Uumamni kun sanyii Gaalaati. Gaalli uumama gammoojjii keessa hedduminaan argamu akka ta’e ni beekama. Haaluma kanaan akkaataan uumama gaalaa, oowwaa fi cirracha gammoojjii akka dandamatu godhamee akka tahe barruulee amma duraa keessatti waliin ilaallee jirra. Barruu tana keessatti ammoo Gaala sanyii addaa tokko irratti xiyyeeffannee, akkaataa uumama isaa fi haalli jireeya isaa gaala Gammoojjii irraa garaagarummaa akka qabu ilaalla. Gaalli kun Akka Gaala gammoojjii, gammoojjii qofa keessa hin jiraatu. Gammoojjiifi lafa qabbanaawaa cabbiin uwwifame keessas jiraachuu ni dandaha. Akka gaala Gammoojjii dalluu 1 qofa osoo hin taane, dalluu 2 qaba.
Maqaan Sanyii kanaa Afaan Ingiliffaatiin Bactrian Camel jedhama. Maqaa kanas qubsuma isaa irraa argate. naannoon gaalli kun hedduminaan itti argamu, bara durii Bactrian kingdom jedhamuudhaan beekama. Bifti uumama kanaa gaala kaan irraa garaagarummaa hin qabu. Ta’us hedduminaan bifa gara magaalaa dabu qaba. Rifeensi gaala kanaa dheeraa yoo ta’u, rifeensi kun oowwa aduu dandamatuudhaaf akkasumas yeroo qabbanaatiifis tajaajila guddaa kenna. Gaalli kun oowwa guddaa keessattis hin dafqu. Qaamni isaa kana akka dandamatu godhamee uumame. Torbaan hedduufis osoo bishaan hin dhugin akkuma gaala kaawwanii turuu danda’a. Dalluu isaa lamaan keessatti bishaan bifa faatiitiin kuufata. Yeroo bishaan isa barbaachisetti faatii kana baqsuudhaan fayyadama. Gaalli kun yeroo garii dalluu hin qabu. Dalluun isaa baqee diriira. Gaala Akkasii kana yoo argitan, bishaan dhabee barbaadachutti jira jechuudha.
Gaalli kun hedduminaan gammoojjii Goobii fi gammoojjii Taklimakan kan biyyoota Chaaynaa fi Mongoliyaa keessaatti argamu keessa jiraata. Har’aan tana baay’inni sanyii gaala kanaa Miiliyana 1.5 kan gahu yoo ta’u, hanga muraasa malee, hundi isaaniituu madaqfamanii ilma namaa waliin jiraatu jechuun ni danda’ama. Yeroo garii Gaala kana bosona keessatti arguunis ni mala. Gaala kana haala salphaan madaqasuun ni danda’ama.
Gama soorataatiin Akkuma Sanyii gaala kaanii marga argate hunda ni soorata. Hedduminaan ilmi namaa meeshaa irratti fe’achuu fi dhimma garagaraatiif waan fayyadamuuf, soorata naannoo tokkoo qofa irratti hin hundaa’u. Waan magariisa bakkuma argatee soorata. Marga lafa irra jiru dheeduu fi mukkeen irraa baalaa fi firii garagaraa soorata. Bakka margaa fi wantootni soorataaf mijaawaa ta’an hin jirretti, lafee fi wantoota jajjabaa akka mukaatis walitti guuree nyaata. Jalqaba yeroo waa sooratu san sirritti hin alanfatu. Hancufaan jiisaatuma gara garaa dabarsa. Booda deebisee Alala dhaha.
Gaalli kun bishaan hin filatu, argannaan inuma dhuga. Bishaan boorahaafii bishaan sooqiddaatis argannaan bira hin dabru. Yeroo qabbanni haalaan jabaatee lafti cabbiin uwwifamee bishaan dhokate ammoo, cabbii ilkaaniin alanfatee nyaata. Wanti kun bineensota lafa cabbii irra jiraataniif waan baramaadha. Binoonsonni cabbii irra jiraatan yeroo bishaan dhabamu. Cabbii alanshanii sooratu. Bishaan cabbii keessaa argamu fayyadamu jechuudha.
Gaalli kun walqunnamtii wal hormaata raawwatuudhaaf umriin waggaa sadih caaluu qaba. Haadhoon takkas rimaya ji’a 13f eega garatti qabattee booda, ilmoo tokko dhabbattee dhalti. Ilmoon kunis daqiiqaa muraasa keessatti dhaabbachuu danda’a. Yeroo dhalatu sanitti Kilograamaa 36 ulfaatuu kan danda’u yoo ta’u, waggaa 1 fi walakkaafis muchuma haadhaa hodha. Ilmoon haarawa dhalate kun haga gaafa guddatee bakka wal hormaataa gahutti haadhuma waliin tura.
Gaalli kun haala qulleensa garagaraa keessa jiraatuu ni danda’a. Gammoojjii hoo’i isaa digrii seentigreeda 40 caalu keessa jiraachuu ni danda’a. Akkasumas yeroo qabbanaatti, naannoo qabbanni isaa digrisentigreeda negative 30 ta’e keessas jiraachuu danda’a. Googaan gaala kanaa kan ajaa’ibaati. Yeroo hoo’aa gogaan isaa haphachuun haala qilleensa san wajjiin akka mijaahu taha. Yeroo qabbanaatti ammoo qabbana san dandamachuuf gogaan sun ni furdata. Akkasuma rifeensi haphiin sun walitti tuucha’uun gaala saniif hoo’a kenna.
Qabxiiloo Ijoo Gaala Bactrian
Gaalli kun lafarraa ol Meetira 2 kan dheeratu yoo ta’u, fuulduratti ammoo Meetira 3.3 dheerata.
Gaalli kun dalluu lama kan qabu yoo ta’u, lameenuu bishaan bifa faatiin walitti kuusuuf isa gargaara.
Yeroo dhebotee bishaa argatetti, daqiiqaa 15 keessatti bishaan litira 135 dhuguu danda’a.
Agartuu fi dhageettiin isaa jabaa yoo ta’u, bishaan daakus ni danda’a.
Mee Uumama akkanaa kan Ajaa’ibaa kana, Rabbii guddaa malee eentu tolchee uumuu danda’a. Subhan ALLAH. Rabbii dandeettiin waa hundaa harka kee jirtu, galanni si haa gahu, qananii islmaamummaatiin nu qananiisuu keetiif ganamaa galgala galata siif galchina. ALHAMDULILLAAHI RABBIL AALAMIIN
Qophii: Abu Ibtisaam