifeensa garagaraa biqilcha. Yeroo hoo’i hammaatu rifeensa ofirraa harcaasuun, akka qaamni isaa gar malee hin oowwine godha. Yeroo qabbanti buutu ammoo rifeensa baay’inaan dheereessee biqilcha. Kunis qabbanti alaa akka itti hin seennee fi qaamni isaa yeroo hunda oowwaa ta’ee akka itti fuufu isa gargaara.
Gama jireenyaatiin eddoon uumama kanaaf mijaawaa hin taane hin jiru. Naannoowwan qabbanaawaa hemisfeera kaabaa dabalatee, naannoon gammoojjii inni irraa dhabame hin jiru. Haa ta’u malee uumamni kun heddumminaan, naannoo ilmi namaa qubatu baay’inaan waan qubatuuf, yeroo hunda ilma naatiin walitti bu’a. garuu irra hedduun isaa Gaarreen irra, bosona keessa, lafa diriiraa irra, dhakaa keessa, gammoojjii keessaa, naannoo magaalaa fi bakka namni hedduminaan qubatu jiraachuu ni danda’a. Uumamni kun kopha kophaa, qubsuma mataa isaa tolfatuudhaan jiraata. Qubsuma walii keessa yoo seenanis wal hin dhaban. Haa ta’u malee yeroo wal qunnamtii wal hormaataatti, qubsuma walii cabsanii seennaan, akkuma diina daangaa dabreetti haga inni tokko du’ee dhabamutti, wal aansoo godhu. Yeroo ammaa kana uumamni kun sababa manca’iinsa bosonaatiin rakkoo hamaa keessa jira. Bosonni ciramuun qajeelatti isa hin miidhu. Haa ta’u malee, uumamni biraa kan inni sooratu jalaa baqachuudhaan waan nyaatu dhabuu danda’a.
Jeedalli foon qofa hin sooratu. Wanti inni hin sooranne hin jiru. Foon bineensota xixiqqoo, simbirrootaa fi biqiltootas ni soorata. Yeroo waa adamsu garuu hunduu kopha kophaa adamsa. Jeedalli naannoo kam sooratni gaariin akka jiru waan beekuuf, wagga waggaan yeroo isaa eegee naannoo garagaraatti deebi’uun soorata ofi adamsa. Uumamni kun midhaanitti safuu hin beeku. Waan fuulduratti argate hunda ni soorata. Bineensa dadhabe tuffatee bira hin taru. Wanti kun na hin quubsu jedhee gara biraa hin deemu. Waan argate garaatti liqimsee, ta biraa barbaaduudhaaf socho’a.
Jeedalli garee uumee gamtaan hin jiraatu. Hunduu qubsuma ofii isaanii tolfatanii, kopha kophaa jiraatu. Haa ta’u malee, sirna uumamaa kan ta’e wal horuu fi ilmoo bakka buufatuu gaafa yaadan walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Haalli kun uumama hunda bira jira. Uumamni kopha kophaa jiraatu hundi gaafa wal hormaataa daangaa walii dabree, qubsuma isa tokkoo keessa cehee, walitti dhufa. Jeeddallis bineensota akkas godhan keessaa isa tokko. Jeedalli kormaan tokko dhaltuu takka wajjiin yoo walqunnamtii wal hormaataa raawwate, haalli sun umrii isaanii guutuu akkasumatti itti fuufa. Akka jaarsaa fi jaartii waliif ta’an. Haga inni tokko du’utti, dhaltuunis gara korma biraa, Kormaanis gara dhaltuu biraa hin deemu.
Yeroo walhormaataa kanatti kormaan, humna jabaa qabaatuu qaba. Sababni ammoo, jeedalli biraa kan dhaltuun walitti hin firoomin, humnaan fudhachuudhaaf waan carraaqquufi. Yeroo kanatti kormaan lamaan wal aansoo jabaa keessa seenu. Yeroo heddu haga inni tokko du’utti lolli kun hin dhaabbatu. Kanaafuu, Kormaan hundi isaatuu, dhaltuu ofii eeguuf jecha humna gabbifachuu qaba. Ilmooleen reefuu guddataa jiran, sababa kanaaf yeroo heddu ni ajjeefamu. Kanaaf haga danda’aniin, eddo Jeedalli humna qabu jiru irraa fagaatanii qubatu. Rimeeyni Jeedalaa guyyaa 53f tura. Yeroo takkaanis haga ilmoolee 5 dhaluu danadeessi. Warri kormaatis, haga ilmooleen kunniiin guddatanitti, ilmoolee guddisuu irratti haadha ni gargaaran.
Ilmooleen haarawa dhalatan kunniin, gaafa dhalatan gurraan hin dhagahan, ijaanis hin argan, akkasumas qaama isaanii irraallee rifeensa gahaa hin qaban. Kanaafuu, balaa garagaraa hedduuf saaxilamuu danda’u. kanaaf haati ilmoolee biraa hin fagaattu. Tasumaa haati biraa fagaannaan, ilmooleen sunniin karaa baduu danda’an. Booda deebitee osoo sagaleen waamtellee, gurri isaanii waan hin dhageenyeef deebi’anii dhufuu hin danda’an. Akkasumas yeroo qabbanaatti, qabbanaan miidhamuu danda’u. Kanaaf haati yeroo hunda isaanuma bira turti. Waan haati yeroo hunda isaan bira turtuuf, Kormaan ammoo olii gad deemee, soorata barbaadee, haadhaa fiduu qaba. Haatis soorata Kormaan fide san soorataa, ilmoolee isii harma hoosisaa guddisti.
Jeedalli sanyii garagaraa qaba. Kan biyya keenya qofa keessatti argamtu jeedalli diimtuun, uumama addaa waan taateef, In shaa Allaah waa’ee isii qophii biraa keessatti itti deebina. Barruu tana keessatti garuu sanyii muraasa uumama kanaa waliin ilaalla. Inni duraa jeedala Arktik jedhama. Jeedalli kun haala uumama ajaa’ibaa qaba. Rifeensa gogaa isaa irra jiru yeroo garagaraatti ni jijijjiirama. Yeroo cabbiin akkaan hammaatuutti rifeensa adii biqilchuun cabbii waliin of walfakkeessa. Yeroo Cabbiin baqee naannoon qulqullaawu ammoo, rifeensa magaala biqilchuun naannoo wajji wal fakkaataa jiraata. Sanyiin biraa ammoo Swift fox jedhama. Sanyiin kun sanyiilee jeedalaa keessaa isa xiqqaadha. Jeedalli kun naannoo margi jiruu fi naannoo gammoojjii keessa jiraatuu danda’a. Sanyii kana keessatti dhiirri qubsuma mataa isaa hin tolfatu. Olii gad deemaa jiraata. Dhaltuun garuu qubsuma mataa isii tolfatuudhaan, isa keessa qubatti. Sanyiin biraa ammoo Kit fox jedhama. Sanyiin kun warra kaawwan irra dhaabbata qaamaa adda ta’e qaba. Akkaan qal’aa yoo ta’u, guddina qaama isaatiin yoo wal bira qabamu, mataa fi gurri isaa gurguddaa dha. Walumaa galatti sanyiileen uumama kanaa gosti heddu jiraatus, hundi isaaniituu, kopha kophaa jiraatu, Sooranni isaaniitis, wal fakkaataa dha. Hundi isaaniituu halkan halkan sosocho’u.
Rabbi waan dachii kanarratti uume hunda isaatuu walitti akka haajamu godhee uume. Inni tokko isa tokko nyaata. Isa san ammoo kan biraatitu deebisee soorata. Haaluma Kanaan Jeedallis soorata bineensota biroo ta’uu irraa hin oolle. Sadarkaa duraa irratti bineensi jeedala adamsuun sooratu sanyii qeerransaa, Bobcast fi lynx jedhamuudha. Uumamni kunniin lamaan humna jabaa fi saffisa guddaa kan jeedalaa caalu waan qabaniif, jeedala moohatuu danda’an. Yeeyyiinis diina Jeedalaati. Haa ta’u malee Yeeyyiin bakka hunda jiru jeedala hin sooratu. Naannoo garitti akkuma firaatti kan waliin jiraatan yoo ta’u, naannoo tokko tokkotti garuu jeedalli soorata Yeeyyii ta’uuf dirqamee jira. Kan kanarraa hafe, wanti Sanyii Jeedalaa lafa irraa duguugaa jiru ilma namaati. Ilmi namaa bineensota heddu dachii irraa adamsee fixuudhaan beekama. Yeroo heddu sooratuudhaaf osoo hin taane, nageenya ofii isaatii fi nageenya beeyaladoota isaa eeguuf jecha jeedala adamsa. Meeshaa Ammayyaa garagaraa qabutti gargaaramuun jeedala ajjeesutti jira.
Qophii :Abu Ibtisam