header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baay’inni namoota liyyuu Poolisiin Buqqifamanii Miiliyoona 1 gahe.

Walitti bu’iinsa daangaa naannoolee Oromiyaa fi  Somaaleetiin walqabatee lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqifamanii miiliyoona tokko  akka gahe UN beeksise

Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti ejensiin gargaarsa namoomaa gabaasa Komishiinii ittisa balaa Itoophiyaa  waliin tahuun baaseen, Walitti bu’iinsa daangaa naannoolee Oromiyaa fi  Somaaleetiin walqabatee lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqifamanii miiliyoona tokko  akka gahe beeksise.

Gabaasni kun qorannoo dhaabbanni godaantota addunyaa-IOM jia November 2017 keessa gaggeesse irratti kan hundaaye akka tahee fi  lakkoofsi kun ammas kan dabalaa jiru tahuu ibsameera. Namoonni qe’ee isaanii irraa buqqifaman guutuu biyyattii keessatti buufataalee 400 kanneen naannoo Oromiyaa, Naannoo Soomalee, Dirree Dhawaa fi Finfinnee keessatti akka qubatan gabaasichi ni mul’isa.

Akka gabaasa kanaatti namoota miiliyoona tokko kanneen qe’ee isaanii irraa buqqifaman keessaa, 637,000 kaampiilee keessatti kan argaman yoo tahan, namoota kanneen keessaa 68,000 dhalattoota Soomaalee bara 2015 hanga bara 2017tti qe’ee isaanii irra baqqa’an tahuu ibse. Namoonni 950,000 ol tahan ammoo lammiilee Oromoo Godinaalee Harargee, Baalee fi Boorana irraa buqqifamn akka tahan gabaasni kun ni ibsa.

Namoota qe’ee isaanii irraa buqqifaman keessaa hanga January 16/2018 yeroo jiru keessatti qofa, maatiin 110,000 ta’an beela hamaaf kan saaxilaman tahuu gabaasni dhaabbata gamtoomanii irraa bahe kun ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button