Qormaata Qormaata TafakkurAugust 8, 202200% 11 votes, 3.1 avg 266 12345678910 Created on August 08, 2022 By nuuralhudaaTafakkurQormaata TafakkurGaafilee hunda xiyyeeffannaan eega dubbistee booda deebisaa sirrii tahe qofa filadhu. 1 / 10 Category: Tafakkur1. Sirni daakinsa soorataa eessatti eegalama? A. Afaan keessatti B. Garaacha keessatti C. Mar'imaan furdaa keessatti D. Mar'imaan Qal'aa keessatti Sirni daakinsa soorataa Afaan keessatti eegala. midhaan nuti soorannu jalqaba gororaan jiidhee eega ilkaaniin bulleeffamee booda gara garaachaa ergama.2 / 10 Category: Tafakkur2. Oksijiiniin nuti hargannu maal irraa argama? A. Biqiltootarraa B. Bishaan irraa C. Lafa Jalaa D. Deebiin hin jiru Oksijiiniin nuti hargannu biqiltootarraa argama.3 / 10 Category: Tafakkur3. Allaattiin kun kophaa isaa lafa hektaara 3 irra jiraata. Maqaan isaa maali? A. Grouse B. Turkey C. Peacock D. Crow Allaattiin kun Grouse jedhama.4 / 10 Category: Tafakkur4. Qaamni qilleensa funyaaniin seene somba lamaaniif qoodu maal jedhama? A. Larynx B. Bronchi C. Epiglottis D. Deebiin hin jiru 5 / 10 Category: Tafakkur5. Billaachi Peacock butterfly jedhamu maaliin beekama? A. Hedduu utaaluudhaan B. Saffisa jabaan qilleensarra barrisuudhaan C. Sa'aa dheeraaf hirriba malee turuudhaan D. Kooluu isaa lameen irraa fakkii ijaa gurguddaa qabaachuudhaan. Billaachi kun kooluu isaa lameenirraa fakkii ijaa qabaachuudhaan beekama.6 / 10 Category: Tafakkur6. Gammoojjii Arkitiik keessatti baatii 2 guutuuf aduun hin dhiitu. gammoojjiin kun eessatti argama? A. Kaaba dachii B. Kibba dachii C. Handhuura dachii D. Bahaafi dhiha dachii Gaammoojjiin Arkitiik Kaaba dachii irra jiraannuutti argama7 / 10 Category: Tafakkur7. Bofni Black Mamba jedhamu maaliif Maqaa black jedhuun yaamame? A. Waan halluun gogaa isaa gurraacha taheef B. Waan ilma namaa heddu fixuun beekamuuf C. Waan afaan isaatiifi Arrabni isaa gurraacha taheef D. Tasuma maqaan kun itti moggaafame Bofa kana keessi afaan isaatiifi arrabni isaa gurraacha. kanaaf Black Mamba jedhamee moggaafame8 / 10 Category: Tafakkur8. Biyyi daangaa garba guddaa hindiitti hin argamne tami? A. Suudaan B. Masr/Egypt C. Koongoo D. Awustiraaliyaa Koongoon walakkaa ardii Afrikaatti argamti. kanaafuu garba guddaa kamiinuu hin daangeffamtu.9 / 10 Category: Tafakkur9. Bineensi kun Liger jedhama. bineensota 2 irraa argame. Bineensonni lameen kamiifi kami? A. Leencaafii Jaldeessa B. Leencaafi Qeerransa C. Leencaafi Harreediiroo D. Qeerransaafi Borofa Liger (Laayigar) akka gaangeen harreefi farda irraa argamtutti, Leencaafi Qeerransarraa dhalata. waahee bineensa kanaa dubbisuuf LINK kana tuqi.10 / 10 Category: Tafakkur10. Rimayni Harree Kiang yeroo hagamiif tura? A. Baatii 6 B. Baatii 8 C. Waggaa 1 D. Wagga 2 Rimayni Harree Kiang waggaa tokkoof turaYour score isThe average score is 56%Qormaata kana nama birootiif sheer godhi! Facebook Twitter 0% IRRA DEEBI'I Yaada Nuuf GumaachiSee review Yaada Nuuf Gumaachi! August 8, 20220 Facebook WhatsApp Telegram Share via Email Print