header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Seenaa Sheikh Aadam Tuulaa Gabaabinaan

Nuuralhudaa October 19, 2022

Maqaan guutuun Sheikh Aadam Ahmad, Hammarroo, Shankoor, Moomad, Usmaan, Halloo, Al Hararii Jedhamuun beekaman. Hundeen isaanii Noolee Gosa Afran Qalloo irrahi. Iddoon dhalootaa godina Harargee bahaa Aanaa Kombolchaa Naannawa Tuulaa jedhamuun beekamu, ganda Usmaan (Shankoor) keeysatti dhalatan. Gandi isaan itti dhalatan kun maqaa lamaan yaamama. Gandaa Usmaan ykn Ganda Shankoor jedhama. Usmaanii fi Shankoor lameen isaaniituu akaakayyuu fi Abaabayyuu Sheikh Aadamiiti. Isaan lameenuu ganda san keeysatti namoota bebbeekkamoo waan tahaniif, gandi sun maqaa isaaniitiin beekama. Tuulaan maqaa naannawa isaan itti dhalataniiti. Kanaaf maqaa naannoo saniitiin Sheikh Aadam Tuulaa jedhamanii yaamaman.

 

Barnoota

 

Sheikh Aadam ganduma kana keeysatti dhalatanii achumatti guddatan. Tilmaamaan Amata 12tti barnoota eegalan. Namni Jalqaba Afaan irratti hiikkatan Sheikh Muhammad Ibraahiim Karkooloo jedhama. Namni kun Hawwiyyaadha. Nama kanatu harfii isaan barsiise. Sheikh Muhammad Ibraahim Kitaaba Umdatul Ahkaam irraa waa xiqqoo isaan barsiisee gara biyya ofii godaane. Achi booda Sheikh Alii Al-Aruusii bira dhaqanii kitaaba qara’uu itti fufan. Sheikh Alii Al-Arusii bira hanga amata 10 turanii, Ilmii Fiqhii hanga Minhaaj Al Muslim achitti baratan.

 

Achi booda Sheikh Alii Al-Aruusii dhukkubsatan. Sheekni Isaanii dhukkubsannaan darasoonni waan dandahaniin wal’aananii imala ilmii itti fufan. Eegasii Sheikh Abdallaah Basiiraa biratti godaananii barnoota Minhaj Al Muslim itti fufan. Achirraa gama Aanaa Oborraa imalanii kitaaba Minhaj Al Muslim irra deebi’anii qara’an. Itti aansuun Sheikh Abdulmajiid Jimmaa irraa Afaan Arabaa baratan. Sheikh Abdulmajiid yeroo Muraasa qofa isaan qaraasisee naanoo sanirraa godaane. Eega Sheikh Abdulmajiid godaanee booda Sheikh Sa’iid Kombolchaa irratti Afaan Arabaa baratuu itti fufan. Sheikh Sa’iid Kombolchaa darasaa Sheikh Muhammad Jajuuti. Ilmii Afaan Arabaa namni biyya keessa facaase Sheikh Muhammad Jajuu akka tahan Sheikh Aadam Tuulaa dubbataa turan.

 

 

Sheikh Sa’id Kombolchaa Nama Tafsiira Qur’aanaatiin beekamu. Sheikh Aadam Tuulaa Fannii Afaan Arabaa; Nahwiifi Sarfii Sheikh Sa’id irraa eega baratanii booda, Sheikh Sa’iiduma biratti Tafsiira Qur’aanaa itti fufan. Achi booda nama Sheikh Muusaa jedhamurrattis Tafsiira Qara’an. Dhumarratti Sheikh Aadam gara ganda dhaloota isaaniitti deebi’anii barnoota ilmii fiqhii itti fufan. Walumaa galatti amata 24-25 barnoota diin Islaam haala gaariin baratanii jiru.

 

Qormaata Isaan Mudataa Ture

 

Yeroon Sheikh Aadam diin barsiisuu eegalan yeroo shirkiin akkaan lafa qabate ture. Hawaasni naannoo isaanii yoo Roobni dide qabrii dhaqanii achitti qalanii du’aa’ii godhan. Wanti shari’aan islaamaa hin hayyamne tan biyya keessa facaate haalaan heddu. Aadaa ummataa yeroo tokkoon jijjiiruun hin danda’amu. Sheikh Aadamiif wanti Kun haalaan ulfaataa ture. Bara tokko caamni bu’ee hawaasni rakkannaan, hawaasni naannoo loon qabrii geessinee achitti qallee waaqa kadhanna jedhan. Sheikh Aadam ammoo abadan wanti kun hin tahu, loon achitti qaltan san masjiida fidaa. Achitti qallee sadaqaa goona jedhan. Achi booda sheikh Aadam darasoota isaanii walitti yaamanii loon qaluuf qophaayan. Hawaasni naannoo ammoo waan kana irratti hirmaachuu didan. Sheikh Aadamiifi darasoonni isaanii loon qalanii hanga isaaniif gahu irraa nyaatanii qur’aana qara’utti seenan. Ganamarraa eegalanii hanga salaata Asriitti osoo addaan hin kutin qara’an. Sheikh Aadam darasoota isaanii irra dhaabbatanii hamilee itti horan. “Jabaadhaa Qur’aana qara’aa. Du’aa’ii jabeeysaa, arra yoo Roobni dhabame ni kufnaa beekaa” jedhanii darasoota jabeeysan. Darasoonnis hamilee sheekha isaaniitiin onnatanii Rabbii ofii abdatanii Qaraatii Qur’aanaatiifi Du’aa’ii itti fufan. Rahmanni Rabbiitis hin turre. Sa’aa salaanni Asrii gahu duumessi hin jirre walitti qabamee dirsaa roobe. Sheikh Aadamiifi darasoonni isaanii haalaan gammadanii Rabbii isaaniitiif galata galchan. Hawaasni naannootis hedduu gammade. Sababaa kanaaaf qofa nama heddutu shirkii irraa deebi’e.

 

Ammas amanni naannawee roobni dhabame. Hawaasni naannoo ammas sheikh Aadam bira dhufanii loon qalmaaf tahu isinitti finna, qaltanii sadaqaa gootanii Rabbiin nuuf kadhattan jedhaniin. Sheikh Aadam Tuulaa waan kana harkatti didan. Loon qalanii rooba kadhachuun karaa Sunnaa Rasuulaatii miti. akkaataa Rasuulli (SAW) itti nu barsiisanitti Rabbiin kadhachuu qabna. Borurraa eegallee guyyaa 3f ni soomanna. Guyyaa afraffaa dirretti baanee salaannee Rabbi kadhanna jedhanii karaa sunnaa ummatatti akeekan. Ummannis ajaja isaanii fudhatee namni heddu soommane. Guyyaa afraffaa yoo dirretti bahan Rabbiin Rooba rahmataatiin isaan dhaqqabe. Haala Kanaan Rabbiin isaan gargaaree hawaasa isaanii biratti fudhatamaa isaan taasise.

 

 

Ulamaa’ii Sheikh Aadam irraa baratanirraa Muraasa

 

Sheikh Muhammad Ibraahiim Assoomaalii

Sheikh Alii Al Aruusii

Sheikh Abdallaah Basiiraa Doolee

Sheikh Abdulmajiid Abdallaah

Sheikh Muhammad Tooshii Al Qaadii fi walumaa galatti hanga ulamaa’ii 18 irraa diin barataniiru.

 

 

Ulamaa’ii Isaanirraa baranii hawaasa barsiisutti jiranirraa Muraasa

 

Sheikh Ahmad Usmaan (Sheikh Ahmad Watar)
Sheikh Yuusuf Aadam (Sheikh Yuusuf Ciroo)
Sheikh Jamaal Muhammad Bulee
Sheikh Muhammad Alii Taa’ii Al-Aruusii

Sheikh Muhammad Kabiiraa

Sheikh Alii Sheikh Umar

Sheikh Abdullaahii Tuquu fii ulamaa’iin gurguddoon heddu Sheikh Aadam tuulaa irraa baratanii yeroo amma kana halqaa ilmii banatanii diin barsiisutti jiru.

 

Guduunfaa

 

Sheikh Aadam Tuulaa ilmii barsiisuu keessatti seenaa addaa qaban. Maatii tokkorraa Abbaa qaraasisanii, ilma isaatis qaraasisanii, ilma ilmaatis qaraasisan. Abbaa irraa eegalanii hanga ilma akaakayyuu tahuutti barsiisan jechuudha. Rabbiin hangana umrii isaan dheereyse. Umrii isaanii guutuu diin kanaaf if kennanii, qananii jiruu addunyaa moggatti dhiisanii Islaamummaa tajaajilaa turan. Umrii isaanii Rabbiin barakaa keeysa kaaye. Fayyaa guutuu kenneef, sababaa dullumaatiif Aqlii keessaa hin fuune. Subhaan ALLAAH.

 

Sheikh Aadam dargaggummaa isaanii irraa kaasanii Tawhiida lallabuufi shirkii dura dhaabbachuudhaan beekaman. Sababuma kanaaf Zamana Haylasillaasee, Zamana Mootummaa Dargii fi Zamana Mallas Zeenaawii keeysas hidhamanii jiru. Ammas eega dulloomanii boodas gootummaa kanarraa if booda hin deebine. Tawhiida lallabuufi shirkii mormuu hin dhiisne. Osoo haqa lallaban umrii isaanii fixan.

 

Dr. Jeylaan H/Khadiir waa’ee Sheikh Aadam Tuulaa wayta dubbatan;

 

“Sheikh Aadam Tuulaa Aalima guddaa Rabbiin umrii dheeresse, nama akkaan if gad qabu. Nama if tuulummaan tasallee irraa hin mul’anne. Nama qananii duniyaatiif dantaa hin qabne. Goota Rabbii isaa malee waan biraa hin sodaanne. Nama umrii isaa guutuu tawhiida lallabaa ture. Nama ilmii diinal islaam biyyattii keessa facaase. Nama Rabbiin jaalala ummataa kenneef, kan akkaan hawaasa biratti fudhatama guddaa qabu. Nama Rabbiin isaan hawaasa bal’aa fayyade” jechuun dubbatan.

 

Sheikh Aadam Tuulaa October 18, 2022 Du’aan Addunyaarraa godaanan. Hawaasni lakkofsaan ibsuun hin danda’amne sirna Awwaalcha isaanii irratti argamee jira. Rabbi Jannataan Isaan haa qananiisu jenna.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button