Furdinni Daangaa Dabre Lubbuu Nama Hedduu Galaafachutti Jira
Tana Quba Qabduu?
Addunyaan wantoota ajaa’ibaa hedduun guutamteerti. Wanti guyyuu dhageenyu waan addaati. Dhugaa duraan waan beeknu seenu qorannoo addaatiin yoo dhageenyu ajaa’iba nutti ta’a. Yeroo tokko tokkos amanuun nutti ulfaatee fudhatuu dadhabna. barruu tana keessatti wantoota ajaa’ibaa muraasa isinii dhiheessina.
Uumama keessaa ilma namaa qofatu soorata barbaree qabu jaalata.
Qorannoo haga ammaa godhameen uumamaalee dachii tanarra jiran keessaa kan barbaree fi qaccee sooratuu jaalatu ilma namaa qofa. Uumamni biroo kan soorata nama gubu sooratu tokkolleen hin jiru. Ilmi namaa garuu soorata barbaree qabu sooratuufi hojjachuus ni jaalata. Barbaree soorata ittiin mi’eeffatu argatuudhaaf heddu carraaqa. Barbaree nuti biyya keenyatti beeknuun alatti wantootni nama guban kan soorataaf jecha qophaayan heddutu jiru. bineensonni hedduun soorata nuti soorannu sooratanis, waan nuti qopheeffanne nu jalaa saamanis, waan nama gubu sooratuudhaaf garuu fedhii hin qaban. Qorattoonni sababaa kanaa beekuus baatan, uumamaalee keessaa ilma namaa qofatu waan nama gubu jaalata. Waan nama gubu nyaatuun faaydaa kana qaba jedhamee qorannoodhaan wanti mirkanaaye hin jiru. Garuu ilmi namaa mallaqa itti baasee nyaata nama gubu qopheessee of gubaa soorata.
Uumamaalee keessaa sammuu ilma namaa qofatu hammi isaa xiqqaataa deema.
Bineensonni heddu sammumma gaafa dhalatan qabaniin dulloomanii du’an. Yoo guddina qaamaa wajji hammi isaatis guddate malee, sammuun jijjiirama hin qabaatu. Kan ilma namaa garuu guddatee bakka silaa gahuu qabu yoo gahe, san booda hammi sammuu keenyaa xiqqaataa qaamni biraa dabalaa deema. Wanti kun ammoo adaduma ilmi namaa guddataa deemuun, rakkoo waa irraanfachuu fi dhibeewwan adda addaatiif akka saaxilamnu nama taasisa jedhu qorattoonni. Waluma galatti bineensi haala uumamaatiin nutti dhihaatu chimpanzii ta’us, sammuun chimpaanzii akka sammuu ilma namaati xiqqaataa hin deemu.
Furdinni qaamaa rakkoo cimaa addunyaa miidhaa jiru keessaa isa tokko.
Akka hedduun keenya beeynutti wantoota ilma namaa haalaan miidhaa jiran keessaa inni tokko beela. Keessattuu biyyoota afrikaa keessatti beelli rakkoo hamaadha. Sababaa beelaatiin daa’imman heddu lubbuu dhabutti jiru. guutuu addunyaatti garuu furdinni qaamaa rakkoo beelaa caalaa hamaa akka tahe quba qabduu? Ummata addunyaa keessaa dhibbentaa 30 kan tahu, ykn ammoo namni biiliyoona 2 tahu furdina qaamaatiin rakkachutti jira. Qorannoo bara 1980 hanga 2015 gaggeeffameen, namoonni biiliyoona 2 tahan furdina qaamaatiin miidhamutti jiru. furdinni qaamaa yoo daangaa dabre dhukkuba onnee hamaaf nama saaxila. Waggoota afurtamman dabran keessatti namoonni miiliyona heddutti laakkayaman sababaa furdina qaamaa Kanaan lubbuu dhabanii jiru. yeroo dhihoo as ammoo, lakkofsi namoota furdina qaamaa hamaaf saaxilamanii dachaan dabalata akka jiru beekameera.
Furdina qaama ilma namaatiif soorata hunda caalaa chipsii dinnicharraa dalagamutu sababaadha
Akka qorannoon Yunivarsiitii Harvard keessatti godhame agarsiisutti furdina qaamaa ilma namaatiif sadarkaa duraa irratti kan rakkoo jabduu tahe chipsii dinnichaatti. Namoonni hedduun wantoota mi’aawoo sooratuu, akkasumas foonii fi cooma sooratuutu qaama namaa furdisa jedhanii yaadu. Qorannoon namoota 120,000 irratti godhame akka garsiisutti, namoonni chipsii dinnichaa qofa sooratan giraama 75niin ulfaatinni qaama isaanii dabalee jira. warri waan mi’aawaa qofa sooratan ammoo ulfaatina giraama 45 dabalan. Warri foon sooratu ammoo giraama 40’n dabale. Kanaafuu chipsiin dinnichaa wantoota qama nama haalaan furdisan keessaa adda dureedha jechu.
Qophii: Abuu Ibtisaam