header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Briteen  Sanadii walii galtee haala biyyattiin Gamtaa Awrooppaa keessaa baatuun ibsu (Brexit deal)  kuffise

Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu irratti yeroo dheeraaf mari’atuun sanadii walii galtee Brexit Deal jedhamu qopheessaa ture.

 

Sanadni waliigaltee haala Briteen Gamticha keessaa baatuun ibsu (Brexit deal) kan fuula 600 qabuu fi labsiin fuula 26 kan hariiroo biyyattiin fuulduraaf gamticha waliin qabaattu ibsu kun, guyyaa kaleessaa paarlaamaa Briteeniif dhihaatee sagaleen kan irratti kenname yoo tahuu, sanadichi deeggarsa sagalee miseensota paarlaamaa 230 fi mormii 432’n kan kufe tahuun beekkameera.

 

Briteen hamma March 29, 2019tti guututti gamtaa Awurooppaa keessaa bahuu kan qabdu tahus, paarlaamaan Briteen dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti kan qoqqoodame tahuu gabaasni BBC ni mul’isa. Bulchiinsi Miss Meey walii galtee tokkoon malee gamticha keessaa bahuun Briteen ni miidha yaada jedhu irratti kan ciche tahus, tarkaanfiin itti aanu maal akka tahuu qabu hin ibsine. Gama birootiin ammoo miseensonni paarlaamaa biyyattii heddu ummanni Briteen yaada gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu kana irra deebiin sagalee irratti haa kennu jedhaa jiran.

 

Sanadiin walii galtee muummitii ministeeraatiin dhihaate kun kufuu isaa hordofuun, bulchiinsi Tereesaa Meey danqaa hamaa keessa galee jira. Haaluma kanaan guyyaa boruu mootummaan Tereesaa Meeyin hogganamu itti haa fufu yookaan ammoo haa diigamu yaada jedhu irratti paarlaamaan sagalee kan kennu tahuu gabaafame.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button