header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bineensi kun guyyaa walakkaaf soorata malee turraan ni du’a

Bineensi hantuuta fakkaatu kun Shiriiw jedhama. Ardii Awustraaliyaa fi Antaarkitikaa malee, ardiilee hafan hunda keessatti ni argama. Bocni qaama isaa hantuutaan wal fakkaatus, garuu inni sanyii hantuutaatii miti. haala qilleensa garagaraa keessa jiraachuus ni danda’a. lafti bosonaan uwwifame, lafti margaa, Bosonni jiidhaan, naannoon badda daree fi gammoojjiin oowwaanis jireenya isaatiif mijaahaadha. Sanyiin uumama kanaa hedduutu jira. Haala qilleensa garagaraa keessa jiraachuu danda’uun isaa, lakkoofsi isaa akka hin xiqqaanne isa gargaaree jira. Yoo bosonni dhabame, gara margaa deema. Innis yoo hin jiraannee lafa gammoojjii keessa jiraachuu ni danda’a. sababa kanaaf lakkoofsi isaa heddus xiqqaachaa hin jiru.

Xiqqeenyi uumama kanaa quba ilma namaa irratti kana fakkaata.

 

Shiriiw hoosiftoota akkaan xixiqqoo ta’an keessaa isa tokko. Sanyii Shiriiw keessaa inni Etruscan Shrew (itraskan Shiriiw) jedhamu, hoosiftoota keessaa isa irra xiqqaadha. Dheerinni isaatis seentimeetira 3.3 hin caalu. Ulfaatinni isaatis giraama lama hin guutu. Sanyiiwwan Shiriiw kanneen biroo garuu Seentimeetira 7 hanga seentimeetira 24 dheerachuu ni danda’u. ulfaatinni isaaniitis haga giraama 100 ta’uu danda’a. sanyiin uumama kanaa gariin umrii guutuu mukumarra jiraata. Hajaa takkaafis mukarraa hin bu’u jechuudha. Gariin ammoo lafarras mukarras jiraachuu ni danda’u. Sanyiin gariin ammoo Semi Aquatic jedhamuun beekkamu. Warra bishaanii fi lafarras jiraatuu danda’an jechuudha. Warri bishaanitti dhihaatanii jiraatan kunniin, kottee isaaniirraa rifeensa bishaanirra fiiguu isaan dandeessisu qaban. Kana jechuun, osoo bishaan jala hin seenin bishaan gubbaa fiiguu danda’u jechuudha. Akkuma bineensota daggalaa hedduu gogaan isaanii rifeensaan uwwifamaadha. Rifeensi kun garuu gabaabaadha. Bifti isaa daalacha yoo ta’u, laafaa fi tuuchaadha. Wanti addaa qaama isaarratti argamu qoffee ykn afaan isaati. Akka hantuutaa qal’aa ta’us, hidhiin gubbaan jiru akkaan qal’aa fi dheeraadha.

Shiriiw soorata gosa lachuu sooratuu danda’a. Garuu hedduminaan ilbiisota soorata. Dabalataan qirxummiiwwan xixiqqoo, raachaa fi sanyiiwwan midhaanii garagaraa soorata. Shiriiw bineensota guddina qaamaatiin isa caalanis ni ajjeesa. Sanyiiwwan tuqaa fi hantuutaa tokko tokko ajjeesee soorata. Uumamni kun qotee bultootaaf faaydaa heddu qaba. Sabaa kanaaf qonnaan bultoonni heddu uumama kana ooyruu isaanii keessatti yoo argan ni gammadu. Bineensi kun ooyruu keessa deddeemee ilbiisotaa fi raammolee garagaraa sooratuudhaan ooyruu qulqulleessa. Haa ta’u malee eega sanyiin midhaanii callaayee manatti galeen booda qonnaan bulaan argaa isaa fedhu hin jiru. Uumamni kun Midhaan callaayee manatti gales argannaan hin dhiisu.  Shiriiw bineensota halkaniifi guyyaas socho’an keessatti ramadama. garuu irra jireessatti yeroo halkanii sosocho’aa rizqii barbaaddata.

Sirni daakinsa soorata uumama kanaa akkaan saffisaadha. Garaachi uumama kanaa soorata saffisa ajaa’ibaatiin daaka. Sababa kanaaf soorata irraa boqonnaa fudhachuun hin jiru. Halkaniifi guyyaa, ganamaa fi galgalas ilkaan isaa wahuma alanshaa oola. Bineensi kun guyyaa walakkaaf soorata malee turraan, carraan inni qabu du’uu qofa. Wanti inni liqimse hundi daqiiqaawwan muraasa keessatti daakamee bullaaya. Kanaaf ilkaaniin ariifachuun isarratti dirqama jechuudha. Walumaa galatti bineensi kun bineensa nyaata qofaaf jiraatu jechuun ni danda’ama. Dhahannaan onnee uumama kanaatis akkaan saffisaadha. Daqiiqaa tokko keessattis yeroo 700 dhahata. Hagam akka ta’e beekuuf, dhahannaa onnee ilma namaa waliin wal bira qabnee ilaaluu dandeenya. Avreejiidhaan onneen ilma namaa daqiiqaa tokko keessatti yeroo 60 hanga 100 dhahatti. Kan Shiriiw garuu daqiiqaa tokko keessatti yeroo 700 dhahatti.

Ilkaan isaatiifi garaachi isaa dalagaa saffisaan waan dalaganiif, onneenis akkasuma saffisa ajaa’ibaatiin dhahatti jechu. Qaroon Shiriiw argaa irratti laaftuudha. Gurri isaatii fi funyaan isaa garuu haalaan jabaadha. Kanaafuu miira lamaan kanniinitti fayyadamee, waan adamsamuufi diina isa adamsu fageenyarraa adda baafatuu danda’a. soorata argatu itti deema, diina ammoo jalaa dheessa. Uumamni kun bineensota hedduun adamsama. Garuu bineensota muraasa qofatu isa soorata. Sababni isaatis, eega ajjeefameen booda garaa isaa jalaa foolii akkaan ajaawaa ta’etu baha. Sababa kanaaf uumamni hedduun eega uumama kana ajjeesee booda dheessee naannoo sanii deema. Shiriiw bineensota summii qaama keessaa qaban keessaallee isa tokko. Bineensota ajjeesuu barbaade ilkaaniin ciniinee summii hamaan idda.  Summiin qaama sanyii Shiriiw, kan American short tailed Shiriiw jedhamu tokko qofa keessatti argamu, hantuuta 200 ajjeesuu ni danda’a.

 

Uumamni kun kopha kophaa jiraata. Kanaafuu Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa qofa walitti dhufa jechuudha. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataatiin alatti, daangaa walii cabsanii walitti seenuun hin jirtu. Yoo inni tokko daangaa tokkoo seene, waraana guddatu jidduu isaaniitti banama. Shiriiw dhalatee ji’a sadih guunnaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf qophii ta’a.  Rimayni uumama kanaatis guyyaa 17 haga 32 qofa tura. Haala kanaan haadhoon takka waggaa keessatti, ilmoolee haga kudhanii dhaluu dandeessi. Hedduminaan uumamni kun waggaa tokko qofa jiraata. Sanyiin gariin haga wagga lamaa jiraatuu ni danda’u.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button