header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Leenci bineensa dalagaa hin jaalanne kan guyyaa guutuu ciisaa oolu tahuu quba qabduu?

Qorattoonni Rabbiin beekumsa addunyaatiin isaan badhaase, halkaniifi guyyaa uumamaalee adda addaa qorachutti jiru. Qorannoon isaanii kun akka ibsutti; addunyaan tun sanyiiwwan bineensotaa miiliyona 8.7 tahu qabdi. Amalaa fi bifti akkasumas haalli uumama bineensota hundaatuu garaagarummaa qaba. Bineensonni amala addaa kan bineensi biraa hin qabne qabanis ni jiru. Dandeettii qorannoo ilma namaattu reef guddataa jira malee, wantoota nu ajaa’ibsiisan danuu dhagahuu fi arguun keenya hafa hin qabu. Kanaaf Rabbiin keenyas irra deddeebiin uumamaalee isaa akka tafakkurru nutti hima. Haaluma kanaan akkuma barame barruu tanaanis uumamaalee amala addaa qaban muraasa isinii dhiheessina.

 

Kowaalaan bineensa ardii awustraaliyaa keessatti hedduminaan argamuudha. Bineensi kun amala ilma namaatiin wal isa fakkeessu tokko qaba. Innis Ashaaraa quba isaati. Ashaaraan quba ilma namaa garaagarummaa akka qabu ni beekama. Poolisaafi dhaabbileen mootummaa hedduun nama tokko nama biraa irraa adda baasuudhaaf ashaaraa qubaa fayyadamu. Poolisiin yakka raawwatame qulqulleeffachuu yoo barbaade jalqaba ashaaraa qubaa qorata. Kowaalaan dalagaa poolisii kana ijibbaachisaa godhutti akka jiru qorannoon tokko tokko ni addeessu. Bineensi kun ashaaraa qubaa kan akka ilma namaa akka qabu beekkameera. Guddinnii fi bocni ashaaraa ilma namaa fi Kowaalaa haalaan walitti dhihaata. Inumaa Kowaalaan tokko yoo nama du’e harkaan tuqe,  poolisiin ashaaraa qubaa saniin sobamee karaa dheeraa deemuu mala. Ashaaraa Kowaalaa fuudhee ashaaraa namaa seehee nama osoo itti barbaadu umrii isaa fixuu mala.


Uumamaalee heeddu biratti rizqii barbaadanii fiduun dalagaa dhiiraati. dhalaan manuma teessee waan abbaan warraa fidu eeguun mirga isiiti. Dhiirri humna jabaa waan qabuuf, bahee dalagee deebi’ee maatii horatuu dandaya. Kun garuu leenca biratti faallaadha. Fakkii leencaa fi gootummaa godhamee kan fudhatamu kormaadha. Qaamni isaa keessattuu rifeensi isaa kan fuula isaa irratti argamu ykn gaammeen isaa mallattoo bareedinaa fi gootummaati. Haa tahu malee bineensa biraa adamsee fiduu irratti qoodni kormaa haalaan xiqqoodha. Soorata hoomaan qubsuma tokkoo barbaadu adamsitee kan fiddu, bineensa biraa ariitee kan ajjeestu dhaltuudha. Soorata hoomaa saniif barbaachisu dhibbeentaa 90 kan tahu dhaltuutu fida. Qoodni kormaa parsantii 10 hin caalu. Yeroo hunda kormaan ciisee waan dhaltuun adamsitee ajjeestu eeggata. Bineensi gootummaan beekamu guddaan kun, bineensa dalagaa hin jaalanne kan guyyaa guutuu ciisaa oolu jechuudha.


Bineensonni hedduun wayta qaamni isaan hooysisu qaamuma isaaniitiin hooqqatu. Gariin ilkaan isaa, gariin harka isaatiin, kaanis arraba isaatiin qaama hooqata.  Bineensonni muraasni mukaafi waan addaa addaatti riiqatu.  Allaattiin Paafiin garuu mala addaa qaba. Allaattiiwwan hedduun wayta qaama ofii hooqqatan qoffeen isaaniitti dhimma bahu. Paafiin garuu muka xiqqoo qoffee isaatiin lafaa fuudhee ittiin hooqqata. Paafiin allaattii bareedaadha. Qoffeen isaa ammoo qaama isaa keessaa isa irra bareedaadha. Isa kunuunfachuuf jecha wayta hooqqatuu barbaadu, muka xiqqoo lafaa fuudhee qaama isaa ittiin hooqa.


Irra hedduun bineensotaa rifeensa gogaa isaaniirraa qabu. Kan garii dheeraadha kan garii ammoo gabaabaadha. Sea otter (Sii ootar) ammoo rifeensa tuucha’aa qabaachuudhaan sadarkaa duraa irratti argama. Qaama isaa Iskuweer inchii tokko irratti rinfeensa kuma 600 hanga miiliyana tokkoo tahu qaba. Ajaa’ibni uumama kanaa kana qofaa miti. Uumamni kun bineensa bishaan keessa galuudha. Rifeensa heddu qabaachuun ammoo bineensota bishaniitiif rakkoodha. Sea otter garuu rifeensa tuucha’aa qabaachuun hedduu isa hin dararre. Rifeensi isaa baqqaana lama qaba. Kun ammoo qilleensa akka of keessatti hambisu isa gargaara. Qilleensi rifeensa jalatti ukkaamsamee hafu kun gogaan uumama kanaa akka bishaaniin hin jiine taasisa.


Dhaltuun Squirrel (Iskuwiiril) ilmoo guddisuu haalaan jaalatti. Kanaaf ilmoo isiitiif kunuunsa jabaa gooti. Ilmoo isii qofa osoo hin taane, ilmoo haati irraa duute ykn tan karaa baddes fuutee guddisti. Bineensonni hedduun hoomaan waan jiraataniif haatis duutu warri hafe ilmoolee kunuunsee guddisa. Squirrel garuu uumama kopha kophaa jiraatuudha. Haati duunaan ilmoon kophatti hafti. Kanaaf dhaltuun biroo ilmoo haati jalaa duutee ykn karaa miliyxee rakkattee iyyitu yoo arigite ofitti fudhachuudhaan guddisti. Sababaa kanaaf haadha ilmoo guddisuu haalaan jaatattu jedhamtee moggaafamte.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button