Mu’jizaa Suuratul Yuusuf
Qur’aana Rabbi nuu buuse kana irra deddeebinee osoo xiixallinee wantoota ajaa’ibaa heddu keessaa arganna. Haa ta’u malee hedduun keenya irraa fagaannee, akkasumas xiyyeeffannaa itti kennuu dhabnee, hikmaa qur’aana keessa jiru heddu hubachuu dadhabne. Osoo qur’aana keenya kanatti deebinee, gad fageenyaan qorannee, beekumsa nu barbaachisu cufa keessaa arganna. Akkasumas, iimaanni keenyas daran nuuf dabala. Barruu tanaan muuxannoo fi barumsa jabaa Daa’iin beekkamaan Ustaaz Ali Khan sheekha isaa irraa hubate, akkuma inni himetti isiniif dhiheessine. Ustaaz Ali Khan waan ajaa’ibaa ustaaza tokkorraa dhagahe akkana jechuun jalqaba. ‘Wayta dubbii tana ustaazarraa dhagahu, akkaataan qur’aanni itti qindaaye, ajaa’iba natti ta’e. Ergamaan Rabbii (SAW), kan takkaa mana barumsaa seenee hin baratin, wantoota kanniin haala Rabbiin isaanirratti buuseen, nu biraan gahuun isaanii ammoo daran ajaa’iba natti ta’e. Kanaafuu, anis mee waan ajaa’iba natti ta’e kana isiniif qooda’ jedha.
Hundi keenya, Seenaa Nabiyyallaah Yuusuf (AS) ni beekna. Seenaawwan qur’aana keessatti ibsaman keessaa, seenaa irra deddeebiidhaan dhagahamee, akkasumas dubbifamee hin quufamne keessaa tokko seenaa Nabiyyallaah Yuusufiiti (AS). Hedduun keenya seenaa Nabiyyii Rabbii kana, yeroo heddu dhageenyee, waan heddus irraa barannee jirra. Kanaafuu amma gara Suuratul Yuusuf, deemnee, Seenaa kana tafakkuruu eegalla.
Seenaa Nabiyyallaah Yuusuf (AS) kan suuratul Yuusuf, Suuraa 12ffaa keessatti argamu kana, kutaa 12tti qoodnee ilaalla. Hubadhaa, tartiibni Suuraa kanaa lakkoofsa 12 hogguu ta’u, seenaan Suuraa kana keessatti ibsames bakka 12tti qoodama. Inni duraa Abjuu Nabiyyallaa Yuusufiiti. Akkuma beekamu, Seenaan Suuraa kana keessaa, Abjuu Nabi Yuusuf (AS) yeroo daa’imummaa isaa argeen jalqaba. Abjuu isaatiinis, wayta urjii 11 akkasumas Aduu fi Addeessi isaaf sujuudan arge. Inni kun kutaa duraa seenaa Nabi Yuusufiiti (AS). Abbaan Nabi Yuusuf (AS), Nabi Ya’quub (AS) ilma isaa kana akkaan jaalata. Kun ammoo obboleewwan isaa hafan biratti akka gaariitti hin ilaalamne. Hinaaffaan jidduu isaaniitti uumame. Kanaafuu obboleewwan isaa shira isarratti xaxuu jalqaban. Shirri obboleewwan Nabi Yuusuf (AS) isarratti xaxan kun kutaa 2ffaa seenaa kanaati. Shirri kunis akkuma yaadame, milkaayee, Nabi Yuusuf (AS) biyya irraa ari’amee jira.
Nabi Yuusuf (AS) biyya itti dhalate irraa eega shira obboleewwaniitiin ari’ameen booda gara biyya Masr imale. Achittis mana ministeera Masrii keessatti guddate. Haa ta’u malee wanti mana san keessatti isa mudate, waan gaarii hin turre. Haati warraa, ministeerichaa, bareedina Yuusufiin booji’amte. Kanaafuu dargaggeessa, bareedaa fi Rabbii isaa jaalatu kana, haraama keessa isa buusuuf tattaaffii heddu goote. Haa ta’u malee hin milkoofne. Kun kutaa sadaffaa Seenaa Suuraa Yuusufiiti. Shirri kun isiif milkaahuu dhabuun gara kutaa afraffaa seenichaatti nu geessa. Namni magaalaa keessa jiru hundi niitiin Ministeerichaa, mucaa gabraa osoo sossobuuf taatu qabamte jedhanii haasawuu eegalan. Kun ammoo dubartii saniif fudhatama hin arganne. Kanaafuu dubartoota magaalaa keessa jiran hunda waamte. Kana booda dubartoota sanniinitti albee kennite. Yuusuf ammoo isaan jidduu akka darbu goote. Wayta kana dubartooonni sunniin albee saniin harka of cicciran. Kaayyoon dubartoota waamuu kun ammas Yuusufiin haraama keessa buusuuf waan yaadame ture. Kutaan 4ffaa kun waa’ee dubartoota kanaa haasawa.
Kutaan shanaffaan Seenaa kanaa ammoo Hidhamuu Nabiyyallaah Yuusufiiti (AS). Nabi Yuusuf (AS) waamichi dubartootni gara haraamaa isa waaman kana hin jaalanne. Sanirra hidhamuu barbaada jedhee Rabbii isaa kadhate. Akkuma kadhateen Rabbi irraa qeebalee gara mana hidhaa seene. Mana hidhaa keessattis hidhamtoota lama kan abjuu garagaraa argan lamaaf abjuu hiike. Mana hidhaa keessatti waamicha gara Rabbii godhe. Seenaan waa’ee hidhamuu isaa haasawuu fi mudannoo mana hidhaa keessaa haasawu kun kutaa shanaffaa seenaa Suuraa Yuusufiiti.
Kutaan jahaffaa ammoo mooticha Yeroo san Masr bulchu bira nu geessa. Innis abjuu garagaraa lama, garuu kan akkaan wal fakkaatan arguu isaati. Abjuu isaa kana akka hiikaniif namoota yeroo san hiikuu danda’an hunda walitti qabee gaafate. Garuu wanti isaaf himan tokkollee hin jiru. Abjuu arguun mootichaa kun kutaa jahaffaa seenaa Suuraa Yuusufiiti. Amma kutaawwan duraa jahan beeknee jirra. Inni duraa Nabi Yuusuf Abjuu arguu isaati. Kan lammataa obboleewwan isaa shira isarratti yaaduu isaaniiti. Sadaffaan Niitiin Ministeerichaa haraamatti isa waamuu isiiti. Afraffaan dubartoonni magaalatti harka ofirraa muruu isaaniiti, akkasumas haraamaaf isa barbaaduu isaaniiti. Shanaffaan ammoo Nabi Yuusuf (AS) Hidhamuu hogguu ta’u, inni jahaffaan ammoo Mootichi Misraa abjuu arguudha.
Amma gara jahan hafanii isin geessa. Yeroo nabi Yuusuf (AS) mana hidhaa ture san, namoota abjuu argan lama keessaa inni tokko, hidhaa irraa hiikkamee ture. Namni kun akkuma abjuun isaaf hiikamte sanitti dalagaa mootichaa dhugaatii qicutti deebi’e. Kanaafuu nama abjuu kana hiikuu danda’u nin beekaa bira na geessaa jedhee gaafate. Namichis Yuusuf bira dhaqee abjuu mootichaa itti hime. Nabi Yuusufillee (AS) hiikkaan abjuu sanii maal akka ta’e itti hime. Hiikkamuun abjuu mootichaa kun kutaa 7ffaa seenaa Suuraa Yuusufiiti.
Mootichi amma abjuun isaaf hiikkamee jira. Garuu akkaataa abjuu hiikamteef san dalagaa irra itti oolchu hin beekne. Kanaafuu carraan qabu, nama abjuu isaaf hiike kana gara ofii fiduun barbaachisaadha. Haala kanaan Yuusuf hidhaa irraa akka hiikamu murtaaye. Hidhaa irraa akka hiikamu murtaa’uun isaa kun kutaa 8ffaa seenaa Nabi Yuusufiiti. Haa ta’u malee Nabi Yuusuf (AS) akkanumatti hiikkamuu hin barbaanne. Shira dubartoonni Masri isatti xaxan sun, dhugaan isaa beekkamuu akka qabu, mootichatti hime. Haala kanaan mootichi dubartoota sanniin walitti qabee hidhe. Kun gara kutaa saglaffaa seenichaa nu geessa. Kutaan saglaffaa ammoo dubartootni baditti isa waamuuf yaadan sun, badiin keenya jedhanii badii isaanii amanuu isaanii nuuf hima. Kutaan kurnaffaan ammoo niitiin ministeerichaatis anumatu shira kana hunda xaxe jettee akka amante nuuf ibsa.
Kutaan 11ffaan Yuusufii fi Obboleewwan walitti deebi’uu isaanii nuuf hima. Sababa hoongee biyya isaanii mudateen gara biyya Misraa deemanii nyaata bitachuun dirqama itti ta’e. biyya sanitti eega deddeebi’anii booda, Yuusufiin eega wal arganiin booda, badii ofii beekanii dhiifama isa gaafatan. Rabbii isaaniitis araarama kadhatan. Xumura irratti kutaan 12ffaan ammoo abjuun Nabi Yuusuf (AS) yeroo ijoollummaa isaa arge hiikkaa argate. Seenaan Suuraa Yuusufis haala kanaan goolabame. Amma kutaa kudhalammanuu isiniif himee jira. Amma waan takka akka xiyyeeffannaan xiinxallitan barbaada.
Akkuma isinitti hime, Kutaan duraa Nabi Yuusuf (AS) Abjuu arguu isaatiin jalqaba. Kutaan kudhalammaffaan Abjuun isaa dalagatti hiikkamuu isaa nuuf hima. Kutaan 2ffaan Obboleewwan isaa shira itti yaadanii, akka garbaatti isa gurguruu isaa nuuf hima. Kutaan 11ffaa obboleewwan isaa badii ofii baratanii, Yuusufii gabra ta’ee gurgurame san osoo hin taane, Yuusufii Mootii Masri ta’e dura dhaabbachuun, badii isaanii akka dhiisuuf dhiifama gaafatan. Kutaan sadaffaan niitiin Mootichaa haraamatti isa waamuu isaa nuuf hima. Kutaan 10ffaan niitiin miootichaa badii isii amanuu nuuf hima. Kutaan afraffaan dubartoonni magaalattiitis bareedina isaatiin hawatamanii haraamaaf isa hawwuu isaanii nuuf hima. Kutaan saglaffaan dubartoonni sunniin badii isaanii amananii dhiifama gaafatuu isaanii nuuf hima. Kutaan shanaffaan Nabi Yuusuf (AS) hidhamuu isaa nuuf hima. Kutaan saddeettaffaan hidhaarraa hiikkamuu isaa nu daaw’achiisa. Kutaan 6ffaa waa’ee manaama mootichaa kan haasawu yoo ta’u, kutaan 7ffaan ammoo abjuun isaa hiikkamuu isaa nuuf haasawa.
Subhaanallaah! Seenaan kun yeroo tokko qofa Nabii keenyarrtti dubbifame. Wanti “edit” godhame takka hin jiru. Gulaaltonni waliin taa’anii kutaa kana bakka kana haa keenyu jedhanii irratti hin mari’anne. Akkuma jiru kanatti bareedee, tartiiba isaa eegee qoma isaaniirratti buufame. Dubbii akkanatti wal simu, ka tartiiba isaa hin faalleessine kana, Rabbii guddaa yoo taate malee eenyutu buusuu danda’a. Kanaaf Qur’aana Rabbii keessa, wantoota ajaa’ibaa fi hikmaa qaban heddutu ibsamee jira jenna. Qalbii teenya laaftuu tanatu waan san haalaan hubatuu dadhabe malee, ajaa’ibni qur’aana keessaa himamee hin dhumatu. Rabbi nama hikmaa qur’aana keessa jiru hubatu nu haa taasisu.
Qopheessaan: Ustaz Nouman Ali Khan
Gama Afaan Oromoo kan hiike: Abu Ibtisaam.