header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sanadni Tokkummaa fi waliigaltee haawasa Muslimaa dhiheenyatti mariif kan dhiyaatu tahuu gabafame

Koreen waliigalaa jijjiirama dhaabbata muslimoota Ityoophiyaa kan dhimma hawaasa muslimaa irratti qorannoo geggeessuun, rakkoo hawaasa muslimaatiif furmaata akka kaahuuf muummicha ministeeraatiin hundeeffame sanada walii galtee fi tokkummaa qopheessee hawaasa muslimaatiif dhiheessuuf tahuu ibsame.

Sanadni tokkummaafi wali galtee kun seera ittiin bulmaata majliisa fi mana maree Ulamaa’otaa fuulduraaf hundeeffamuu yoo tahu, dhaabbileen kunniin tokkummaa hawaasa muslimaa eegsisuuf akkasumas kan ilaalcha hunda hammatu akka tahe beekameera.

Yeroo dhiyotti sanada kana irratti akka yaada kennaniif Ulamaa’ota kutaa biyyattii hunda keessa jiraniif kan dhiyaatu tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button