header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Nama Miila Sadihiifi Qaama Saalaa Lama Qabu

Tana Quba Qabduu?

Fraancheskoo Lentinii jedhama. bara 1889 biyya Itaalii kutaa Siisiilii magaalaa Rozooliiniitti dhalate. Lentiiniin gaafa dhalatu miila sadih, faana afurii fi qubbeen 16 wajjiin dhalate. Akkasumas qaama saalaa lama qaba. miilli isaa kan 3ffaa sarbaa isaarraa ka’ee akkuma miila kaawaniitti biqile. Faanti isaa afraffaan ammoo jilba isaarratti uumame. Akka qorattoonni himanitti haalli kun gadameessa keessatti lakkuun uumamuuf eega jalqabeen booda, osoo guututti irraa hin citin yoo hafu mudata.

 

Dhalatee ji’a 4ffaa irratti maatiin isaa fuudhanii doktoroota bira geessan. Fedhiin isaanii qaamota dabalataa kanniin irraa mursiisuu ture. Doktoroonni haala isaa eega laalaniin booda, qaama kana muruun tarii mucaa kana laamsheessuu danda’a; inumaa lubbuu isaatis balleessuu danda’a sodaa jedhuun,  osoo irraa hin murin hafan. Adaduma guddataa dhufuun dhiibbaan hawaasarraa isarra gahu guddataa dhufe. Haadhaa fi abbaan waan kana baadhachuun itti jabaannaan daa’ima isaanii xiqqeenyumaan gara adaadaa isaa erganii achitti akka guddatu godhan.

 

Bara 1899tti Abbaan isaa mucaa waggaa sagalii kana fuudhee Ameerikaa geesse. Ameerikaa magaalaa Boston keessatti nama Sarkasii fi Ispoortii garagaraa barsiisu bira geesse. San booda Leentiinii gama Ispoortiitiin nama beekkamaa ta’uu jalqabe. Sababa kanaafis “Taphataa Kuubbaa miila sadihiin taphatu” jedhamuunis waamamuu jalqabe. Miila lamaaniin dhaabbatee miila 3ffaatiin kubbaa dhiita. Ispoortiiwwan akka utaalchaa, cabbii irra mucucaachuu fi wal dorgommii Saaykilii irrattis hirmaateera.

 

Lentiiniin wayta TV irratti dhihaatee yaada isaa ibsatu teessoon dabalataa osoo isa hin barbaachisin miila sadaffaa saniin jilbiiffatee irra taa’udhaan haasawuu danda’a. Namni ajaa’ibaa kun fuudhee bultiis horateera. Ijoollee afur gaa’ela isaa kan jalqabaarraa argate. San boodas haadha warraa biraa fuudhee jireenya isaa itti fufe. Lentiiniin dhalatee waggaa 77tti sababa dhibee sombaatiin du’ee dachii tanarraa godaane. Magaalaan inni keessatti dhalate tan kutaa Sisiiliitti argamtu tan Rozooliinii jedhamtu eega inni du’ee waggaa 50 booda, “goota magaalaa keenyaa” jechuun ayyaana guyyaa lamaa qopheessitee kabajjeef.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button