header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ibiddi Ameerikaa Kutaa Kaalifoorniyaa Keessatti ka’e lubbuu nama hedduu galaafate.

Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatti ibiddi ka’e, yoo xiqqaate lubbuu namoota10 galaafate. Ibiddi kun iddoo adda addaa 14tti kan qabate yoo tahuu, keessattu naannawa lafa qonna Inabaatiin beekkamu barbadeessaa jira. Ibiddi Saa’atii tokkotti Kilomeetra 80 saffisu, magaalaa Santa Rosa jedhamtu keessatti, Hospitaala, Dukkaalee fi manneen jireenyaa dabaleetee waluma galatti maneen 1500 ol barbadeesse.
Baddaan Naappaa muka Inabaatiin beekkamus garmalee miidhame. Naannoolee Naappaa, Sonomaa fi Yubaa keessaa, ibidda seenaa naannichaatti hamaa ta’e kanaan namoonni 20,000 ol tahan qe’ee isaanii irraa baqataniiru.
Bulchaan Kaalifoorniyaa labsii yeroo hatattamaa labsuu ilaalchisee ibsa  baaseen, ”Ibiddi kun manneen hedduu  barbaddeesse, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ammoo yaaddesseera. Kun ammoo namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanirraa akka godaanan taasiseera,” jedhe.
Ka’umsi ibidda Alhada galgala ka’e kanaa haga yoonaa hin beekamne. Ibiddi garmalee hatattamaan qabatu kun, bubbee cimaa fi qilleensa ho’aa fi gogaa taheen babal’achaa kan jiru tahuu gabaasni VOA irraa arganne ni mul’isa. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button