An gaafii namoota Muslima hin tahinii deebisuu irratti takkaa hin dadhabu!
Gaafataa: Akkam jirta obboleessa kiyya Jaalatamaa Dr Zaakir. Dadhabdee jirta natti fakkaata. An gaafii salphaa takka qaba. Sikizimii ni beekta. Dhakaan Bu’uura isaa ykn Amritsar Gurmandar Nama Muslimaa Mian mir jedhamuun akka kaahamu godhame. Faallaa kanaatiin namoonni Muslima hin ta’in mana Rabbii akka hin daaw’anne maaliif dhoorkaman. Yaadni ati waan kana irratti qabdu maali?
Dr Zaakir: Obboleessi akkam akka ta’e na gaafate. Alhamdulillaah an nagaya jira. An dhadhabee jiraa? An gaafii warra Muslima hin ta’inii deebisuu irratti takkaa hin dadhabu. Takka dadhabee hin beeku. Bor ganama sa’aa 11tti xayyaaraan karaa deema. Gartee?
Gaafataa: Waan gaarii dalagutti jirta, ati nama gaariidha.
Dr Zaakir: kanaafuu anaaf rakkoo hin qabu. Nin jaaladha. Adaduma gaafii heddu gaafattaniin, anis humna heddu argadha. Muslimni dhagaa bu’uuraa Amritsar kaa’ee jira.
Gaafataa: The Golden temple, the holy temple Mana qaddasaa kan warqii
Dr Zaakir: Dhiifama. Dhakaa bu’uuraa the golden temple, the Holy temple kaa’ee jira. Maaliif warri Muslima hin ta’in gara Makkaa akka hin seenne dhoorkaman jedhee gaafate.
Obboleessa haasawa kiyya keessatti deebii kennee jira. Yoo namni tokko heeyyame, Tarii Amritsar bakka qulqulluu ta’uu dhabuu mala. Contentment area ykn ammoo bakka qulqulluu dhoorkaa ta’e ta’uu dhabuu mala. Makkaa fi Madiinaan contentment area dha. Gara Masjiida biraa kamuu deemuu ni dandeessa. Yoo gara masjiida Dubaay deemuu barbaadde anuu si geessa. Obboleessa
Gaafataa: Amritsar bakka qulqulluu warra Amantii Sikiiti
Dr Zaakir: Nin beeka. Obboleessa waan san sirritti beeka. Tarii akka Makkaa fi Madiinaa keenyaa qulqulluu (Holly) ta’uu dhabuu mala. Yoo gara masjiida biraa deemuu yoo barbaadde ni simatamta, anuu si geessa. Masjiidonni kunniin lamaan akkuma haasawa kiyya keessatti ibsetti, contentment area dha. Akkasumas, isaan seenuuf Viizaa si barbaachisa. Viizaan gara masjiidota kanniin lamaanii, Makkaa fi Madiinaa si geessu; Arrabaan, ‘Laa ilaaha illallaah Muhammadan Rasuulullaah, Allaah malee Rabbiin biraa hin jiru, Muhammad ergamaa isaati’ jechuu qabda. Yoo Viizaa hin argannee garas deemuu hin dandeessu.
Gaafataa: Jechoota kanniin yoo jedhe achi dhaquu danda’aa?
Dr Zaakir: Eeyyan, Yoo dubbii san jettee itti amante dhaquu ni dandeessa. Namni si dhaabsisu tokkollee hin jiru.
Gaafataa: eegasuu rakkoon hin jiru kaa
Dr Zaakir: Kanaafuu jechoota sanniin jechuu barbaadda. Achi dhaquuf moo waan itti amanteef?
Gaafataa: Asittuu jedhee jira. Namoota biroo waliin jechoota kana jedhee jira.
Dr Zaakir: Kanaafuu itti amanta
Gaafataa: Irra deebi’ee jechuun salphaadha.
Dr zaakir: lakki lakki, irra deebi’uu miti. itti amantaa?
Gaafataa: Dhugaa dha. Dhugaan ammoo amanamuu qaba
Dr Zaakir: Rabbiin jiru tokko qofa akka ta’e ni amantaa?
Gaafataa: Eeyyan ittin amana
Dr Zaakir: Nabi Muhammad (SAW) ergamaa Rabbii ta’uu amantaa?
Gaafataa: Shakkii takkaan malee, eeyyan. Inni ergamaa Allaahaati
Dr Zaakir: Kanaafuu namni Allaah malee Gooftaan biraa hin jiru, Muhammad ergamaa isaati jedhe Muslima. Kanaafuu yoo dubbii tana jettee itti amante, namni makkaa fi madiinaa seenuu irraa si dhoorku hin jiru.
Gaafataa: An Muslima dhugaati.
Dr Zaakir: Maashaa Allaah, Maashaa Allaah, Kanaafuu Afaan Arabiitiin jechuu barbaaddaa? Baga gammadde obboleessa kiyya. Obboleessa kiyya Afaan Arabaatiin jechuu barbaaddaa?
Gaafataa: eeyyan natti hin ulfaatu
Dr Zaakir : Hayyee
(Namni kun ummata kumaatama duratti shahaadaa qabate)
Maashaa Allaah
Maashaa Allaah
Obboleessa kiyya Rabbi si haa badhaasu. Gara amantii nagayaa si simanna. Yoo gara Makkaa fi Madiinaa deemuu barbaadde, yaaboo natti himii, baasii deemsa keetii naatu Ispoonsar siif godha In shaa Allaah.
Gaafataa: Heddu si galtoomfadha. Rabbi barakaa si haa godhu
Dr zaakir: In shaa Allaah
Gaafataa: An jabeenya kee siif jaaladha. Sillee si jaaladha. Rabbi barakaa si haa godhu. Dhaamsa kana facaasuu kee itti fufi. Ummanni waan kana ni barbaada, Addunyaan ni barbaaddi. Addunyaan nagaya barbaaddi. Addunyaan hooggantoota nagayaa akka keetii kana barbaaddi. Barakaan si wajji akka taatu hawwa. Toltuun akka si qunnamtu siif hawwa.