header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee umrii dheereyse. Ilbiisota xixiqqoo goflaa badhaasee qilleensarra bobbaasee umrii isaan gabaabse. Sattawwaa mormaa dheereysee, Roophii miila gabaabsee, bofa miila dhoorgatee waan hunda akka ifii fedhetti uume. Ilma namaatis waa hedduun adda fooye. Kaan gurraachomsee kaaniis addeeysee, isa kaan dheereysee kaaniis gabaabsee filannoo isaatiin uume. Uumama lubbuu qabu keeysaa kan waan Rabbirraa badhaafame komatu ilma namaa malee hin jiru. kan funyaan gabaabaa qabu isa funyaan konkonaa yoo argu ni gadda. Namni gabaabaan nama dheeraa wajji deemuu ni qaanfata. Barruu tana keessatti warra tola Rabbii guddaa irraanfatee Rabbii isaa komatuuf, waan baruumsa jabaa tahu isinii dhiheeysina.


Somba Sibiilaa

Hedduun keenya waa’ee dhibee pooliyoo dhagahuun keenya hin oolamu. Arraan tana namni hedduun kan dhibee Kanaan hubamaa jiru hedduminaan hin mul’atu. Haa tahu malee waggaa 20’n dura dhibeen kun addunyaa teenya heddu dararaa ture. Inumaa waggoota dhibbaan dura miidhaan isaa guddaa ture. Dhibeen kun wal’aansa waan hin qabneef, nama laamsheessee sirna hargansuu ilma namaatis miidhaa ture. Jidduu jaarraa 20ffaa keessa qorattoonni talaallii isaaf tahu eega argatanii booda, namni heddu balaa dhibee kanaa irraa baraaramee jira.  Haa tahu malee namoonni hedduun kan osoo talaalliin hin argamin dura dhibee Kanaan hubaman miidhaa hedduuf saaxilamaniiru. Warri lubbuun hafe ammoo qaamni hedduun laamshayee, rakkoo sirna hargansuutiinis miidhamaniiru. Namoota sababa dhibee Kanaatiin sirni hargansuu isaanii miidhame, sibiila keessa seensisanii jiraachisaa turan. Namoonni kunniin qaamni isaanii guutuun maashina bifa addaatiin qophaaye keessa seenee mataan qofti alatti hafa. Haala Kanaan maashinni sun somba nama dhukkubsateetiin walitti hidhamee qilleensa seensisaa akka baasu godhamaa ture. Walumaa galatti sibiilli kun akka sombaatti tajaajila. Fakkeenyaaf namni Paul Alexander jedhamu jireenya isaa irra hedduu somba sibiilaa kana keessatti dabarse. Gaafa umriin isaa 6 pooliyoon qabame. San booda laamshayee umrii isaa ta hafte somba sibiila keessatti dabarsuuf dirqame. Namni kun sombuma sibiilaa kana keessa ciisee baruumsa baratee, abukaatoo tahuun eebbifamee, mana murtiittis dhihaatee namaaf falmee ture. Paul Alexander bara 1952tti Somba sibiilaa kana keessa seensifame. Eega maashina kana keessa seenee barri kun wagga 70ffaa isaati. Sombi sibiilaa kun barmeela guddaa dagaletti ciise fakkaata. Guddinni isaa dheerina nama dhukkubsateetiin wal qixa hoggaa tahu, namni dhukkuba kanaaf saaxilame maashinuma kana keessa jiraata. Umrii isaa guutuu maashina kana keessaa hin bahu.

Paul Alexander bara 1952 Somba Sibiilaa kana keessa seensifame. footoon gama bitaatiin mul’atu gaafa inni maashina san keessa seenu. kan gama mirgaa jiru ammoo kan dhihoo tana kaafame.

 

Alaarjiikii Aduu (Sun Allergy)

Haawwotiin teenya uumamumaan ummata qarooman fakkaatu. Osoo ogummaan fayyaa haala Kanaan hin dagaagin duras, daa’imman isaanii ganama ganama adutti baasanii sukkuumu. Akka ogeeyyiin fayyaa qorannoon mirkaneessanitti, ifni adduu qaama ilma namaatiif haalaan barbaachisaadha. Qaamni keenya Vitamin D aduu keessaa argata. Vaayitaaminni vitamin D jedhamuun beekamu kun, lafee namaa jabeessuudhaan beekama. Dabalataan akka qaamni keenya dhukkuba ofirraa ittisuufis deeggarsa guddaa godha. Haa tahu malee faallaa Kanaan namni aduu dheessu ammoo ni jira. Lakkuuwwan lammii Faransaay kan tahan Toomaas fi Vinseent namoonni jedhaman kan manaa bahan yeroo halkanii qofa. Saniin ala yeroo guyyaatti dirqamni jiraatee yoo bahuu fedhan garuu, uffata bifa addaatiin isaaniif qophaye kan qaama guutuu haguugu uffatuu qabu. Uffata kana uffatan malee bahanii yoo aduun isaan tuyxe carraan qaban du’uudha. Namoonni kunniin ijoollummaa isaaniirraa kaasee dhibee addaa kan ifaa altiraavaayooleet jedhamu diduun qabaman. Aduun qaama isaanii tuqnaan qaamni isaanii saffisaan kaansarii oomishuu jalqaba. Sababa kanaaf namoonni kunniin of eeggannoo cimaan socho’u.

 

Sammuu walakkaa

Sammuun ilma namaa wantoota qaamni dalagu hunda too’achuun dalagaa jabaa raawwata. Sammuun kun ammoo bakka lamatti qoodamaadha. Kan mirgaa fi kan bitaati. Dubartiin Joodii jedhamtu garuu sammuu gama tokkoo hin qabdu. Gaafa dhalattu nagayumaan dhalatte. Haa tahu malee gaafa waggaa 3 guuttu, osoma if quba hin qabne gama bitaatti kufuu jalqabde. Osoo tessu, osoo dhaabbattu ustee bitatti kufti. Sababa kanaaf maatiin isii fuudhanii hospitaala geessan. Daa’imti tun dhibee addaa kan sammuu isii miidheen qabamte. Carraan jiru ammoo heemisfeera gara tokko jiru muranii keessaa baasuudha. Saniin ala dhibeen kun sammuu guutuu keessa faca’ee rakkoo guddaaf isii saaxiluu waan dandayuuf, filmaata xumuraa kana fayyadamanii sammuu walakkaa keessaa baasan. Haala Kanaan Joodiin sammuu walakkaa qofa akka qabaattu godhame. Umrii joollummaatiin rakkina kanaaf waan saaxilamteef sammuun isii kan hafe sun haala jiruun wal simee dalagaa sammuu guutuu dalaguu danda’ee jira. Joodiin haaluma Kanaan guddattee, barumsas barattee, dalagaas argattee bultiis ijaarattee jirti.

 

Onnee duydatti baatamu

Namoonni hedduun rakkina onnee waliin dhalatu ykn ammoo turtii keessa rakkina onneetiif saaxilamuu danda’u. namoonni akkanaa ammoo yeroo heddu onnee nama biraa irraa isaanii arjoomamuun jiraatu. Kanaafuu hopsitaala ciisanii carraa Rabbi isaanii fide eeggatu. Namoonni gariin ammoo carraa kana osoo hin argatin du’uu malu. Haa tahu malee bara 2010 irraa kaasee Doktoroonni Magaalaa Michigaan keessa jiran maashina addaa kan onnee bakka bu’u tolchuun yaalii taasisan. Maashinni xiqqaan duydatti baatamu kun onnee bakka bu’uudhaan dhiiga ujummoo dhiigaa keessa deddeebisa. Doktoroonni nama Stan larkin jedhamu kan rakkina onnee qabu irratti maashina kana yaalanii jiru. Dargaggeessi kunis haga gaafa onnee dhugaa namarraa argatutti onnee artafishaala kana duydatti baatee bakka haajaa dhaqaa ture.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button