header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Gaachana IslaamaaOg-Barruu

Ilmaan Nabi Aadam irraa dhalatan akkamitti wal fuudhanii ilmaan horan?

Gaafataa: Maqaan Kiyya Vinoot jedhama. Ogeessa Daldalaati. Gaafiin kiyya akkana. Akka Qur’aanarraa hubannetti, Ilmi namaa hundi Aadamii fi Hawwaa irraa uumame. Ilmi namaa akkamitti walirraa dhalaa, ilmoo argataa dhufee addunyaa tana guutuu dandaye? Akkamitti yaada kana fudhachuu dandeenya.

Dr Zaakir: Obboleessi wanti gaafate, akka Qur’aanni nuu himutti, ilmi namaa Aadamii fi Hawwaa irraa dhufe (Nageenyi Rabbii isaan lameenuu irra haa jiraatu). Ilmi namaa kun cufti akkamitti dhalate. Wanti inni jedhe sirriidha. Akkuma Qur’aanni Suuraa Al Hujraat, Suura 49ffaa aayaa 13 irratti ibsetti;

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ إِنَّا خَلَقۡنَٰكُم مِّن ذَكَرٖ وَأُنثَىٰ وَجَعَلۡنَٰكُمۡ شُعُوبٗا وَقَبَآئِلَ لِتَعَارَفُوٓاْۚ إِنَّ أَكۡرَمَكُمۡ عِندَ ٱللَّهِ أَتۡقَىٰكُمۡۚ

إِنَّ ٱللَّهَ عَلِيمٌ خَبِيرٞ

“Yaa Namoota! Nuti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumnee, akka wal beekataniif jecha sabaafi fi gosa adda addaarraa isin taasisne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan kan irra rabbiin sodaatu”Jedha.

Aayaan Qur’aanaa kun, nuti namoonni amma jirru kunniin lubbuu Aadamii fi hawwaa irraa argamuu keenya nuu hima. Gaafiin kee ilmi namaa achi booda akkamitti dagaage kan jedhudha. Ijoolleen akkamitti dhalatan kan jedhudha.

Aadamii fi Hawwaa irraa ijoollee heddutu dhalate. Keen, Haabil, Qaabil kan qur’aana keessatti ibsamanii fi kanneen birootis ni jiru. Waan kana hubachuun salphaadha. Achi booda hoo akkamitti walirraa horan. Karaa biraatiin wanti gaafatuu barbaadde, waa’ee inscest ykn ammoo maatiin walfuudhuuti. Obboleessi obboleetti fuudhuu dandayaa? kan jedhudha.

Seera Rabbi ilma namaatiif diriirseen wal qabatee, Seerri bu’uuraa tokko qofa. Wantootni tokkichummaa Rabbiitiin wal qabatan, salaataa fi kanneen birootis tokkuma. Haa tahu malee wantooni yeroo irratti hundaa’anii jijjiiraman ni jiru. Arraan tana, akka Kitaabban amantii hundi barsiisanitti, Qur’aana tahee macaafarratti, obboleewwan wal fuudhuun haraami. Kana jechuun obboleewwan lamaan wal fuudhuun dhoorkaadha. Haa tahu malee yeroo Nabi Aadam (AS) sanitti seerri kun hin hojjatu. Yeroo sanitti wanti dhoorkaa tahe, obboleessaa fi obboleettiin yeroo tokko dhalatan (lakkuun) wal fuudhuudha. Garuu yoo yeroo garagaraatti dhalatan obboleessi obboleettii taan fuudhuu ni dandaya. Sun seera yeroo saniiti. Sababni isaa ilmi namaa baay’achuu qaba. Boodarratti ammoo seerri obboleessaa fi obboleettiin yeroo garagaraatittis yoo dhalatan wal fuudhuu hin qaban jedhu dhufe. Seerri amma jirullee kanuma. Sababni isaa; Qur’aanni Suuraa Al maa’idaa suuraa 5ffaa aayaa 3 irratti akkana jedha

“Amantii keessan har’a isiniif guuteera. Amantii islaamaas isiniif jaaladheera”Jedha.

Jaarraa 14 dura, eegaa aayaan kun buufameen booda, wanti Qur’aanatti dabalame hin jiru. wanti irraa hir’ifames hin jiru. Waan jiru hordofuu qabna. Haa tahu malee, seerri yeroo durii muraasni kan arraatiin garaagarummaa qaba. Yeroo aadamii fi Hawwaatti, obboleewwan lakkuu dhalatan wal fuuchuun dhoorkaadha. Saniin ala ni dandayama. Ilmi namaatis haala saniin wal hore. Kanaatu arraan tana akka biiliyoona 6 caallu nu taasise. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha.

 

Gaafataa: Waa’ee jannataa fi azaabaa akkamitti murteessuu dandeenya. Namni kun jannata seena, kun ammoo azaaba seena jennee karaan ittiin murteessinu jiraa? Dalagaa isaanii ilaallee jannataa fi azaaba seenuu isaanii murteessuu dandeenyaa? Dalagaa gaarii yoo dalage jannata seena, hamtuu yoo dalage ammoo azaaba seena jechuu dandeenyaa?

Dr Zaakir: obboleessi namni tokko yoo du’e, jannata ykn azaaba seena jennee akka murteessinu mallattoon nuuf akeeku jiraa jedhee gaafate. Nuti ilmaan namaa dhimma kanarraa wanti beeynu hin jiru. Sababni isaa nuti abbaa murtiitii miti. Waa’ee ilma namaa keessaa fi ala isaa sirritti hin beeynu. Waan ilmi namaa sammuu isaa keessatti yaadaa jiru beekuu dandeessaa? Waan an qalbii tiyya keessatti yaadaa jiru beeytaa? Sababa kanaaf nuti abbaa murtii tahuu hin dandeenyu. Qaamni waan kana murteessu, Mootii guyyaa qiyaamaati. Innis Rabbii nu uume.

Gaafataa: gaafiin kiyya, Murtii nuti janaazaa ijaan laallee murteessinurratti xiyyeeffata. Namichi sun lubbuun hin jiru, du’eera. Jijjiirama qaama isaa ilaallee, harka, ija ykn waan biraa ilaallee, wantoota kanniin irratti hundoofnee murteessuu dandeenyaa?

Dr Zaakir: Obboleessa, namni dachii tanarratti qormaataaf uumame. Fakkeenyaaf barataa 100tu jira jedhii yaadi. Ati sanniin keessaa isa tokko. Wagga tokkoof yoo waliin turte, barataan kun cimaadha, barataan kun jiddu galeessa, barataan kun ammoo dadhabaadha jechuu dandeessa. Ati barattoota sanniin waliin waan turteef, barataan kun 1ffaa baha jettee tilmaamuu dandeessa. Walii gallee? Barataan kun gara kutaa lammaffaa ni dabra, Barataan sun ammoo ni kufa jettee tilmaamuu dandeessa. Walii gallee? Tilmaama akkanaa kennuu ni dandeessa moo akkam?

Gaafataa: eeyyan

Dr Zaakir: wagga tokkoof barattoota kanniin waliin waan turteef tilmamauu dandeessaa?

Gaafataa: barataan kun qormaata isaa waan dalageef”¦.

Dr Zaakir: obsi obsi, Tilmaamuu dandeessaa?

Gaafataa: lakki lakki

Dr zaakir: baratana kun 1ffaa baha sababni isaa kutaa keessatti deebisaa sirritti deebisa jettee tilmaamuu dandeessaa?

Gaafataa: hin dandayamu

Dr zaakir: Murtii si gaafataa hin jiru. Tilmaamuu jechuun ni taha jedhanii yaaduu jechuu kiyya.

Gaafataa; tilmaamuun ni dandayama

Dr Zaakir: eeyyan, Maaliif? Barataan sun yeroo hunda kutaa keessatti ni hirmaata. Adada barsiisaan waa gaafatuun barataan sun deebisaa kenna. Kanaaf abdiidhaan mucaan sun ni dabra jennee tilmaamna. Walii gallee?

Gaafataa: eeyyan

Dr Zaakir: barataan tokko ammoo jiddu galeessa, tokko ammoo deebisaa takkollee hin deebisu, kanaafuu ni kufa jennee tilmaamna. Tilmaama. Wayta qormaataattis mucaan deebisaa kennu sun tokkoffaa baha jettee yaadda. Garuu barsiisaan qormaata san qabxii itti hin kennine. Osoo barsiisaan qormaata san sirreessee hin xumurin tokkoffaa baha jettee murteessitaa? Hin dandayamu. Tilmaamuu ni dandeessa. Barataan kun tokkoffaa baha jettee tilmaamuu ni dandeessa.

Eega namni tokko du’ee booda jechuunis akkuma barataa qormaata fudhatee saniiti. Haga qabxiin himamutti, tokkoffaa baha jettee murteessuu hin dandeessu. Tilmaamuu ni dandeessa. Qormaata hagam argata? Jedhee osoo si gaafadhee, deebisaa naa kennuu dandeessaa? Hin dandeessu. Tokkoffaa bahu dandaya jettee tilmaamuu ni dandeessa. 100 keessaa qabxii hagam akka argatu naa himuu dandeessaa? Dandeessaa?

Gaafataa: eenyuu himuu hin dandayu.

Dr Zaakir: Wanti ati jechuu dandeessu, tarii tokkoffaa bahuu dandaya. 100 keessaa 90, 95 argachuu dandaya jennee ni tilmaamna. Garuu kan sirrii himuu hin dandeenyu. Maaliif? Qabxiin isaa qajeelatti himamuu hin dandayu. haaluma wal fakkaatuun namni tokko yoo du’e, dalagaa isaa ilaaltee tilmamuu ni dandeessa. Namni kun nama gaariidha, hin hatu, Rabbii tokkichatti amana, Rabbitti shariika tokkollee hin daballe, In shaa Allaah jannata seenuu dandaya. Namichi kun ammoo hattuudha, Rabbitti hin amanu, sanama gabbaraa du’e, kanaafuu azaaba seena jettee tilmaamta. Haa tahu malee qabxiin nama hundaatuu kan beekamu guyyaa qiyaamaa, yeroo ifaan labsamu sani.

Qur’aanni; Rabbi Abbaa (Mootii) guyyaa murtii akka tahe nuuf himeera. Namoonni dachii tanarra jiraatanii du’an hundi, guyyaa qiyaamaa du’aa kaafamu. Nama jalqabaa dachii tanarra jiraate, nabi Aadam (AS) irraa kaasee, haga nama xumura dachii tanarra jiraatuutti ni kaafamu. Hunduu yeroo wal fakkaataa kaafamanii murtiin itti kennama. Wanti ati tilmaamtu sirriis dogongoras tahuu dandaya. Qabxiin dhugaa garuu gaafas beekkama. Namni tokko yoo du’e waa’ee nama sanii tilmaamuu dandeessa. In shaa Allaah, yoo Rabbi jedhe jannata seena. Namni kun shirkii dalaga, Rabbiin cinatti qaama biraa gabbara, hattuudha, gudeedaadha, saamtuudha, Yoo Rabbi jedhe azaaba seena jettee tilmaamuu ni dandeessa.

Haaluma wal fakkaatuun Rabbi namaa araaramuu dandaya. Shirkii garuu namaa hin dhiisu. Qur’aanni suuraa Al Nisaa’ suuraa 4ffaa aayaa 48 irratti, Suuraa An Nisaa Suuraa 4ffaa aayaa 116 irratti,

“Dhugumatti Rabbi Shirkii hin araaramu. Waan Sanii gadii nama fedheef ni araarama”Jedha. 

Yoo Rabbi biratti qaama biraa dabaltee jiraatte, yoo sanama gabbartee jiraatte, Rabbi siif hin dhiisu. An akka nama dhuunfaatti, parsantii 100 ofitti amanamummaan azaaba seena kan jechuu dandayu yoo namni sun shirkii dalage qofa. Yoo mushriika tahee du’e, osoo Rabbi biratti qaama biraa dabalee gabbaru yoo du’e, Yoo Rabbii tokkichatti hin amannee, bakka kanatti namni kun azaaba seena jedhee murteessuu dandaya. kan kanarraa hafe ilmi namaa badii wahii yoo dalage, Rabbiin yoo dhiisuufii barbaade isaaf dhiisa, nuti garuu amma beekuu hin dandeenyu. Guyyaa murtii san qofa beekuu dandeenya. Deebisaa sii kenne jedhee abdadha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button