header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Doolfin

Qophii: Abu Ibtisam

Qaamni bishaanii dachii irratti argamu uumama hedduu of keessaa qaba. Uumamni kunniin ammoo amalaa fi haala garagraa qabu. Gariin isaanii ilma namaatiif akkaan hamaa yoo ta’an, gariin isaanii ammoo ilma nama irra kan miidhaa hin geessinetu jira. Gariin soorata ilmi namaa akkaan jaalatuuf yoo oolan, gariin ammoo hiriyyaa fi fira ilma namaa gaarii ta’anii jiraachutti jiru. Barruu kana keessatti uumama yeroo heddu ilma namaatiif gargaarsa godhuun beekamu kan Doolfin jedhamu ilaalla.


Doolfin bineensa akkaan Abshaalaa yoo ta’u, ilma namaatiinis ni jaalatama. Bineensi kun bineesota gurguddaa keessatti ramadama. Bishaan keessattis haala gaariin waliigaltee uumee jiraatuudhaan beekama. Hundi isaaniituu galaana keessatti garee afaan ingiliffaatiin pod jedhamu uumuudhaan waliin jiraatu. Doolfin namoota osoo bishaan daakaniifi sababa garagaraatiin galaana yookaan laga gurguddaa keessatti kufan bishaan keessaa baasuun lubbuu ilma namaa yeroo heddu baraaruu danda’ee jira. Akkasumas namoota qurxummii adamsaniifis yeroon inni gargaarsa godhee qurxummii adamses ni jira.
Addunyaa kanarra sanyiin Doolfiin 43 kan argamu yoo ta’u, 38 warra galaana keessa galu. Kan hafe shanan ammoo laggeen gurguddaa keessa jiraatu. Uumama bishaan keessa jiran keessaa doolfin daaw’achuun hedduu nama gammachiisaa. Keessattu yeroo heddu utaalchi isaan bishaan keessaa godhan qalbii namaa hawata. Doolfiniin gariin bishaan keessaa haga meetira 10 ol utaaluun qileensa keessa fagaatuu danda’a. yeroo kanatti secondi 20 haga 30 qilleensa gubbaa turuu danda’a.


Doolfiin ilkaan 100 afaan keessaa qaba. Garuu ilkaan Kanaan waan takkallee hin alanafatu. Ilkaan kana bineensota sooratu ittiin qabatuudhaaf fayyadama. Erga bineensa san qabateen booda qajeela waan argate san garatti liqimsa. Guyyaa tokkoonis qurxummii haga KG 14 ulfaatu soorata. Yeroo qurxummii adamsan kanas gareedhaan hojjatu. Gareen wal tahanii qurxummii jidduu keessatti galfachuun erga marsanii booda, qurxummii bakka takkatti walitti qabamanitti saffisaan fiiguun, haga afaan isaanii danda’e qabaa liqimsu. Yeroo kanatti hundi isaanii gara qurxummiilee hin utaalan. Hunduu taraa eeggataa risqii ofii fudhata. Kanaaf yeroo soorata qabatan kana maloota akka utaalchaa, shaffaaxa deemuu fi marsuu fa’a fayyadamu.
Sanyiin doolfiin inni guddaan toonii 5 ykn ammoo haga Kilograama 5000 kan ulfaatu yoo ta’u, dheerinni isaa ammoo meetira 10 jalatti dhihaata. Inni xiqqaan ammoo Kilograama 40 ulfaata. Dheerinni isaa ammoo meetira tokkoo waanuma xiqqoo caala. Ijji doolfin akkaan qaroo dha. Bishaan keessattis ta’e bishaaniin ala haala gaariin sirritti waa arguu danda’a. Dandeettiin dhageettii isaatis jabaadha. Waan ilmi namaa dhagahu caala dacha 10niin dhagahuu danda’a.


Doolfiniin akkuma ilma namaa fakkaataa isaa waan bakka buusuuf, hoosiftoota keessatti ramadama. Dhaltuun takka wal hormaataaf qophii kan taatu waggaa 5 irraa kaasee hanga 13ti. Kormaan ammoo waggaa 9 hanga 14titti qophaaya. Haalli qilleensaa yoo mijaayaa hin ta’in akkasumas soorata gahaa yoo hin arganne walqunnamtii wal hormaataa hin raawwatan. Kanaaf walhormaata geggeessuudhaaf garaa ofii haala gaariin guutachuu qaban.
Walqunnamtiin kun garuu haala salphaan kan raawwatamuu miti. Warri dhiiraa waraana walitti banu. Haga qaamni bishaanii sun jeeqamee boorawutti walitti bu’aa akkasumas qoffeen wal waraanaa haga dadhabanitti waldhaansoo walqabu. Yeroo heddu qaama isaanii irra miidhaan gahu hin jiru. Garuu yeroo dheeraaf waan wal lolaniif inni dadhabe dhiisee biraa deema. Kan injifate ammoo gara walqunnamtii walhormaatatitti ceha. Kana boodakormaan tokko guyyaa hedduuf walitti aansuudhaan walqunnamtii raawwata. Yeroon rimayaatis garaagarummaa qaba. Rimayni ji’a kudhalama turu kan jiru yoo ta’u, inni dheeraan ammoo haga ji’a 17 tura. Dhaltuun takkas turtii ji’oota haganaatiin booda ilmoo takka dhalti. Lakkuun garuu hedduminaan hin jiru.


Akkaataan ilmoo itti dhaltus ka ajaa’ibaati. Jalqabarratti yeroo dhaluuf qophooftutti dolfinoota biraa lama ykn sadihitti mallattoon erga himteen booda, gara lafa akkaan qile ta’etti waliin deeman. Sana booda yeroo dhaltu sanitti gargaarsa godhaniifi. Ilmoon dhalatu ammoo akkaataa hoosiftoonni biroo dhalan irraa garaagarummaa qaba. Jalqabarratti mataa ilmoo osoo hin taane, eegee isaatitu dursee baya. Warri gargaarsaaf dhaqe akkuma ilma namaa erga gargaarsa godhanii dhalteen booda, ilmoo san fuudhanii gara gubbaa bishaanii fiduun hargansuu jalqabaa akka argatu godhu. Yeroo ilmoon dhalatu kanattis ijji isaa banaa yoo ta’u, miirri isaa kan hafe cuftis akkuma dammaqanitti dhalata. Ijji isaa, gurri isaa, akkasumas miirri fuunfachuu isaatis yeroma dhalate irraa kaasee haala gaariin hojjata.
Ilmooleen dhalatan kun meetira walakkaa haga meetira takkaa kan dheeratan yoo ta’u, ulfaatinni isaaniitis kilograama 10 haga 30 ta’a. Erga guddatanii of danda’aniin booda warri dhiiraa Poodii haadha ofii dhiisanii gara biraa deemanii poodii ofii kan ijaaratan yoo ta’an, warri dhaltuu ammoo achuma haadha wajjiin gamtaan jiraachuu itti fufuu danda’an. Yoo deemuu barbaadan garuu ollama haadha isaanii jiraatan.


Akka qorannooleen garagaraa ibsanitti Doolfinonni garee mataa isaanii ijaaratanii nagayaan waliin jiraachuu danda’aniiru. Yeroo adamsuu barbaadanis garema isaanii wajjiin ta’uudhaan deemu. Yeroo walqunnamtii wal hormaataa raawwatanis maatii isaanii keessaa ala hin bahan. Wanti hundinuu Poodima isaanii keessatti raawwatama. Kanaaf yeroo heddu Doolfiina kophaa isaa deemuu arkuun rakkisaa ta’a. Yoo xiqqaate Doolfiiniin lama walbiratti ni argama. Gareen tokkos miseensota haga 40 ta’anii waliin deemuu danda’u. Haa ta’u malee qorannoon gama Poodiitiin godhame akka akeekutti gareen tokko tokko miseensota dhibbaa ol ta’an of keessaa qabaachuu danda’a.
Gareewwan akkaan gurguddaa ta’an keessaa miseensonni sanyii garagaraatis argamuu ni danda’u. keessattu sanyiileen Doolfiin kan Spinner fi Spotted jedhaman yeroo heddu walkeessa jiraatu. Sooratni isaan sooratan garaagarummaas qabaatu, yeroo dheeraaf garuu waliin jiraataa, waliin deemaa waliin adamsu. Walitti dhufeenyi Doolfinoota jiddutti godhamu ammoo, kan guyyaa gabaabaa keessatti citu osoo hin taane, akka qorattoonni jedhanitti, waggoota dheeraaf turuu danda’a. Poodileen garagaraa hedduus jiraatu, Doolfinoonni jaalalaa fi nagayaan waliin jiraatu malee, walitti bu’iinsi hin jiru. Inumaayyu warri poodii garagaraa yeroo walitti dhufan gammachuudhaan wal simatan.


Mee amma ammoo sanyiiwwan Doolfiin keessaa muraasa haa ilaallu. Sanyiin doolfiin jalqabarratti ilaallu Boottlenose dolphin jedhama. Sanyiiwwan Doolfin jiran keessaa ilma namaa biratti akkan beekkamaa fi jaalatamaa kan ta’e sanyii bottlenose jedhamu kana. Bocni fuula isaa irra jiru yeroo hunda Seequudhaan wal fakkaata. Fuulli isaa yoo laallamu nama hawata malee nama hin sodaachisu. Sababa kanaaf ilmi namaa sanyii kana akkaan jaalata. Doolfinin kun meetira 3 hanga Afurii dheerata. Sanyiin inni guddaan 500Kg kan ulfaatu yoo ta’u, garaagarummaa isaan jidduu jiruun kan ka’e, ulfatinni sanyii kanaa avreejiidhaan 200Kg ta’a. Akkuma armaan olitti ibsame Doolfin hoosiftoota keessatti kan ramadamu yoo ta’u, gogaan sanyii bottlenose jedhamuu kun hoosoftoota lafa irra jiraatan hunda caala dacha 10 hanga 20 kan furdatu ta’uu isaa qorannoon godhame ni addeessa.
Sanyiin biraa Spinner Dolphin jedhama. Inni kunis kennaa addaa qaba. Utaalcha bishaan keessaatiin kan doolfin kanatti qixxaayu hin jiru. Bishaan keessaa gara samii ol utaalaa yoo gad deebi’u, agrsiifni inni mul’isu qalbii nama hawata. Doolfinoota sanyii biraatiin yoo wal bira qabamu inni kun isa xiqqaa fi qal’aa dha. Avreejiidhaan Doolfiniin kun meetira lama kan dheeratan yoo ta’an, ulfaatinni isaa ammoo 77 Kg ta’a. Warri dhiiraa dheerinnaa fi ulfinaan warra dhaltuu kan caalan yoo ta’u, warri dhiiraa dalluu dheerinaan kan dhaltuu caalu qabu. Mataan Spinner xiqqaadha, qoffeen isaatis qal’aa dheeraa boca rog sadee qabuudha.
Akkuma sila ibsame sanyiileen doolfiin bakka lamatti qoodamu. Isaan 38 ta’an galaana keessa kan galan yoo ta’an, kan hafan Afran ammoo laggeen gurguddaa keessa jiraatu. Isaan kunis; GaanjesRiver Dolphin, Indus River Dolphin, Chinese River Dolphin fi Franciscana River Dolphins jedhamu. Naannoo jireenya isaaniiratti hundaa’uudhaan guddinni qaama isaanii garaagarummaa kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa inni dheeraan meetira 2.4 dheerata. Kan hafan hundi isaaniituu dheerinni isaanii isa kanaa gadi jechuudha. Bifti isaaniitis garaagarummaa qaba.
Warri River Dolphin jedhaman kunniin akkuma warra galaana keessaa tuuta hawaasummaa jabaa isaa kan ijaaran yoo ta’an, yeroo bishaan keessa deemanis ilmoolee xixiqqoo jidduu irratti marsuudhaan diinaa irraa tiksan. Dhaltuun ammoo ilmoolee jiran hundaaf eegumsa jabaa godhan. Ilmoon sun kan isaanii yookaan kan Doolfiina birootis tahu, kunuunsuu irraa of hin qusatan.
Addunyaa kanarra wanti waliif diinomu hin dhabamu, kanaaf Doolfininis diina isa miidhu dachii irraalle bishaan keessaallee ni qaba. Dhuguma qaama jabaa hagas furdatu san qaamni uggee miidhaa irraan gahu ni jiraata jedhanii yaaduun nama dhiba. Haa ta’u malee uumamni Doolfiin uggee miidhaa irraan gahuu danda’u Shaarkii qofa. Shaarkiinuu yeroo heddu uggee Doolfiinii hin nyaatu. Isaan xixiqqaa ta’an qofa qabatee soorata. Kanaaf Doolfiniin gama kanaan diina isa miidhu heddu hin qabu. Haa ta’u malee diinni hamaan Doolfiinii ilma namaati. Ilmi namaa doolfiinii wajji walitti dhufeenya jabaa ijaaruu isaa dubbannee jirra. Garuu yeroo tokko tokko qurxummii adamsuu irratti ilmi namaatiifi Doolfin walitti bu’uudhaaf dirqamanii jiru. Ilmi namaatis qurxummii kiyyeeffachuuf gara qaamman bishaanii deema. Doolfiinis garaa ofii guuttachuuf jecha qurxummii irratti hirkatee waan jiruuf qurxummiillee bishaan keessa jiran qabachuudhaaf garanaa garas ari’uun isaa dirqama. Yeroo kanatti ilmi namaa doolfiniin akka qurxummii jalaa hin ariine ykn ammoo akka hin qabanneef jecha ajjeesaa ture. Akka qorannoon mul’isutti sababa akkanaatiin bara 1960 irraa kaasee hanga har’aatti Doolfinoonni miiliyoona 30 ta’an ilma namaatiin ajjeefamanii jiran.

Back to top button