header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa dhala irraa bilisa Majlisa waliin hojjachuuf walii galtee mallatteesse.

Nuuralhudaa October 1,2022

Hoggantoonni Mana maree dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa; hoggansa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin marii bal’aa eega taasisanii booda, dhimmoota heddurratti waliin hojjachuuf walii galtee mallatteessanii jiru. Marii kanarratti Majlliisa Federaalaa, Majliisa Magaalaa Finfinnee fi Majliisni Naannoo Oromiyaa kan hirmaatan yoo tahu, dhimmoota heddurratti gadi fageenyaan hoggansa Baankii hojii gamtaa Oromiyaa waliin mari’ataniiru.

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa amma duras dhimmoota heddurratti Majliisa gargaaraa kan ture yoo tahu, If duraafis tajaajila dhalarraa bilisaa (Coop Bank Alhudaan) Majliisa waliin hojjachuuf walii galtee irra gahee jira.

Hoggantoonni Majliisa Federaalaa, Majliisa Magaalaa Finfinneefi Majliisa Naannoo Oromiyaa kan marii kanarratti hirmaatan, Hoggansa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa Galatoomfataniiru.

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button