header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Dhiiga Dahabaa/Warqii Beeytuu?

Tana Quba Qabduu?

Ilmi namaa dhugumatti uumama ajaa’ibaati. Rabbiin keenyas ilma namaa haala bareedaa irratti uumne jedhee bakka heddutti nuu hime. Mee waan kana xiinxallaa. Addunyaa tanarra ummata biiliyana 8 ta’utu jira. Garuu namni hundi garaagarummaa qaba. Warri lakkuutis waan adda ittiin ta’an qaban. Walumaa galatti nuti hundi waan addaa qabna. Dhugaan jiru kana ta’us nuti hundi waan waliin qooddannu qabna. Hundi keenya ija qabna. Harka, miila, Arraba jedhaa tarreessuu ni dandeenya. Haa ta’u malee walfakkeenya kana keessa garaagarummaan xiqqoon ni jira. Namoonni qaama addaa qaban dachii tanarra ni jiru.  Barruu tanaanis namoota qaama addaa qabanii fi waan isaan adda godhe keessaa muraasa isinii dhiheessina.

 

Intalti tun lammii Maleezhiyaati. namoota dhiiga dahabaa qaban 43’n keessaa takka. biyya Maleezhiyaa keessaa ammoo isii qofatu dhiiga gosa kanaa qaba.

Dhiiga Dahabaa

Ilmi namaa hundi dhiiga diimaa qaba. Kanaafuu dhiigni bifa biraa hin jiru. Warri Golden Blood ykn dhiiga Dahabaa qaban jedhamanis bifa isaatiin osoo hin taane qabiyyee dhiiga isaaniitu dhiiga Dahabaa/Warqii akka jedhamu taasise. Namoonni kunniin dhiiga nama biraa irraa kennamuuf abadan fudhatuu hin danda’an. Yoo dhiigni isaan barbaachises namuma dhiiga Dahabaa qabu qofarraa fudhatan. Hubadhaa wanti kun Gosa A B ykn O waan jedhamuun wal hin qabatu. Qorannoo bara 2010 godhameen namoonni dhiiga gosa kanaa qaban namoota 43 qofatu dachii tanarra ture.

 

Dandeettii bifa hedduu arguu

Ilmi namaa bifa hedduu walitti siiqsee hubata. Diimaan gosa hedduu jiraatus ijji namaa diimaa hunda bakka tokkotti walitti qabuudhaan hubata. Kanas ta’u ijji ilma nama hedduu bifa haga miiliyana 1 ilaaltee adda baafatuu dandeetti. Haa ta’u malee namoonni qaama Tetrachromacy jedhamu qaban haga ilmi namaa biroo argu caalu bifa hedduu arguu danda’u. Namoonni qaama kana qaban bifa haga miiliyana 99 ilaalanii adda baasanii himuu danda’u.

 

Namoota abadan hin furdanne

Addunyaa tanarra namoonni muraasni kan waan fedhan akka barbaadanitti sooratuu danda’antu jiru. Namoota kanniin waa’een koolestirooliitis hin rakkisu. Warri kun carraan dhibee onneetiin qabamuu isaanii parsantii 90’n gad bu’aadha. Ummanni kun seelii PCSK9 jedhamu qaama isaanii keessaa hedduu hin qaban. Kun ammoo dhadhaa fii coomas sodaa tokko malee akka sooratan isaan gargaara. Yeroo ammaa kanattis ogeeyyonni fayyaa namoota kanniin irraa ka’uudhaan dawaa haarawa kan seelii PCSK9 jedhamu akka qaama keesatti hin heddummaanne taasisu oomishuu jalqabaniiru. Namoonni kunniin waan fedhanis yoo nyaatan qaamni isaanii hin furdatu.

 

Namoota hirriba dheeraa irraa haajaa hin qabne

Ilmi namaa hirribatti haajama. Qaamni namaa dalgaa oolee dadhabe boqonnaa barbaada. Kanaaf Rabbiin guddaan halkan yeroo hirribaa fi boqonnaa taasise. Ilmi namaatis kanatti waan haajamuuf bakka ciisu qopheeffatee yeroo dadhabu gara hirribaa fiiga. Garuu namoota waan kanarraa dhimma hin qabnetu jira. Osoo haga fedhan hojjatanii warra rafuuf hin cinqamnetu jira. Namoonni seelii DEC2 jedhamu xiqqaa qaban hirribaaf hedduus hin cinqaman. Qaamni isaanii haga fedhe dadhabus hirriba daqiiqaa muraasaatiin dadhabbii ofirraa balleessuu danda’an.

 

A’oo xumuraa

Ilmi namaa gaafa dhalatu ilkaan malee dhalata. San booda haga ilkaan 28 biqilcha. Kun nama hunda biratti wal fakkaataadha. Boodarratti waggaa 15 booda ykn waggaa 20n booda a’oo dabalataa biqilchuu jalqaba. Ilkaan kun wayta bahu hedduu nama dhukkuba. Haala saniin namni hedduun ilkaan 32 qabaatuu danda’a. Haa ta’u malee Addunyaarraa namoonni parsantii 20 ta’an a’oo dabalataa kana hin qaban. Fakkeenyaaf ummanni meeksikoo walumaa galatti ilkaan dabalataa kana hin biqilchan. Namoonni naannoo Tasmaaniyaa jiraatan ammoo hunduu ilkaa kana ni biqilchu.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button