header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ameerikaan doonii niwkulara baatu ergite

Olmaya Gazzaa November 6,2023

Haleellaan waraanni Israa’el Gazzaa irratti raawwataa jiru ji’a tokko caalee jira. Haleellaan kun hammaachuu malee laaffachuu hin garsiisne. Halkan kaleessaatis misaa’elonni hedduun Gazzaa irratti darbamanii bulan. Haleellaan kun ganama harraatis itti fufee jira. Haleellaa kaleessa galgala raawwatameen namoonni nagaya 27 ajjeefamuu isaa mirkaneeffadheera jechuun tajaajilli oduu Falasxiin gabaaseera. Ganama harraatis haleellaa Deer Al Balaah fi Zawaaydaatti taasifameen namootni 45 ajjeefamaniiru jechuun Aljaziiraan gabaaseera. Hedduunis caccaba jalatti awwaalamaniiru. Akka walii galaatti lammiileen Falasxiin 9,922 ta’an ajjeefamanii jiran.

Kun osoo Kanaan jiru mootummaan Ameerikaa akeekkachiisa cimaa kennee jira. Guyyaa kaleessaa osoo hin beeksisin Iraaqiin kan daaw’ate itti gaafatamaan dhimma alaa Ameerikaa, Antoonii Blinken, Iiraan dabalatee qaamoleen Ameerikaa irratti haleellaa raawwatuu yaada qaban akka of eeggatan akeekkachiise. “Buufataalee waraanaa Ameerikaa irratti haleellaa raawwatuun kasaaraa guddaaf isin saaxila. Ameerikaan waan ofii eeggachuudhaaf waan godhuu qabdu cufa isaatuu ni taasisti” jechuun dhaame. Gareewwan Iiraaniin deeggaraman haleellaa tokko raawwannaan deebisaa kennuuf akka dirqamanis beeksise. Kanuma bu’uura godhachuun, dooniin bishaan jalaa kan Niwkulara baadhatu gara baha jiddu galeessaa akka deemu taasifamuun isaa beekkameera. Ajajni waraana dhimma baha jiddu galeessaa akka ibsetti dooniin bahara jalaa tun bakka barbaadamtu dhaqqabdee jirti jedhe.

Waraana lafoo Israa’el fi Hamaas jiddutti godhamuunis lakkoofsi loltoota Israa’el ajjeefamaa jiranii dabalaa jira. Akka ministeerri waraanaa Israa’el beeksisetti loltoonni 30 ta’an Gazzaa keessatti jalaa ajjeefamuu isaa beeksiseera. Hamaas gama isaatiin makiinaalee waraanaa hedduu barbadeessuu isaa beeksise.

Haleellaa Israa’el Gazzaa irratti raawwataa jirtu Kanaan hojjattoonni fayyaa 175 ajjeefamuu isaanii ministeerri fayyaa Falasxiin beeksiseera. Dabalataan hojjattoonni hawaasummaa 34 ta’anis ajjeefamaniiran. Yeroo haleellaa kanaatitti Hospitaalota Gazzaa keessa jiran 36 keessaa 16 akkasumas kilinikoota 72 keessaa 51 dalagaa dhaabaniiru. Hospitaalotnii fi Kilinikoonni kunniin hedduun kan haleellaan barbadaayan yoo ta’u, gariin ammoo sababa boba’aa dhabuutiin dalagaa dhaaban.

Gama biraatiin dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalaa hojjattoonni 88 ajjeefamaniiran. Akka UN himetti hojjattoonni isaa hagana heddummaatan lola asiin dura godhame kamirrattu hin ajjeefamne. Israa’el haleellaa taasisaa jirtu Kanaan bu’uuraalee misoomaa hedduus barbadeessaa jirti. Bishaan, ifaa fi Gaazni gara Gazzaa akka hin seenne erga dhoorkiteen booda guyyaa kaleessaa ammoo eela bishaanii lama, ujummoo balfi keessa yaa’uu fi kuusaalee bishaanii lamarratti haleellaa raawwattee barbadeessiteerti. Bishaan magaalattiin hambifattes harkaa balleessiteerti. Sababa dhoohinsa ujummoo balfi keessa yaa’uun wal qabateetis namni hedduun dhibeef saaxilamuu danda’a jechuun ministeerri fayyaa beeksiseera.

Comment

Back to top button