Uumamni kun sanyii allaattiiti. maqaan isaatis Luun jedhama. Luun ardiilee Awurooppaa, Ameerikaa fi Eeshiyaa keessa qarqara bishaaniitti dhihaatee jiraata. Allaattiin kun sanyiilee garagaraa afur qaba. Ummanni dur irraa kaasee Ameerikaa keessa jiraataa ture, ykn warri Indians jedhaman uumama kana soorataaf jecha adamsanii ajjeesu. Luun sanyiiwwan allaattii heddumina qaban keessaa isa tokko.
Dheerinni Luun seentimeetira 60 hanga 90 ta’a. Ulfaatinni isaa ammoo kilograama 3 hanga shaniif walakkaa ta’a. Mormaa fi mataan Luun haalaan gurraacha. Qaamni hafe ammoo barruu gurraachaa fi adiin wal makaati. Gama duubaatiin bifti isaa kan gara gurraachaa dabu yoo ta’u, garaa jalaan ammoo bifa adii qaba. Baalliin isaa akka waan zayita dibamee bishaan ofirra hin dhaabu. Kana jechuun Luun osoo haga fedhe bishaan keessa seenellee qaamni isaa hin jiidhu. Ijji isaa diimaadha. Morma furdaa, qoffee dheeraa xiyya fakkaatu, kottee qubbeen jidduu gogaa haphii qabuu fi qaama gama duraatiin qal’aa, duubaan ammoo furdaa qaba. Kotteen Luun gama duubaatti waan argamuuf, allaattiin kun lafarra deemuudhaaf heddu rakkata. Inumaa lafarra deemuu hin danda’u jechuu dandeenya. Wayta lafarra deemu, garaan lafarra ciisee, miilaan ammoo of darbaa duratti shunquuqa. Maqaa Luun jedhus sababuma deemsa isaa kanaaf argate. Akka allaattiiwwan biroo miila lamaaniin dhaabbatee deemuu hin danda’u.
Luun sanyiiwwan allaattii keessaa warra kopha kophaa jiraatuudha. Wayta soorataaf jecha ykn ammoo haalli qilleensaa itti ulfaatee bakka tokkoo gara bakka biraa godaananis, kophuma kophaa barrisu. Luun barrisuu isaatiin dura yeroo dheeraaf lafarra fiiguun isarratti dirqama. Akkuma xayyaarri wayta lafaa ka’uu karaa dheeraa lafarra fiigu, Luunis barrisuudhaaf fiiguun isarratti dirqama. Fiigichi kun akka deemsaa sanitti isa hin rakkisu. Deemuu dadhaba malee fiiguu ni danda’a.
Luun wayta barrisuu barbaade, koola isaatis hargufaa kotteen ammoo bishaan irra fiiga. Haala kanaan eega meetira 600f fiigeen booda qilleensa keessa barrisuu danda’a. Kanaan ala akka sanyiiwwan allaattii biroo yeroo takkaan lafaa ol ka’uu hin danda’u. eega lafarraa ka’een booda saffisni isaa kan qilleensa gubbaa haalaan guddaadha. Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 120 ol barrisuu danda’a.
Luun yeroo isaa hedduminaan bishaan keessatti dabarsa. Sooranni isaa hundi qurxummiidha. Allaattiin kun haga meetira 75 bishaan jala lixee adamsuu danda’a. Daqiiqaa shaniifis osoo bishaan keessaa ol hin deebi’in turuu danda’a.
Luun sagalee garagaraa afur baasuu danda’a. Inni tokko kan diina ofirraa dhoorkuuf fayyadamuudha. Tokko ammoo wayta wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu fedhan kan ittiin wal waamaniidha. Kan hafan lamaan ammoo haadhaa fi ilmoon walii galuudhaaf kan itti fayyadamaniidha. Luun diina heddu qaba. Sanyiiwwan allaattii kan akka harraagessaa, Qocaa, Skunk, Weasel fi Otters diina uumama kanaati.
Luun kopha kophaa jiraata. Kormaa fi dhaltuun Luunis wayta walqunnamtii wal hormaataa raawwatuu fedhan sagalee addaa dhageeysisuun wal waamu. Akkuma ilmi namaa jaarsaafi jaartiin wal filatee wajji jiraatu, Allaattiin kunis wal filatee wajji jiraata. Innis isii malee, isiinis isa malee gara biraa deemuun hin jiru. Tahus garuu waliin hin jiraatan. Hunduu kopha kophaa jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa raawwachuu barbaadan qofa sagalee adda addaa baasanii wal yaammatu. Eega wal qunnamtiin wal hormaataa raawwatamee booda dhaltuun hanqaaquu lama buusti. Achi booda jaarsaafi jaartiin wal gargaaranii hanqaaquu kana guyyaa 30f hammatu. Ilmoon allaattii kanaatis akkuma hanqaaquu keessaa baateen bishaan daakuu eegalti. Ilmoon haarawa dhalatte haga torbaan 11 guuttutti barrisuu waan hin dandeenyeef, lafarra shunquuqaa, yeroo garii ammoo bishaan daakaa jiraatti. Yeroo garii ammoo duyda haadhaatis ni yaabbatti. Ilmoon Luun gaafa dhalattu baallii gurraachaa fi adii qabdi. Adaduma guddataa deemtuun, baalliin gama gubbaa jira gara barruutti jijjiiramaa deema. Fedha Rabbiitiin Luun haga waggaa 30 jiraatuu danda’a.
Qophii: Abuu Ibtisaam