Osoo Abbaan Murtii hundi akkana tahee dachiin nagaya taate!

Islaamummaa keessatti haqni iddoo guddaa qaba. Haqummaan nama hunda walqixa tajaajiluu jechuudha. Haqa muruun ykn murtii dabarsuun waan mana murtii qofaaf kennamee miti. Jiruuf jireenya keessatti mudannooleen heddu kan murtii dhuunfaa barbaadan ni jiru. Kanaafuu muslimni hundi carraa abbaa murtii tahuudhaa ni qaba jechuudha. Haqa muruu jechuun joollee umrii garagaraa tan wal loltee dhufte walqixa adabuu jechuu miti. Tarii inni tokko humna waan qabuuf, durumaa isa kaan heddu miidhee jira taha. osoo mucaa kaaniin ati amma dhahii deebifadhu jenneeniillee humna waan hin qabneef mucaa kaan hin miidhu taha. kanaafuu miidhaa mucaa kanaa ilaalanii, murtee haqaa kennuu jechuudha Haqummaan.

Rabbi qur’aana keessatti Suuraa An Nisaa’ Suuraa 4ffaa aayaa 58ffaarratti akkana jedha;

۞إِنَّ ٱللَّهَ يَأۡمُرُكُمۡ أَن تُؤَدُّواْ ٱلۡأَمَٰنَٰتِ إِلَىٰٓ أَهۡلِهَا وَإِذَا حَكَمۡتُم بَيۡنَ ٱلنَّاسِ أَن تَحۡكُمُواْ بِٱلۡعَدۡلِۚ إِنَّ ٱللَّهَ نِعِمَّا يَعِظُكُم بِهِۦٓۗ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ سَمِيعَۢا بَصِيرٗا ٥٨

Rabbiin haqa ykn amaanaa isin bira jiru warra haqa godhatuuf deebisuutti isin ajaja. Yoo nama wal dide jiddutti dubbii laaluu deemtan, Qixatti isaan jidduutti laaltanii muruutti isin ajaja. Wanni Rabbiin isin gorsu sun waan gaarii. Rabbiin kan waan jedhan dhagayu, kan waan dalagan hunda argu.

Rabbi aayaa kana wayta jalqabu isin ajaja jedhee jalqabe. Wanti itti ajaje ammoo Amaanaa warra haqa qabuu deebisuu ykn kennuudha. Amaanaan waan xiqqoo miti. Rabbilleen kanaaf jabeessee dubbate. Amaanaa fi haqa ammoo walitti aansee dubbate. Fakkeenyaaf waajjira tokkotti yeroo qaxaramtan amaanaan isinitti kennamee jira jechuudha. Amaanaa san ammoo seeraan bakkaan gahuu qabdan. Sa’aa dalagaatti dalagaa dhiisanii daa’waa islaamaa dhaggeeffachuun sirrii miti. Sa’aan sun sa’aa dalagaati. Warri nu qaxaree mallaqa nuu kafalaa jiru akka hojii isaanii dalagnuufi. Saniin ala Rabbi gammachiisna jedhanii mallaqa namaa fudhataa da’waa dhaggeeffatuun islaamummaa keessatti fudhatama hin qabu. Da’waa dhaggeeffachuun sirrii miti jechuu miti. Baruumsa islaamaa barachuun hunda keenyarratti dirqama. Garuu amaanaa nama biraa nyaataatiin tahuu hin qabu. Lamaan wal bira deemsisuun yoo dandayame rakkoo hin qabu. Garuu sababa da’waa saniif hojiin sun ni miidhama taanaan amaanaa balleessinee jirra jechuudha.

Fakkeenyaaf waajjira tokko keessatti hoogganaa taatanii qaxaramtanii jirtan haa jennu. Hoogganaa waajjira kanaa taanaan adeemsa hojii hundaaf itti gaafatamtu jechuudha. Amaanaa abbaan waajjira sanii isinitti kenne seeraan bakkaan gahuu qabdan. Wayta hojjataa haarawa qaxartanis seeraan tahuu qaba. Muslima waan taataniif, nama muslimaa kan dandeettii hin qabne qaxaruu hin qabdan. Kun amaanaa abbaan qabeenyaa isinitti kenne, akkasumas tajaajilamaa if dura dhufee tajaajilamus miidhuudha. Fakkeenyaaf mana baruumsaa yoo tahe, barsiisaa sirrii qaxaruu dhabuu keessaniif, maqaan mana barumsa sanii ni xuraawa. Baruumsi joolleen argattus kufaa taha. kanaafuu barsiisaa gaarii kan amantii biraa hordofus yoo tahe qaxaruu qabna. Yoo barsiisaa jabaa qaxarre, amaanaa nutti kenname galmaan geenyee jirra jechu. Maatii joollee isaanii barsiifachuuf nutti erganiifis amaanaa deebisnee jirra jechuudha.

Gama biraatiin Adliin ykn haqni jecha Afaan arabaa kan karaa garagaraatiin ibsamuu dandayuudha. Fakkeenyaaf Gaala gubbatti meeshaa fe’uu yoo barbaaddan, qajeela duyda isaa irra kaayuun ulfaataadha. Kanaafuu midhaan fe’uuf deemtan san bakka lamatti qooduudhaan haadaan qarqabuu qabdan. Fakkeenyaaf wanti isin fe’uudhaaf deemtan qamadii fi jibrii kuntaalaan jiru yoo tahee, qamadii kuntaala tokko gama tokkoon kaayuun, jibrii ammoo kuntaala heddu kan qamadii sanitti qixxaayu kaayuu qabdu. Yoo san hin taane, gaallis qajeelee hin deemu, qaamni isaa kan gama tokkoo miidhamuu dandaya. Ykn ammoo qamadii san bakka lamatti qooduun, jibrii sanis haala saniin walqixxeessuun fe’uutu barbaachisa. Isa kanatu adlii jedhama.

Haqa namoota jiddutti dabde furuudhaaf yoo deemnu ammoo haqa dalaguu jechuun rakkoo mudatte seeraan dhagahuu irraa jalqaba. Kanaaf ammoo jalqabuma ilaalchi warra wal himatuuf qabnu sirraayaa tahuu qaba. Amantiin, gosummaan, hiriyyummaan, firummaan qalbii keenya keessa seenee ilaalcha keenya jijjiiruu hin qabnu. Bara Khaliifaa Umar ibn Al Khaxxaab (RA), sahaabaan guddaan Alii Ibn Abi xaalib (RA) fi namni yahuudaa tokko wal dhabanii turan. Rakkina isaanii kanas gara mana murtii geessan. Yeroo kanattis Nama Yahuudaa saniin yaada kee dhiheeffadhu jedhee Umar ibn Al Khaxxaab (RA) ajaje. Yahuudichis yaada isaa dhiheeffatee xumure. Kana booda Umar (RA) gara Alii ibn Abi Xaalib (RA) naannawuudhaan, “YAA ABAL HASAN” Yaa Abbaa hasan ati hoo? Jedhee gaafate. Aliin garuu yaada isaa hin dhiheeffanne. “Isa maqaan yaamtee ana ammoo maqaa kunyaatiin na waamte. Kun ammoo haqummaa miti, nu jiddutti haqa muruu hin dandeessu” jedhee dide. Kanaafuu haqa muruun jalqabumarraa warra wal himatuuf wal qixa tahuurraa jalqaba. Hiriyyummaan, jaalalliifi wanti hundi alatti hafuu qaba.

Inni biraa ammoo ilaalchaa fi yaada namaaf qabnu ofirraa qulqulleessutu nu barbaachisa. Fakkeenyaaf namoota wal himataa jiran keessaa isa tokko kijibaan beekna taha. amma dura dhimma wahiirratti wal arginee nu sobuu dandaya. kana booda nama kaaniin himadhu jennee carraa yoo kennine, Namni kuunis kijiba nama kanaa haga dandayeen mi’eessee dubbatuu mala. Wayta carraan namticha kaanii gahu ammoo ‘usi ati, duruu ni kijibda’ jechuun itti murteessuun hin barbaachisu. Ilaalchi nama saniif qabnu hamaa yoo tahe rakkoo isaan jidduutti uumamte san laaluu dhiisuu wayya. Tarii namni kun guyyaa san dhugaa akka aduu iftee hangaatu qabatee dhufee jira taha. namni nuti amannu ammoo kijiba dukkana qabrii caala nama sodaachisu qabatuu dandaya. kanaafuu ilaalchi namootaaf qabnu haga fedhe hamaas tahu, gaafa murtii bira geenyu ilaalcha san of keesaa baasuutu barbaachisa.

Wayta haqa murru daangaa dabruun hin barbaachisu. Namoonni lama wal dhabanii yoo dhufan inni tokko adabamuun, kuun ammoo hirphamuu qaba. Kanaafuu wayta adabnus tahe hirphinu daangaa dabruun hin barbaachisu. Nama badii xiqqoo dalage hidhaa waggaa 30 olii itti muranii hidhaatti darbuun haqummaa miti. Manuma keenya keessattis rakkoo akkanaa uumuu dandeenya. Daa’imni tokko akka tasaa tahee yeroo tokko iyyee mana jeequu dandaya. Garuu daa’ima san adabuuf jecha daqiiqaa 10f itti iyyuun haqummaa miti. Akkasumas wayta nama miidhamee haqa murrus daangaa dabruun haga silaa argachuu qabu caala akka argatu godhuun hin barbaachisu. Kaaniifis garaa laafuun haga adabamuu qabu gadi adabuun hin tahu. Abbaan murtii arjaa tahuu hin qabu. Nama miidhametu arjaa tahuu dandaya. Yoo barbaade nama miidhametu dhiifama godhe jechuu qaba. Saniin ala yaadni dhuunfaa keenyaa nu moohatu hin qabu. Murteen haqaa kan Rabbiiti. Dhugaa isa qofatu beeka. Kanaaf xumura aayaa irratti Rabbi dhagayaadha argaadha jedhe. Waan nu jalaa dhokateef Rabbi nu hin qabu. Waan argineef garuu haqa haa murru jechaa barruu tana goolabna.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x