Rabbi Eessa Jira? Dr. Zaakir Naayik

Gaafattuu: Bismillaah Arrahmaanirrahiim, Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh!

Dr Zaakir: Wa’aleykumussalaam Warahmatullaahi Wabarakaatuh!

Gaafattuu: Maqaan Kiyya Haafizaa bin Abu Saamaah jedhama. An Barattuudha. Ilmi obboleessa kiyyaa, ‘ Rabbi eessa jira?’ jedhee na gaafate. Deebisaa isaaf kennuu hin dandeenye. Kana booda gara qur’aanaa deemee, suuraa As Sajdaah arge. Lakkoofsa aayaa isaa irraanfadhee jira. Jechichi, Summa istawaa Alal Arsh jedha. Wanti na cinqaa jiru, Rabbi arshii gubbaa jiraata jechuudhaa? Istawaa fi Arsh jechuun maal jechuudha?

Gaafiin lammataa gaafii hiriyyaa tiyyaati. Dhiifama barreeffamaan natti kennite, Muslimoota jiddutti garaagarummaa argee jira. Mazhaba afurtu jira. Gariin isaanii ammoo Wahabii jedhamu. Sababa kanaafis wal dhabbiin ni mul’ata, gorsa akkamii isaaniif kennita?

Gaafiin sadaffaan, dhiifama kunis gaafii hiriyyaa tiyyaati. Akka Doktora Muslimaa tokkotti, Ati Doktora Muslimaa waan taateef, yaadni Vaccine ykn ammoo talaallii fudhachuu irratti qabdu maali? Gaafiin kiyya kanniini.

Dr. Zaakir: Obboleettiin teenya gaafii 3 gaafatte. Gaafiin duraa ilma obboleessa isiitiin gaafatamte. Rabbi eessa jira jedha. Isiinis qur’aana keessa barbaaddee, aayaa Suuraa Al Sajdaah keessa jiru kan Rabbi Arshii gubbaa jira jedhu argatte. Sun deebisaa sirriiti. Deebiin kee sirriidha. Rabbi Arshii gubbaatti ol tahe. Haa ta’u malee Rabbi Suuraa Al Shu’araa aayaa 11 irratti,

لَيۡسَ كَمِثۡلِهِۦ شَيۡءٞۖ وَهُوَ ٱلسَّمِيعُ ٱلۡبَصِيرُ

Wanti isa fakkaatu tokkolleen hin jiru. Rabbi ni arga ni dhagaha jedhe.

Garuu argaan teenyaafi ta Rabbii Adda adda. Argaan isaa akka ija keenyaa, dhageettiin isaa akka gurra keenyaatii miti. Kanaafuu Arshiin akkam jira jettee, waa’ee teessoo akkanaa kana yaaduu hin qabdu. Arshiin Rabbii akkam jiraa? Rabbitu beeka. Qur’aanni, Rabbi Arshi irratti ol tahe jedha, sun deebisaa sirriiti. Arshiin isaa bal’aadha. Nuti waa’ee Arshii kana akkanaa fi akkas jennee yaadutti jirra. Nuti waan Hadiisa keessatti waa’ee Arshii ibsame ni fudhanna. Wanti isarratti daballu hin jiru.

Hadiisa Nabi Muhammad ﷺ tokkotu jira. Intala takka itti fidan. Nabiin ﷺ  mucayyoo san mu’mina ta’uu fi ta’uu dhabuu isii qormaatuu barbaadan. Achiin Ergamaan Rabbii ﷺ ‘Rabbi eessa jira? Jedhanii gaafatan. Isiinis  gama samii qubaan akeektee Samii gubbaa jettee deebiste. Nabiinis ﷺ  Isiin tun Iimaana qabdi jedhan. Sababa kanaaf yeroo du’aa’ii goonu harka keenya ol qabna. Sii galee?

Gaafattuu: eeyyan.

Dr Zaakir: kanaafuu deebisaan kee, Rabbi waaqa gubbaa jira kan jedhu sirriidha. Rabbi Arshii irratti ol tahee jira. Sunis sirriidha. Deebisaan lachuu sirriidha.

Gaafattuu: ilma obboleessa kiyyaa Kanaan Rabbi bakka hunda jira jechuu danda’aa?

Dr zaakir: Lakkii

Gaafattuu: hin ta’uu?

Dr zaakir: Amma rakkoo keessa bu’aa jirta. An Namoota Rabbi bakka hunda jira jedhan nin beeka. Garuu ragaan qabatamaa hin jiru. Eeyyan Rabbi humna isaatiin bakka hunda jira. Wanti hadiisni jedhe, Rabbi Samii irra jiraadha. An namoonni Rabbi bakka hunda jira jedhan akka jiran nin beeka. Wanti beekuu qabnu, Waa’ee Rabbii (SW) yoo haasofnu, yaada dhuunfaa keenyaa dabaluu hin qabnu. Sun waan akkaan hamaadha. Namoonni gariin yaada isaanii kana ibsachuudhaaf carraaqan.

Eeyyan Rabbi quwwaa isaatiin bakka hunda jira. Waan hundarratti humna qaba. Aayaaleen heddu kan waa’ee kanaa haasawan ni jiran. Haa ta’u malee, Qur’aanni Inni Arshii gubbaa jira jedhee jira. Inni Arshii irratti ol tahee jira. Hadiisnis Rabbi Samii gubbaa jira jedha, nutis Samii gubbaa jira jenna. Yaada biraa itti dabaluu dhabuun gaariidha.

Ergamaan Rabbii ﷺ waa’ee Rabbii irraa haasawaa yeroo keessan hin gubinaa jedhan. Yoo waan takka jennu dogoggora uumuu dandeenya. Waan Qur’aanni jedhe, nutis irra deebinee jenna. Qur’aana keessa aayaan, ‘Rabbi bakka hunda jira jedhu’ hin jiru. Muslimoonni heddu kan waan kana amanan akka jiran nin beeka. Waan Qur’aanni jedhe qofa jechuun gaariidha. Sun dogoggora keessa bu’uu irraa si tiysa.

Gaafii kee kan lammataatiin wal qabatee, Gaafii lammaffaa moo sadaffaatu waa’ee Talaalliiti?

Gaafattuu: Gaafii sadaffaadha. Gaafiin lammaffaa waa’ee Mazhabaati.

Dr Zakir: Mazhaba. Mazhaboota heddutu jira, hundi isaaniituu wal qeeqan. Mata duree Tokkummaa Ummata Muslimaa jedhu irratti, Magaalaa Terangaanaatti haasawa godhee ture. Wanti an jedhe, Imaamonni Afranuu, Imaam Abu Haniifaa (rahiimahullaah), Imaam Shaafi’ii (rahiimahullaah), Imaam Maalik (rahiimahullaah) akkasumas Imaamni Afraffaan Imaam Ahmad ibn Hanbal (rahiimahullaah), dabalataan a’immaaleen biraa heddutu jiru. Afran kunniin warroota heddu beekaman. A’immaaleen hundi, Yoo hadiisa Sahiihaa argattan, sun Mazhaba kiyyaa jedhan. Dabalataan, Aa’immaaleen hundi, Yaadni kiyya, fatwaan kiyya, yoo kitaaba Rabbii fi Hadiisa Nabiyyichaatiin walitti bu’e, fatwaa kiyya ofirraa dhiisaa jedhan. Walitti bu’iinsi hin jiru. Hunduu wal jaalatu. Hunduu Yaada isaanii kennan. Yoo yaada isaanii xiinxallitee ilaaltu, yaadni isaanii dhibbeentaan 95 wal fakkaataadha. Dhibbeentaa 2, 3, 4 irratti qofa wal dhaban. A’immaaleen hundi, Yaadni kiyya yoo Qur’aana Rabbii fi Hadiisa rasuulaatiin walitti bu’e, yaada kiyya ofrraa dhiisaa jedhan. Yaadni isaanii Islaamummaa babal’isuu fi Ummata Muslimaa gara Qur’aanaa fi Sunnaa dhiheessuudha. Akka carraa ta’ee nuti ammoo wal lolutti jirra. Wanta walitti nu fidu, Rabbi Suuraa Aali Imraan aayaa 103 irratti nuuf ibsee jira

وَٱعۡتَصِمُواْ بِحَبۡلِ ٱللَّهِ جَمِيعٗا وَلَا تَفَرَّقُواْۚ

Haada Rabbii tokko ta’aa qabadhaa, adda hin bahinaa

Deebisaa siif kennee jira jedhee abdadha.

Talaallii fudhatuun wal qabatee, talaalliin sun waan haraama ta’e yoo of keessaa qabaate, yoo dawaa lubbuu  tee hambisu ta’e, Yoo dawaan lubbuu tee hanbisu isa qofa ta’e, Osoo alkoola of keessaa qabaatellee hayyamamaadha.  Wantoota akka Booyyeetis yoo qabaate, Dawaa farshoo fi booyyee qabus yoo taate rakkoo hin qabu.

Dawaan ati fayyadamtu sun farshoo fi wantoota haraama ta’an kan biraatis osoo qabaatee, dawaan lubbuu tee fayyisuu danda’u ammoo isa qofa yoo taate, islaamummaa keessatti hayyamaadha. Yoo faallaa kanaa ta’e, ykn ammoo akkanumaan haala nagayaa keessatti fudhachuuf yoo taate, haraama.

Deebisaa kennee jira jedhee yaada. Wa’aakiru da’waanaa Anil hamdulillaahi Rabbil Aalamiin.

Gaafattuu: galatoomi

Qophii: Abu Ibtisaam

Comments are closed.

Have questions? Search our knowledgebase.