header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Baankiiwwan Umrii Dheeraa qaban

Baankiin qaroomina ilma namaa keessatti qooda guddaa qaba. Daldaltoonni addunyaa jaarraawwan hedduuf Sirna kanatti fayyadamaa turaniiru. Baankiin Abbaa Baankiiwwan ammayyaa jedhamuun beekkamu kan “Baankoo Di Medikii”jedhamu biyya Itaalii keessatti bara 1397tti banamee, waggaa 97f eega tajaajilee booda bara 1494 cufame. Barruu tana keessatti baankiiwwan Umrii dheeraa qaban kan haga ammaa hojitti jiran isinii dhiheessina.

Coutts (Kuuts)

Baankiin Kuuts Bara 1692 magaalaa Landan biyya Inglaand keessatti hundeeffame. Baankiin kun Dameelee 28 achuma Inglaand keessaa kan qabu yoo tahu, haga ammaatis tajaajiluu iratti argama. Baankiin kun jalqabarratti nama faaya Dahabaa tolchu kan John Campbell (Joon Kaambeel) jedhamuun hundeeffame. Kaambeel bara 1712tti wayta du’u qabeenya isaa maatii isaattu dhaale. Maatiin isaatiis yeroo dheeraaf baankii kana eega too’atanii booda bara 1755tti intalti maatii kanaa takka nama Jams Kuuts jedhamutti heerumte. Waggaa shan booda isiinis ni duute. Haala kanaan qabeenyi hundi kan Jams Kuuts tahe. Baankichis gaafa sanirraa jalqabee maqaa Kuuts jedhamuun moggaafame. Baankiin Kuuts haga ammaatti waggaa 330f tajaajiluu irratti argama.


Barclays (Baarkilas)

Baankiin Baarkilas Bara 1690, London biyya Inglaand keessatti hundeeffame. Addunyaa guutuu keessaa dameelee 4,750 qaba. Baankiin kunis akkuma baankii Kuuts nama faaya warqii tolchuun eegalame. Barclays namoota lama kan John Frame fi Thomas Gould jedhamniin hundeeffame. Bara 1736tti namni James Barclay jedhamu intala hundeessaa baankichaa John Frame fuudhee qooddataa baankichaa tahe. Baankiin kunis Yeroo sanirraa kaasee Barclays jedhamee waamame. Baankii baarkilas haga ammaatti waggaa 332f tajaajilutti jira.

Metzler Bank

Baankiin Metzler Bara 1674 biyya Jarman magaalaa Fraankfart keessatti hundeeffame. Baankii kun dameelee 10 qaba. Dhaabbanni Metzler jedhamu kun jalqaba daldala uffataatiin eegalame. Waggoota muraasa booda gama daldala kitaabbanii jijjiirame. Bara 1760tti ammoo daldala meeshaalee irraa gara baankii jijjiirame. Baankii kun haga ammaatti waggaa 348f tajaajila kenutti jira.


C. Hoare and Co. (Sii Hoor and Kampanii)

Baankiin Siihoor and kampanii, Bara 1672 magaalaa London keessatti hundeeffame. Achuma Ingland keessaa dameelee lama qofa qaba. Baankiilee Inglaand keessatti argaman keessaa kan umriidhaan isatti qixxaayu hin jiru. Baankiin kun nama Sir Richard Hoor jedhamuun hundeeffame. Hanga ammaattis harkuma hortee isaa jalatti argama. Hundeessaan baankichaa dureeyyii yeroo sanii waliin tahuun tajaajila baankii kana jalqabe. Baankii yeroo duraatiif Cheekii fayyadame akka tahes ni himama. Baankiin kun hanga ammaatti waggaa 350 tajaajilee jira.

Sveriges Riksbank (Suweeriyes Riks Baank)

Baankii Suweeriyes Bara 1668, Biyya Iswiidin magaalaa Istokholm keessatti hundeeffame. Baankiin kun ammatti dame guddicha qofa qaba. Baankichi bara 1668titti nama Mootii Iswiidinitti aanee aangoo biyyatti lammaffaa qabu kan Riksdag jedhamuun hundeeffame. Baankiin kun mootichi dhimma mallaqaa keessa akka hin seenne dhoorkuuf yaadamee kan bu’uureeffameedha. Rakkoo maallaqaa jalqaba bara 2000 irratti addunyaa mudate hordofee Baankiin kun dameelee isaa hunda cufuun dame guddicha qofa hambise. Saantimootaa fi meeshaalee durii kan kuusaa keessaa qabu hunda namoota dhuunfatti gurgure. Ammaaf damee guddicha qofatti tajaajila kennaa kan jiru Suweeriyes Riksbank waggaa 354f tajaajilarra jira.

Brenberg Bank

Bara 1590, Jarman magaalaa Hamburg keessatti hundeeffame. Akka sadarkaa addunyaatti dameelee 13 qaba. Baankiin kun namoota daldala uffataa irratti hirmaatan kan Johan Brenberg fi soddaa isaa Johann Henrich Gosler jedhamaniin hundeeffame. Brenberg Bank gaafa hundeeffamerraa kaasee, maqaa fi loogoo hin jijjiiranne. Akkasumas hanga arraati maatima namoota lamaaniitiin dhuunfatamee waggaa 431f tajaajiluu irratti argama.

Banca Monte dei Paschi di Siena (BMPS) BAANKA MOONTEE DIPAASCHII DISIINAA

Baankiin BMPS Bara 1472, Biyya Itaalii magaalaa Siena keessatti hundeeffame. Itaalii keessaa dameelee 2,032 biyyoota alaa keessaa ammoo dameelee 41 qaba. BMPS ajaja mootummaa Rippabliika Siyenaatiin bara 1472 hundeeffame. Biyya Siyeenaa jedhamtu tun eega Itaaliin walitti ida’amtee boodas baankichi dameelee isaa heddummeessuun taajajila kennuu itti fufe. Lammiileedhaaf liqaa kennuudhaan akka dalagaa garagaraa irratti hirmaatan taasise. BMPS baankiilee gurguddoo biyyattiin qabdu keessaa isa tokko. Akka sadarkaa addunyaattis baankii umrii dheeraa qabuudha. Jalqaba bara 2000 irratti baankiin kunis rakkina mallaqaatiif saaxilamee ture. Kana hambisuudhaaf jecha mootummaan xaaliyaan mallaqa guddaa baankichaa kennuun akka hin cufamne taasise. BMPS barana waggaa 550ffaa isaarratti argama.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button