Islaamummaan Maaliif Durbii fuudhuu hayyame? Dr. Zaakir Naayik
Gaafataa: Maqaan kiyya Raahol jedhama. ani injinara. gaafi muraasa si gaafachuu barbaade. akka an xiinxallutti amantiin yookan wanti ati hordoftu, jiruu kee keessatti akka rakkoo qabaattu taasisa. gaafiin kiyya ka duraa, dhiheenyuma kana gabaasa doctorri dhiheesse tokko dubbise, gabaasichis akkas jedha. Durbiin yoo wal fuudhan, daa’imti isaan irraa dhalattu qaama hir’attee dhalatti, carraan harkaa ykn miila malee ykn laamshawanii dhalachuu ol aanaadha. durbiin wal fuudhuu immoo islaamummaan ni hayyama. sababa islaamummaan waan kana hayyameef daa’imman heddu qaama hir’atanii dhalachutti jiru. gama birootiin immoo islaamummaan waan nama miidhu hin hayyamu. qabxiin biroo, gaafima wal fakkaatu dabaluu barbaadeeti. dhiheenya kana BP ykn Dhukkuba dhiigaa dhibamee ture, laallamuuf doctora bira deemnaan wanti inni dursee naa gorse. “foon diimaa nyaachuu dhiisi naan jedhe, nyaata islaamummaa keessatti hayyamamu. kanaafuu akka ani yaadutti wantoonni kunniin qaama namaatiif balaa guddaaadha. kan uumaa nu uumeen akka nyaannu nuuf hayyamamuu hin malle. kanarratti yoo daandeesse ibsa naaf kennitaa?
Dr zaakir: obboleessi kiyya gaafii lama qaaba. gaafiin duraa waa’ee firri fira dhihoo fuudhuuti. akka saayinsiin fayyaa jedhutti, fuuti fira dhiiga kun sanyii dhalatu irra rakkoo geessuuf carraa ol aanaa qaba. obboleessa kiyya sirri jette. waan ati jetteen walii galla. maaliif isilaamni hayyama godhe. Rabbiin suuraa Nisaa’i keessatti dubartii fuudhuu dandeenyuuf fuudhuu hin dandeenye ibsee jira. sanniin keeysaa; Obboleettii tee fuudhuu hin dandeessu, intaltis obboleessa isiitti heerumuu hin dandeessu. akkasuma obboleettii tee tan abbaan tokkoo haadhaan gara garaa fuudhuu hin dandeessu, intaltis obboleessa abbaan tokkoo kan haadhan gargaraatti heerumuu hin dandeessu, firri fuudhuu hin dandeenye Qura’ana keessatti ibsamee jira. haadhaaf ilmi wal fuudhuun hin hayyamamu. abbaaf intaltis akkasuma. kanaaf kan kana fakkaatu firri fuudhuun dhoowwamu Qur’aana keeysatti tartiibaan kaayamee jira. waan achi keeysatti tarreeyfameen ala kan hafe hunduu ni hayyamama. rakkoon kun yeroo hedduu kan mudatu, wayta obboleeysaaf obboleessaa fi obboleettiin osoo wal fuudhanii, carraan rakkinni kun mudachuu haalaan ol aanaadha. osoo intalti abbaa isiitti heerumtee ykn ilmi haadha fuudhee ykn namoonni eessuma waliif tahan ykn adeera waliif tahan wal fuudhanii carraan daa’imni qaamaan hir’achuu ol aanaadha. garuu yoo dubrii duraa taatee carraan rakkoon kun mudachuu hedduu gadi aanaadha.
Gaafataa: gaabaasni akkas hin jedhu, gaabaasni ka jedhu sababa dubriin duraa wal fuutuuf jedha. obbooleessaaf obboleetti miti.
Dr. Zaakir: afi mee ha xumuru, ani doktoraa bar!
Gaafataa: hayyee
Dr. Zakir: ani doktora fayyaati. rakkoon sanyiin dhufu kun kan argamuu danda’u yoo obboleessaf obboleettiin wal fuute. carraan isaa ol aanaadha. ati gabaasa tokko qofa dubbiste. gabaasa biraa hin dubbisne. ati oduu gaazexaa galf news dubbiste. ani kitaaba fayyaa dubbise. obboleeysoo gaazexaa galfiittu caala moo kitaaba fayyaati?
Gaafataa: Gabaabinaan yoo dubriin wal fuudhan carraan rakkoon kun mudachuudhaa haalaan gad aanaadha jettaa?
Dr. Zaakir: Yoo obboleessaaf obboleetti walbira qabnu.
Gaafataa: Yoo wali bira qabnu, yoo wal bira qabnu, hayyee.
Dr. zaakir: ee yoo wal bira qabnu.
Gaafataa: Garuu hamma ammatti”¦ hamma ammati wanti”¦
Dr. Zakir: Obboleessa kiyya deebii kiyaa haa xumuru moo “¦
Gaafataa: Hayyee Please!
Dr. Zaakir: Moo gaazexaa gulf irraa hedduu amanataa qabda?
Gaafata: lakki lakki, ani dhugaa beekuu barbaadeti.
Dr. Zakir: Wanta ati jette nin fudha. garuu yoo fuudha obboleessaf obboleettiin wal fuutuun wal bira qabnu hedduu gad aanaadha. sirridha rakkoon sanyiin dhufu kun ni jira. gabaasni kun sirriidha. yoo dhaloota dhalootatti ka wal fuudhanii. Rasuulli Sallallaahu Aleyhi Wasallam durbii teessan dhaloota dhalootatti hin fuudhina jedhe. yeroo tokko ykn lama yoo fuute rakkoon hin jiru.
Gaafataa: Hadiisatu jira jechuu kan dhaloota dhalootatti fuullastanii hin fuudhina jedhu?
Dr. Zaakir: Ee.
Amma gama gaafii kee kan lammataatti haa cehu. doktora bira deemtee, high BP ykn dhukkuba dhiibbaa dhiiqaa qabda siin jedhe.
Gaafataa: Ee
Dr. Zaakir: achi booda doktorri foon diimaa nyaatte siin jedhe?
Gaafataa: Ee
Dr. Zaakir: Kanaafuu Islaamummaan maaliif foon diimaa nyaachuu hayyame? Kanaamii gaafiin kee?
Gaafataa: Ee
Dr. Zaakir: Hiriyaan kiyya tokko doktora bira deemee ture. doktorris dhibee isaa qoratee dhukkuba sukkaaraa qabda jedheen. Kanaafuu amma booda waan sukkaara qabu hin sooratin jedheen. Obboleessoo, maaf sukkaara fayyadamna? Obboleessa kiyya ati sukkaara fayyadamtaa?
Gaafataa: Ee
Dr. Zaakir: Maaliif Sukkaara fayyadamuu hin dhiisne?
Gaafataa: Kudraa qofaan”¦. Ni danda’amaa?…
Dr. Zaakir: Obboleessoo osoo sukkaara hin fayyadamne jiraachuu ni dandeenyaa?
sukkaara san keessa kundratu jiraa obboleessoo? Baratteertaa?
Gaafataa: Ee
Dr. Zaakir: Maa shaa ALLAAH. Namittichi sun rajiijii irraa rakkoo qaba, raajiiji san keessa wanta sukkara daakutu jira, sababa hiriyaan kiyya rajiijii irraa rakkoo qabuuf sukkaari hin daakamuuf. sababa kanaaf doktorri sukkaara hin fayyadamin jedheen. yoo rakkoon foon diimaa nyaachuun sirra gahu jiraate ati foon diimaa fayyadamuu hin qabdu. ani garuu nin fayyadama.
wanti Qur’aanni jedhu, nyaata halaalaa fi waan gaarii siif tahe nyaadhu jedha. nama dhukkuba sukkaaraa qabuuf sukkaarri gaarii miti. Kanaafuu namni dhukkuba sukkaaraa qabu sukkaara dhiisuu qaba jechu. kanaaf wantoota siifis gaarii ta’ee namoota birootifis gaarii tu jira. ammoo wantoota hundaafuu gaarii hin taanetu jira, Farshoo. Farshoon nama hundaafuu gaarii miti. nama hundaafuu dhoowwaadha.foon booyyee nama cufaafuu gaarii miti, nama hundaafuu dhoowwaadha. gaafii kee sii deebise jedhee abdadha.