header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Akhlaaqa

Firummaa

Ilmi namaa ammaan tana dachii tanarra jiru kun akkuma tasaa kan argamee miti. Hundi isaatuu bakka irraa dhufe qaba. Rabbiin sababaa godhee haadhaa fi Abbaa irraa argame. Akkasumas obboleessaa fi obboleettii waliin dhalanne qabna. Abbaa fi haati teenya ammoo maatii keessatti dhalatan qabu. Isaanis obboleessaa fi obboleetti, eessuma, abbeeraa, akkoo, akaakayyuu fi kanneen biroos ni argamu. Kanneen cufa Islaamummaan “Arham” jedhaan. Namni tokko akkuma dura dubbataa turre musliima dhugaa ta’uudhaaf dirqamatti Abbaa fi Haadha ofii akkasumas ilmaaniifi jaartii ofii kunuunsuu fi kabajuu qaba. Garuu daangaan isaa kanaa miti. Isaan amma maqaa dhoofne bira darbee firaa fi ahlii isaatis kunnunsa argachuu qaban kennuufii qaba. Fira isaa cufa iyyaafachuu, kunuunfachuu, kabajuu qaba. Fira keenna ammoo gaafuma rakkanne qofa iyyaafachuu hin qabnu. Firri keenya gaafa rakkanne akka nuuf birmatu yoo barbaanne, yeroo nagayaatitti wal iyyaafachuun barbaachisaa dha.

Firummaan tun yeroo heddu gaafa namni tokko mana haadha fi abbaatii bahe irraa kaasee cituu jalqabdi. Keessatti bultiin ijaaramee nama haarawa duraan hin beekne wajji gaafa jiraatuu jalqabne irraa kaaseeti funyoon firummaadhaa laaffataa dhufti. Haati warraa fira abbaa warraa ofii jibbuu jalqabdi. Abbaan Warraatis fira haadha warraa isaa jibbuu jalqaba. Inni kun garuu waan islaamummaan itti nu ajajee miti. Yaa obboleessa! Yaa Obboleettii! Akkuma ati haadhaa fi abbaa akkasumas fira fagoo fi dhihoo jaalattu keessaa baate qabdu sanitti, abbaan warraa keetis, haati warraa keetis fira fagoo fi dhihoo ofii isaatiif jaalatu qaba ykn qabdi. Abbaa warraa kee jaalatuun ykn ammoo haadha warraa tee jaalatuun fira isii cufa waliin ta’uu qaba. Kanaaf Rasuulli (SAW) gaafa bultii ijaarrattan sanyii isii ykn sanyii isaa qoradhaa jedhan. Sababni kana godhuun barbaachiseef bor akka rakkoon hin uumamneef.

 Harraan tana dhiirris ta’e dhalaan karaa irratti wal argee wal jaalata. Fira walii osoo hin beekin jaalala zabanaa keessa bu’an. Ofumaa waan jiru erga qophatti fixanii booda gaafa fira isaanii bira gahu rakkoon babal’ataati deema. Sababa kanaan bultiin hedduun diigamaa jira.

Kun garuu haalaa fi amala musliimaa ta’uu hin qabu. Musliimni tokko fira isaa qofa mitii nama dhiigaan walitti hidhata hin qabne tokko, kan funyon LAA’ILAAHA ILLALLAAH walitti hiite ni kabaja ni jaalata. Dhukkubni isa tokko isa biraatitti dhagahama. Islaamummaan obboleessa keenna kan diinii akka jaalannuufi kabajanu nu ajaje ammoo fira keenya, ahlii keenya kan dhihoo fi fagoo ammoo kana caala jabeessinee akka qabnu nu ajaje. 

Islaamummaan firummaadhaaf bakka guddaa kennee jira. Atiin harra ruuhii qabaattee dachii tanarra jiraataa jirtu kun akkanumaan lafaa hin argamne. Gaafa dhalatte irraa kaasee firri kee si kunuunsee, si barsiisee, hamaa fi toltuu si wajjiin argaati asiin si gahe. Kanaafuu atis warra keessaa dhufte kana, gosaa fi fira keessaa baate kanaaf bakka kennuu qabda. Haga islaamummaan firummaaf bakka kenne amantiin dachii irra jiru kamuu bakka hin kennine. Sadarkaa firummaan islaamummaa keessatti qabu beekuudhaaf haasawa bareedduu Rasuulaa takka ilaaluun gahaadha. Hadiisni isaanii akkana jedha:

“Rabbi (SW) hawaa kana uume, kana booda Firummaan (rahm) olkaatee dhaabbattee akkana jette ‘Ani wantin dhaabbadheef kutamuu(cituu) irra akka eeggamu gargaarsa kee barbaadeeti.’ Rabbi (SW) ‘Hayyee, nama si kunuunse akka kunuunsu, namni si kute ammoo akka citu yoo godhe si gammachiisaa?’ jedheen. Firummaanis ‘eeyyan’ jette. Rabbi deebiseeti ‘du’aa’iin tee qeebalamtee jirti’ jedheen. Kana booda rasuulli (SAW) aayaa qur’aanaa Suratul Muhammad irra jirtu lakkoofsa 22-23 jirtu qara’an.

فَهَلْ عَسَيْتُمْ إِن تَوَلَّيْتُمْ أَن تُفْسِدُوا۟ فِى ٱلْأَرْضِ وَتُقَطِّعُوٓا۟ أَرْحَامَكُمْ (22) أُو۟لَـٰٓئِكَ ٱلَّذِينَ لَعَنَهُمُ ٱللَّهُ فَأَصَمَّهُمْ وَأَعْمَىٰٓ أَبْصَـٰرَهُمْ 23

“Sila yoo duubatti deebitan dachii keessatti badii hojjachuu fi firooma keessan muruu kajeeltanii? isaan sun warra Rabbiin isaan abaaree gurra isaanis duuchee ija isaaniis jaamseedha”

Suurah Muhammad 22-23

Akka hadiisa kanaatiifi aayaa qur’aanaa kanatti sadarkaa firummaan Rabbi biratti qabdu hagam akka ta’e hubatuu ni dandeenya.

Aayaa qur’aanaa tanas qalbifadha ilaalaa

  “ وَٱعْبُدُوا۟ ٱللَّهَ وَلَا تُشْرِكُوا۟ بِهِۦ شَيْـًۭٔ ا Û– وَبِٱلْوَلِدَيْنِ إِحْسَنًۭا وَبِذِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْيَتَمَىٰ وَٱلْمَسَكِينِ وَٱلْجَارِ ذِى ٱلْقُرْبَىٰ وَٱلْجَارِ ٱلْجُنُبِ وَٱلصَّاحِبِ بِٱلْجَنۢبِ وَٱبْنِ ٱلسَّبِيلِ وَمَا مَلَكَتْ أَيْمَنُكُمْ Û— إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ Ù…ÙŽÙ† كَانَ مُخْتَالًۭا فَخُورًا “Ž

“Rabbiin gabbaraa isatti homaa hin qindeessinaas; Abbaa haadhaaf, firootaaf, yaatiimotaaf, hiyyeeyyiif, ollaa firooma qabuuf, ollaa firooma hin qabneef, hiriyyaa jidduu keessan jiruufis, kara deemaafis, (gabroota) mirgi keessan dhuunfateefis tola (oolaa); dhugumatti Rabbiin nama boonaa dhaaddataa tahe hin jaalatu”

Suraah An-Nisaa’i 4:36

Akkuma dura dubbanne Rabbi sadarkaa Abbaa fi haadha keenyaaf qabnu sadarkaa ofiititti aanseeti dubbate. Akka aayaa amma dubbannee kanaatti ammoo firri sadarkaa sadaffaa irratti argama.  Kanaafuu funyoo firummaa sufuun, akkasumas firoottan keenya iyyaafatuu fi kunuunsuun sonaawwan islaamummaa keessaa isa tokko akka ta’e ni hubanna. Mee amma ammoo dubbii ajaa’ibaa akkuma Nabiin (SAW) dhaamsa islaamummaa tana ilma namaa biraan gahuu jalqabaniin mudate takka isiniif haa himnu. Hadiisini isaa dheeraa ta’us nuti bakka harraaf nu barbaachistu qofa keessaa fuunee ilaalla.

Tuutni daldaltoota warra Arabaa kan Abi Sufiyaaniin durfamu osoo imala irra jiru hoogganaa biyya Shaam kan ture Hiraaqiliin (Hercules) walitti dhufe. Hiraaqil gaafilee heddu Abu Suufiyaanif dhiheesse. Kanneen keessaa gaafiin takka, ‘Mee ergamaa keessan kun gara Maaliitti isin ajaja?’ jetti. Abu Suufiyaanis wayta deebisu ‘ Rabbiin qofa shariika takkaan malee akka gabbarru nu ajaja. Sanamoota abbootiin keenna dur irraa kaasanii gabbaraa turan akka dhiisnu nu ajaja, Akka salaannu, Sadaqaa kenninu, qulqullina keenna eegnuu fi FUNYOO FIRUMMAA JABEESSINEE AKKA QABNU nu ajaja’ jedhee deebiseef.

Funyoo firummaa jabeessanii qabuun akka ulaagaa amantii islaamummaa tokkootti fudhatamaa akka ture dubbii Abu Suufiyaan kanarraa hubatuu dandeenna. Ergamni jalqaba Nabiin (SAW) qabatanii ka’an tokkichummaan Rabbi gabbaruu, salaata dhaabuu, sadaqatuu fi Firummaa jabeessuudha. Wanti Nabiin itti ajajaman ammoo qajeeluma waan Rabbi biraa dhufte. Wanti Rabbi biraa dhufte ammoo dirqamatti haga humna keenyaatiin dalagaa irra oolfamuu qabdi. Dirqama kana ammoo bikkaan gahuu dhabuun rakkoo guddoo namarraan gahuu akka danda’u haasawa Rabbii fi Firummaa jiddutti godhame irraa hubatuu ni dandeenna.

Yeroo sanitti Abu Suufiyaan amantii islaamummaa fudhatee hin turre. Garuu tolaa fi sona islaamummaan of keessaa qabdu osoo hin dhoksin dubbate. Wanti Rabbiin keenya Nabiin (SAW) firummaa jabeessi jedhee ajajeef waan biraatiifii miti. Ilmuma namaa kanatu waa dagatuu guddata. Akkasumas osoma beekuu firummaa tana kutee rakkoo guddaa keessa seenaa ture. Kanaaf firri walitti diinomee seeyfii walitti luqqifatuu bira gahuu danda’a. isa kana oolchuuf jecha fira keenya iyyaafannee akka kunuunfannu nu ajaje.

Hadiisa Anas (RA) nuuf dabarsan keessattis Nabiin (SAW) akkana jedhan. “Namni rizqiin (qabeenyi) isaa akka guddatuuf barbaadu, akkasumas inniin jireenyi isaa akka bal’attuuf barbaadu funyoo firummaa jabeessee haa qabu.”Hadiisa Bukhaarii fi Musliim gabaasan keessattis Nabiin (SAW) akkana jedhan “Namni funyoo firummaadhaa kute jannata hin seenu.”

Walumaa galatti dubbii waa’ee firummaa irratti dubbataman heddu isaanii tarreessuun ni danda’ama. Abaarsa Rabbiin nama Firummaa kutu irratti dabarse ilaallee jirra. Nabiinis (SAW) namni firummaa kutu rahmata Rabbii irraa kan fageeffame akka ta’e dubbatanii jiran. Dubbii Abu Suufiyaan irraa akka hubannetti ammoo Firummaa sufuun ulaagaalee namni tokko islaama ittiin ta’u keessa tokko akka ta’es beeknee jirra. Eegasuu Abaarsa Rabbii jalaa fagaannee, Rahmataa fi Rizqii isaa argachuuf akkasumas Ulaagaa islaamummaa guunnee jannata keessa burraaquuf firummaa sufuun dirqama erga taatee, haala kamiin fiurummaa sufna jennee of gaafatuun dirqama.

Firummaa sufuun dirqamatti akkaataa barsiisa islaamummaa irratti bu’uuraawuu qaba. Musliimni dhugaa tokko qabeenyaafi dalagaaf jecha, akkasumas guutumaan guututti xiyyeeffannaa isaa haadha warraa fi ijoollee isaaatiif qofa kenneeti hin irraanfatu. Yeroo hunda firoota isaa ni iyyaafata. Bakka isaan qarqaarsa barbaadanittis isaan cinaa dhaabbata. Fira isaa cufa akkaataa nuuf dhiheenya qabaniin isaan kunuunsuun dirqama. Firri jalqabarratti nurraa kunuunsa argatuu qabu Haadha teenna waan taateef haadhaaf bakka duraa kennina. Itti aanseeti abbaa keenya kunuunsina. Haaluma kanaan akkaatuma nuuf dhiheenya qabaniin firoottan keenya iyyaafachuun kunuunfachuun barbaachisaa dha.

 Dubartootaaf firummaa sufuun kallattii hedduu qaba. Yoo qabeenya qabaatte mallaqa saniin fira isii rakkate gargaaruun barbaachisaadha. Yoo dandeettes fira ofii keessaa baate san ziyaaruun heddu faayidaa qaba. Gama biraatiin ammoo yeroo firri isiidhaa isiis ta’e abbaa warraa isii ziyaaruudhaaf itti dhufan haala gaariin simachuu, dubbii bareedduu itti haasawuu, fuula ufii itti ibsuun barbaachisaa dha.  Rasuulli (SAW) akkana jedhan “funyoo firummaa nagaya gaafatuunis yoo ta’e jabeessaatii qabaa.”

Namni firummaa sufee fira isaa haala gaariin kunuunse badhaasa lama argata. Inni duraa firummaa sufuu isaati. Kanaaf namni firummaa kunuunse ammoo rahmata Rabbii ni argata. Rahmatni Rabbii ammoo jannataa- jannataan badhaafama. Badhaasni lammataa ammoo yeroo isaan rakkatanitti isaan qarqaaruudha. Inni kun ammoo akka sadaqaatti lakkaawama. Sadaqaan ammoo dalagaalee jannata namaaf argamsiisu keessaa isa tokko.

Gama biraatin firootni keenya sunnin osoo musliimas ta’uu baatanii haala gaariin isaan kunuunsuun barbaachisaa dha. Nama amantii biraa hordofuuf kunuunsa gochuun waan islaamummaan ittiin beekamu keessaa isa tokko akka ta’e tana duras dubbannee jirra. Fira keenya kan amantii biraa kunuunsuun ammoo dalagaa miindaa jajjaba argamsiisu keessaa isa tokko. Abdallaah ibn Amr ibn Al As (RA) dhimma kanarratti dubbii Rasuulli (SAW) dubbatan akkana jedhee nuuf dabarse. “Ergamaan RAbbii (SAW) yoo akkana jedhanii dubbatan dhagahe; ‘Maatiin ebaluu ebaluu hiriyyoota kiyyaa miti. Hiriyyoonni kiyya Rabbii fi warra daandii dhugaa irra jiru. Garuu isaan firummaadhaan anaan wajji hidhata qabu. Firummaa kana ammoo nin kabajas, nin jabeessas’ jedhan.

Qur’aana keessatti amantii barbaadan namni fedhe hordofuu akka danda’u dubbatamee jira. Garuu amantiin Rabbi biratti fudhatama qabu islaamummaa akka ta’es ifaan himamee jira. Garuu dirqamatti namni tokko waan amantii islaamummaan ala jiru hordofuuf jecha firummaa isaa ofirraa kutuu hin qabnu. Inumaayyuu namoota kanneen ofitti dhiheessinee kara amanatii dhugaa kanatti waamuun barbaachisaadha. Sababuma isaan hordoftoota amantii biraa waan ta’aniif yoo ofirraa fageessine, namoonni kun nu osoo hin taane amantii keenna kana jibbaati deeman. Inni kun ammoo kasaaraa guddoodha.

Inumaa fira keenya kana amantii biraa hordofu itti dhihaannee haasofsiifnee kunuunsuu qabna. Islaamummaan hagam bareedduu akka taate itti dhihaannee gochaan agarsiisuu qabna. Sadarkaa islaamummaan isaaniif kennes kan ajaa’ibaa akka taate itti mul’isuu qabna. Yoo kana goone isaanillee gochaa keenna kanatti dinqisiifamanii gara daandii dhugaa kanatti deebi’uu danda’an. Irraa fagaannee firummaa keenya yoo kutne garuu bu’aan nuti argannu kasaaruma taati.

Akkasumas namni musliimaa tokko osoo firri isaa kan biraatuu funyoo firummaa san addaan kuteeyyuu inni garuu sufuu irraa of duuba hin jedhu. Funyoo tana inni kutee jira jedhee irraa hin fagaatu. Namni tokko firummaa tana Rabbiif jecha kunuunsuu qaba. Dalagaan islaamummaa keessatti dalagamtu cufti isiituu Rabbi biraa mindaa argachuudhaaf malee namni haa nu galatoomfatuufii miti. Dhimma kanarratti ammoo Rasuulli (SAW) xiyyeeffannaa kennanii haasawanii jiran. “Namni firummaa takka waan firri isaa kan biraa  sufeef qofa innis funyoo firummaa san yoo jabeesse, firummaa jabeesse hin jedhamu. Namni firummaa jabeesse jechuun nama wayta firri isaa kan biraa isarraa fagaatu inni garuu kan irraa hin fagaannee”jedhanii dubbatan.

Kanaafuu nuti firummaa tana waanuma namni biraan sufeef qofa sufuu hin qabnu. Firri keenna sun nu dubbisuudhaaf fedhii osoo qabaatuu baateeyyu nuti garuu mindaa keenna Rabbi biraa argachuuf niyyanneeti firummaa sana jabeessuu qabna. Namni sun osoo nu jalaa awwaaluu baateeyyu nuti salaamtaa Islaamummaa isa gaafatuu qabna. Musliima dhugaa jechuun nama waan akkanaa raawwate.

Keeessattuu harraan tana namni magaalaa keessa jiraatu dhimma firummaa tanarratti rakkoo guddaa qaba. Firri isaa sun nama baadiyaa jiraatu yoo ta’e dhaqee ziyaaruun itti jabaata. Rakkateetuu osoo itti dhufee bulchuudhaaf cinqama. Garuu hubadhaa! Harraan tana ati qabeenya argattee magaalaa jiraachuun, mana gaarii ijaarrattee uffata gaarii uffachuu tana Rabbumatu siif ta’e. Qaamni kee dibata garagaraatiin miidhagus, nyaata garagaraatiin badhaadhus dhiigni kee garuu dhiiguma nama baadiyichaa kan ati jibbite saniin tokkoma. Qaamni isaa xuraayus, fooliin isaa sitti toluu dhabus firummaa inni si waliin qabu Abadan ofirraa dhiqxee baasuu hin dandeettu.

Rabbi biraa miindaa gaarii argachuuf, akkasumas gaafa rakkate fira kee irraa gargaarsa argachuu yoo barbaadde harraan tana Rabbii kee gammachiisi. Rabbii kee gammachiisuuf ammoo funyoo firummaa tana jabeessii qabi. Akkasumas fira kankee cufa haga humna keetiin gargaari. Waan tana gootee jirta taanaan In shaa Allaah addunyaa aakhiraatti simatu nama milkii taha.

Qophii Abu Ibtisam

 

 

Back to top button