header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Amantii Dhugaa

Akkuma bifti namaa gaaraa garummaa qabu, haalaafi amalli namaatis wal dhaba. Amantiifi ideology namaatis adda adda. Namni hundi akka itti yaadu qaba. Wanti nama tokkoof tahu nama birootiif tahuu dhabuu mala. Waan tokko jaalatu kuun ni jibba. Kan kuun jibbuuf kuun immoo jaalalaan hirriba dhaba. Gama biraatiin Amantiin namaatis adda adda. Nuti muslimoonni Rabbii tokkicha malee waan biraa isatti qindeessinee hin gabbarru. Namoonni muslima hin tahin ammoo Amantii mataa isaanii qabu. Kuun kiristaana, kuun waaqeffataa, kuuni awaama. Kuun kan dhagatti amanu, kuun kan muka gabbaru. Haala kanaan namni hundi waan itti amanu numa qaba. Namni jireenya Rabbi amanuu didus waan itti amanu numa qaba. Yoo Rabbi hin jiru jedhee amane, Addunyaan tun ofii of uumte, waan hundaa addunyaa tanatu nuuf kenne jedhee amana jechuudha. Kanaafuu wanti inni itti amanu addunyaadha jechu.



Baay’inni amantii addunyaarra jiruu waan salphatti laakkayanii fixanii miti. Akkuma nuti muslimoonni, Amantiin dhugaa ta Rabbi biratti fudhatama qabdu islaamummaa qofa jennee amannu, namoonni kuuwwanis amantiin isaanii amantii haqaa akka tahe amanu. Kan beekaa jallatus numa jira. Duuba amantiilee addunyaarratti hagana baayyatan keessaa, islaamummaan amantii dhugaa tahuu maaliin mirkaneessuu dandeenna? Nuti islaamummaan amantii haqaa tahuu wanti shakkinu hin jiru. Garuu namoota muslima hin tahin amansiisuuf haala kamiin ibsuufii dandeenya. Ragaan keenya maaliidha? Gaafii kanaaf deebisaa kennuu qabna. Nama islaamummaa hin fudhatiniif aayaata qur’aanaa dhiheeysuun heddus isa hin amansiisu. Rabbiin Suuratul maa’idaa aayaata 3ffaa irratti akkana jedha.


Ûš ٱلْيَوْمَ أَكْمَلْتُ لَكُمْ دِينَكُمْ وَأَتْمَمْتُ عَلَيْكُمْ نِعْمَتِى وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلْإِسْلَـٰمَ دِينًۭا Ûš فَمَنِ ٱضْطُرَّ فِى مَخْمَصَةٍ Øَيْرَ مُتَجَانِفٍۢ لِّإِثْمٍۢ Û™ فَإِنَّ ٱللَّهَ Øَفُورٌۭ رَّحِيمٌۭ Ù£
“Ani amantii teessan har’a isiniif guuteera. Ni’imaawwan kiyyas isinirratti guuteera. Amantiis islaama isiniif jaaladhee jira.”Jedhee dubbate. ALHAMDULILLAAH, Galanni Rabbii guddaaf haa tahu waaan amantii guutuun nu qananiiseef. Islaamummaan tun maaliin guutuu taate, Amantii taawwan irraa maaliin adda taate? Mee qabxiilee muraasa haa ilaalluu.



Amantiin tokko Amantii Rabbi  biraa buufame, kan ummata guutuu addunyaatiif tolu tahuu isaa mirkaneeyfachuudhaaf, Qabxiilee 3’n madaaluun barbaachisaadha. Qabxiin duraa, maqaa Amantichaati. Maqaan isaa sun ifa ta’uu qaba. Maqaa Gosaafi sanyii irratti hundaahe tahuu hin qabu, Maqaa nama dhuunfaa tahuu hin qabu. Maqaa lafaa yookaan maqaa biyyaatis tahuu hin qabu.  Qabxiin lammata irratti hubatamuu qabu ammoo, Garaa garummaan Makhluuqaafii Khaaliqaa ifa tahuu qaba. Khaaliqaafi makhluuqni yookaan uumaafi uumamni, adda tahuu qaban. Amantichi waan kana ifatti ibsuu qaba. Inni sadaffaan ammoo amantiin sun amantii yeroo hundaa fi bakka hundaaf malu ta’uu qaba. In shaa Allaah qabxii sadan kanniin irratti hundoofnee, waa’ee islaamummaa gad fageenyaan xiinxalluudhaaf yaalla.



Maqaa Amantii


Amantiin tokko Rabbi biraa buufamuu isaa mirkaneeyfachuudhaaf, Maqaan amantii sanii ragaadha. Amantiin sun  ilma namaa cufa, walqixa maqaa tokkoomsu qabaachuu qaba. Kana irratti ammoo amantiiwwan hunda keessaa kan qormaata kana darbuu danda’u Islaamummaa qofa. Maqaan Islaam jedhu jecha Afaan Arabaati. Hiikkaan isaatis “Rabbii tokkichaaf qofa Ajajamuun Nagaya Argachuu”jechuudha. Namni Rabbii tokkichaaf Ajajamu sun ammoo, “Muslima”jedhama. Maqaan Islaam jedhu kun, maqaa namaa, ummataa, bakkaa fi waan biraa irraa hin moggaafamne. Fakkeenyaaf amantiin Kiristaanummaa, maqaa Kiristoos jedhu kan Nabi Iisaa (AS) irraa argame. Kunis hordoftoota Kiristoo ta’uu isaanii mul’isa malee hordoftoota Rabbii ta’uu isaanii wanti mul’isu tokkollee hin jiru.


Amantii Budihismis yoo fudhannes, nama Guatama Buddha jedhamu irraa argme. Warri kunis hordoftootuma Buddhaati jechuudha. Amantiin Confucianism jedhamu kan Chaaynaa keessatti argamus, nama Confucius jedhamu irraa argame. mantiin Markiizimiitis nama Karl Marx jedhamu booda argame. Amantiin Yahuudaatis, Maqaa gosa Yahuudaa irraa kan argame yoo tahu, Amantiin Hinduutis maqaa lafaa irraa moggaafame. Walumaa galatti maqootiin amma isiniif ibse kunniin hundi, Amantii gosaafi lagan daangeffamaniidha. Namni Amantii hinduu hordofu hundi lammii hindiiti. Namni Amantii Yahuudaa hordofus Yahuudaadha.  Hundi isaanii Maqaa lafaa yookaan maqaa namaa irratti hundaa’an. Hordoftoota amantiilee asii olitti isiniif tuqee kana, gaafii takka gaafachuunis dirqama nutti ta’a. Amantiin kunniin eega maqaa namoota kanniiniitiin booda argaman ta’ee,  ummanni isaaniin dura ture hoo amantii kam hordofaa turan? Gaafa guyyaa Qiyaamaa hordoftoota amantii kamii jedhamanii kaafaman? Deebii gaafii kanaa isaanumaaf dhiisna.

Islaamummaan garuu wantoota kanniin hundarraayyuu adda. Akkuma jalqabarratti ibsine, Islaam jechuun nama Rabbiif ajajamu jechu. Namni Rabbiif ajajamu, gosuma fedhes tahu, Ardii fedherras jiraatu, inni Muslima. Islaamummaan gosaafi daangaa biyyaatiin hin daangeffamtu. Maqaa kanas kan moggaase nama osoo hin taane Rabbii guddaadha.  

Rabbiin guddaan Qur’aana keessatti akkana jedha.
ÙˆÙŽÙ…ÙŽÙ† يَبۡتَØِ Øَيۡرَ ٱلۡإِسۡلَٰمِ دِينٗا فَلَن يُقۡبَلَ مِنۡهُ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ ٨٥
“Namni Islaamaan alatti amantii barbaade, isarraa hin qeebalamu. Aakhirattis inni warra hoongayan irraayi.” (Aali Imraan aayaa 85)

Maqaan Islaam jedhu Qur’aana keessatti ibsamee jira. Garuu wanti akkanaa Amantiilee biroo keessa hin jiru. Macaafa qulquulluu keessa osoo barbaaddanii, maqaa kiristaana jedhu hin argattan. Kitaaba amantii yahuudaa keessas osoo barbaaddanii, Maqaa Yahuudaa jedhu hin argitan. Amantiin hinduutis akkasuma. Ummatatu yeroo dheeraa booda maqaa san ofiif moggaase malee, Maqaan Maqaa kitaaba keessatti galmeeffamee miti.

Akkuma sila jenne, maqaan amantiin tokko ittiin waamamu akkaan barbaachisaadha. Maqaan sun gosa, nama dhuunfaa, fi bakka murtaawaa tokko irratti yoo hundaa’e amantii addunyaa hunda bakka bu’u jechuu hin dandeenyu. Yeroo akkana jennu garuu waan takka hubachiisuunis barbaachisaadha. Nuti Iisaa fi Muusaa (lameen isaan irratti nageenyi Rabbii haa jiraatuu) Nabiyyii Rabbiitii miti jedhaa hin jirru. Isaan Nabiyyoota Rabbii qaqqaalii keessaa akka ta’an shakkii takkaan maletti amanna. Waan isaan barsiisanii fi waan isaan ittiin ergamanis ni dhugoomsina. Garuu wanti nuti jedhaa jirru, lameen isaaniituu ummata itti ergamanii fi bakka itti ergaman qaban. Ergamnii fi dhaamsi isaaniitis ergamuu Nabi Muhammadiin (SAW) guduunfamee jira. Nabi Muhammad (SAW) ammoo addunyaa cufaaf ergaman. Dhaamsi isaaniitis kan xumuraa fi kan goolabbiiti. Isaaniin booda nabiyyiin dhufu tokkolleen hin jiru. Amantiin isaan qabatanii dhufan ammoo islaamummaadha. Islaamummaan addunya hunda bakka bu’a. Jechi Islaam jedhus, saba, gosa, lafaa ykn nama dhuunfaa bakka hin bu’u. Maqaa Islaam jedhu kanas Rabbii ol aanetu nuuf filate.


Qabxiin biroo xiyyeeffannoon ilaalamuu qabu, Amantiin sun walitti dhufeenya Rabbii fi Uumama isaa jidduu jiru haala kamiin kaa’e kan jedhu. Amantiin tokko ammas amantii dhugaa ta’uu isaatiif, maalummaa Rabbii haala ifa ta’een kaayuu qaba. Rabbiin gabbaramuu haqa godhatu, uumama isaa irraa garaagarummaa qabu bifa shakkii hin qabneen kaayuun dirqama. Amantiileen addunyaa kana irra jiran ulaagaan Kanaan yoo ilaalaman hoo eessa jiran jennee gaafachuu qabna. Ulaagaa Kanaan yeroo madaallu Islaamummaan ammas haala gaariin qormaata kana darba. Islaam jechuun Rabbii dachiifi samii uumeef bitamuu jechuu waan ta’eef, ibaadaan godhamu hundi qajeela Rabbiif qofa akka ta’u ajaja. Islaamummaan ibaadaa namaaf, mukaaf, bakkaaf akkasumas wantoota uumamaniif godhamu hunda ni balaaleeffata. Walumaa galatti, wanti Rabbiin ala jiru hundi waan uumama ta’eef, Islaamummaan wantoota uumaman gabbaruu irraa ilma namaa ni dhoorka. Ibaadaan godhamu hundi qajeela Rabbiif qofa akka ta’u ajaja. Bakka bu’aan dachii kanarratti gabbaramu tokkollee hin jiru.

Haaluma Kanaan, namni tokko muka kadhatee, osoo waan kadhate san argatee, Muka santu isaaf kenne jechuu hin dandeenyu. Rabbii mukaa fi nama san uumetu, mudannoon sun akka ta’u godhe jennee amanna. Bifuma Kanaan Ibaaadaan Iisaaf, Budahaaf, kirishnaa fi qaamman biraatiifis godhamu haaluma kanaan madaalama. Mukni qottoon muramuu jalaa of hanbisuu hin dandeenye, waan namni kadhateef ni kenna jedhanii amanuun gowwummaadha. Kanaafuu islaamummaan ibaadaa akkanaa kanniin ni balaaleeffata.

Islaamummaan Rabbii fi uumamani dachii kanarra jiru hundi garaagarummaa akka qaban barsiisa. Rabbi uumama isaatiin walqixaa miti; yookaan ammoo Rabbi uumama keessatti argama jedhee hin barsiisu. Akkasumas uumamani dachii kanarra jiru Rabbiin walqixaa miti; aangoo gooftummaa irraa qooda takkallee hin qabu. Kanaafuu ibaadaan ilmi namaa wantoota uumamaniif godhu, wallaalummaa irratti kan bu’uuraawe akka ta’e beekuun salphaadha. Yaadni Rabbi waan hunda keessa jira jedhu gara naannoo Indiyaatti baay’inaan ni mul’ata. Kanaaf ummanni naannoo sanii muka, horii, namaa fi siidaawwan garagaraa gabbaran. Yoo waa kadhatuu barbaadanis, muka yookaan horii sanniin kadhatan. Kun wallaalummaa qofa osoo hin taane, kasaaraa guddaadha.

Namoota kanniin maaliif muka kana gabbartan jettanii osoo gaafattanii, deebisaan isin argattan, nuti muka osoo hin taane, gooftaa muka san keessa jiru gabbarra jedhan. Mukni kun akka qalbii keenya walitti sassaabnee gooftaa keenya kadhannu nu gargaara jedhan. Akka tasaa yoo namoota akkanaatiin walitti dhuftan gaafii takka kan isaan gaafattan isiniif dhaamna. Eega Waaqni waan hunda keessatti ka argamuu, waaqa Muka keessa jiru haga gabbartan, maaliif, waaqa isin keessa jiru hin kadhanne? Jedhaa gaafadhaa. Deebisaan isaanirraa argattan hin jiru. Sababni isaa ammoo bu’uurri amantii isaanii walumaa galatti, barsiisa sobaa waan ta’eef.

Warri xinnoo isii kanarraa wayyaawan kanneen akka Nasaaraatis rakkina mataa isaanii qaban. Warri Muka gabbaru bu’uurri isaaniituu sobaa waan ta’eef rakkisaadha. Yookaan ammoo gaafuma jalqabaa muka gabbaraa guddatan. Warri akka nasaaraa garuu jalqabni isaanii Rabbi ta’us dhawaatumaa yeroon deemuun jijjiiramaa dhufe. Haaluma kanaan Rabbi namoota dachii kanarra jiran keessaa warra ol fuudhe akka qabu amanuu jalqaban. Kanaafuu waan hunda nama sanitti himatan. Fakkeenyaaf namni zinaa dalage tokko, gara qeesii isaa isa guddaa deemee, an akkanaa fi akkana dalagee jira jedhee itti hima. Qeesichis badii isaa ni dhiisaaf. Kalaas, Namni sun qulqulluu ta’ee jira jechuudha jedhanii amanan. Akka amantii kanniiniitti Qeesonni akkuma waaqaa murtee dabarsuu fi murtee shaaruus ni danda’an.

Islaamummaan garuu wantoota kanniin hundarraa bilisa. Mukni nuti kadhannee irraa argannu hin jiru. Qeesiin badii keenya itti himnee nuu qulqulleessu hin jiru. Wanti hundi qajeela Rabbiin wajjii qofa hidhata qaba. Rabbi uumama keessa jira jennee hin amannu. Uumamni aangoo gooftummaa qabus hin jiru. Qeesii miti, Nabiyyootaa fi Malaa’ikaanis aangoo takka hin qaban.

Haala Kanaan Amantiiwwan jiran keessaa kanneen akka Hinduism, Buddisim fa’a qaamman biraa gabbaraa jiru. Isaaniif gooftaan waanuma hunda ta’eera. Kanneen akka Nasaaraa ammoo bakka bu’oonni waaqaa dachii kanarra jiran jedhanii amanan. Aangoo murtee kennuudhaas ni qaban jedhanii fudhatan. Kanneen Iisaan (AS) gooftaa sadan keessaa tokko jedhanis ni jiran. Kanaafuuu amantiiwwan kunniin hundi kallattiinis ta’e karaa al Kallattiin aangoo gooftummaa qaama Rabbiin ala jiruuf kennanii jiran. Kanaafuu amantii dhugaa ta’uudhaaf humna takkallee hin qaban. Islaamummaan garuu amantiiwwan kanniin hundarra adda. Gooftaan jiru tokko qofa akka ta’ee fi uumamni dachii kanarra jiru aangoo isaarraa qooda takkallee akka hin qabne barsiisa. Gooftaawwan sobaa kan sammuu namootaatiin boodarra uumaman hunda ni balaaleeffata. Kan gabbaramuu haqa godhatuu fi kan Zalaalam jiraatu Rabbii tokkicha qofa akka ta’es ifaan mul’isa.

jedhi: Inni Allaah dha; Tokkicha. Allaah of danda’aa irkoo waa hundaati. Hin dhalle, hin dhalannes. Hiriyyaan tokkos isaaf hin taane.
Suuratul Ikhlaas 1-4

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button