header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Ajaa’iba Du’aan Wal Qabatu

Tan namuu irraa hin oolle. Tan dheessanii jalaa hin baane. Dureessa jettee tan nama hin sodaanne. Hiyyeessa jettee tan namaa hin rifanne. Gosa kanaa fi sanii tan hin filanne. Aalimaa jaahila tan hin jenne. Namaafi bineensaa tan adda hin foone. Mukaaf biqiltuufis tan rahmata hin qabne. Walqixxeessituu waa hundaa. Itti gala uumama hundaa. Isiin isii sani, isii rahmta hin qabne. Isiin du’a

 

Duuti waan nama hundarraa haftuu miti. Ilmi namaa dureessa ykn hiyyeessa tahuu dandaya. Beekaas wallaalaas tahuu dandaya. Garuu waan isaa katabame hin beeku. Akka Rabbiin isa godhe taha. Garuu namni hundi akka du’u if beeka. Osoma akka du’u beeku, du’a jalaa dhessuuf tattaaffata. Barruu tanaan du’aan wal qabatee qabxiilee ajaa’ibaa muraasa isinii dhiheessina.

 

Namni tokko du’ee guyyaa sadaffaatti; Inzaayimiin duraan soorata daakaa ture deebi’ee qaama isaa nyaatuu jalqaba. Baakteeriyaan garaacha keessa jiruu fi soorata daakuuf tajaajilus sooratatti waan haajamuuf carraan qabu namuma duraan gargaaraa ture san deebisee nyaatuu taha.

 

Ameerikaa keessatti namni hedduu harka namaatiin osoo hin taane harka ofiitiin of ajjeesuudhaan dachii tanarraa godaana. Akka gabaasa bara 2020tti, namoonni 19,384 ol tahan harka namaatiin kan ajjeefaman yoo tahu, namoonni 24,292 ol tahan ammoo ifumaa if ajjeesan.

 

Ameerikaa keessatti barreeffamni wal xaxaan doktorootaa namoota ajjeessaa akka ture beekkameera. Fakkeenyaaf bara 2006tti namoonni 7000 tahan sababa barreeffama doktorotaatiin dawaa dogoggoraa fudhatanii du’an. Namoonni hedduunis barreeffama doktorootaa hin dubbifamneef jecha miidhaa garagaraatiif saaxilaman. Rakkina kana hambisuuf jecha yeroo ammaa kana Ameerikaa keessatti wanti hundi gama kompiyuutaraa deebi’ee jira. Doktoroonni hundi waraqaa dawaa ittiin bitatan kompiyuutaraan kataban. Walumaa galatti Akka sadarkaa addunyaatti waggaa tokko keessatti, namoonni 440,000 tahan sababa dogongora mana haakimaatiin lubbuu isaanii dhabu.

 

Ilmi namaa wayta du’u qaamni isaa hundi yeroo tokkoon hin du’u. Sammuu, Narvii fi Onneen Oksijiinitti waan haajamaniif akkuma namni sun harganuu dhaabeen du’u. Qaamoleen hafan guyyaa tokko caalaafis turuu dandayu.

Guutuu addunyaatti namoonni farshoo dhuganii makiinaa oofan lubbuu namoota hedduu galaafataa oolu. Biyyoota guddinarra jiran tan akka biyya teenyaa keessatti, baay’ini namoota machaawanii makiinaa oofaniin ajjeefamaniii hagam akka tahe ifatti hin beekamu. Biyyoota gurguddatan keessatti garuu wanti hundi kompiyuutaraan hordofama. Qorannoon godhame akka mul’isutti , Ameerikaa keessatti Yoo xiqqaate adada sa’aan tokko dabruun, namni tokko nama farshoo dhugee machaayee makiinaa oofuun ajjeefama. Bara 2017tti namoonni 10,874 tahan sababa shofeera machaawaatiin lubbuu isaanii dhabaniiru. Kana jechuun daqiiqaa 48 keessatti namni tokko shofeera machaaween ni ajjeefama jechuudha.

 

Haalli jiruu addunyaa guyyarraa hammaachutti jira fakkaata. Sababaa kanaaf ilmi namaa lubbuu ofii galaafachuun heddummaatte. Namni lubbuu ofii galaafatu akka addunyaatti dabalaa jira. Fakkeenyaaf bara 2005tti sakandii 40 keessatti namni tokko of ajjeesaa ture. Yeroo ammaa ammoo lakkoofsi kun haalaan dabalee jira.

 

Shaarkiin qurxummii hamaa rahmata hin qabne keessaa isa tokko. Waan dhiiga qabu ka bishaan keessatti argate hunda cicciree nyaata. Ilma namaatis yoo argate irraa hin goru. Kanaaf qurxummii kana namni hundi fagotti irraa dheessa. Qurxummiin kun waggaa tokko keessatti Avreejiidhaan nama 12 qofa ajjeesa. Ilmi namaa garuu Avreejiidhaan waggaa keessatti shaarkii 11,000 ol ajjeesa.

 

Yeroo ammaa kanatti yeroo sakandii dhibbaa jiddutti dubartiin takka sababa dahuumsaatiin lubbuu isii dhabaa jirti. Kana jechuunis guyyaa tokko keessatti dubartoonni 830 tahan ciniinsuurratti, yookaan ammoo eega dahaniin booda wal’aansa  gahaa dhabuudhaan lubbuu isaanii dhabutti jiru. Gama biraatiin ammoo Sadarkaa addunyaatti daa’imman 20,000 ta’an guyya guyyaan sababa beelaatiif lubbuu isaanii dhaban.

 

Back to top button